Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 9:1-31

  • Mootuun Sheebaa gara Solomoon dhufte (1-12)

  • Qabeenya Solomoon (13-28)

  • Solomoon ni duʼe (29-31)

9  Mootuun biyya Sheebaa+ waaʼee Solomoon dhageessee, gaaffiiwwan ulfaatoo taʼaniin* isa qoruuf gara Yerusaalem ni dhufte. Ishiinis namoota hedduu of duukaa buustee, zayitii baalsaamii,* warqii hedduu+ fi dhagoota gatii guddaa qaban gaalotatti feetee dhufte. Gara Solomoonitti seentees waan garaa ishii hundumaa isatti himte.+  Solomoonis gaaffiiwwan ishii hunda ni deebiseef. Wanti Solomoon ishiidhaaf ibsuun isa rakkise* tokko illee hin jiru ture.  Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon qabu,+ mana inni ijaare,+  nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu+ yommuu argitu wanta jettu wallaalte.*  Kanaafuu, mootichaan akkana jette: “Wantoota ati raawwattee* fi ogummaa kee ilaalchisee wanti ani biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha.  Haa taʼu malee, hamman dhufee ija kootiin argutti oduu kana hin amannen ture.+ Kunoo, ogummaa kee isa guddaa keessaa walakkaan isaa illee natti hin himamne.+ Ati oduu ani dhagaʼe irra baayʼee ni caalta.+  Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha!  Waaqni kee Yihowaan, inni sitti gammadee Waaqa kee Yihowaadhaaf mootii godhee teessoo isaa irra si kaaʼe haa jajamu. Waaqni kee Israaʼeliin waan jaallatee+ fi ishiin bara baraaf akka jiraattu gochuu waan barbaadeef, ati haqaa fi qajeelummaadhaan akka bulchituuf mootii godhee ishii irratti si muudeera.”  Achiis ishiin warqii taalaantii* 120, zayitii baalsaamii hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban mootichaaf ni kennite.+ Sana booda zayitiin baalsaamii hamma mootuun Sheebaa Solomoon Mootichaaf kennite gaʼu dhufee hin beeku.+ 10  Kana malees, tajaajiltoonni Hiiraamii fi tajaajiltoonni Solomoon warri Ofiir irraa warqii fidaa turan,+ saanqaawwan muka sandalii fi dhagoota gatii guddaa qabanis ni fidu turan.+ 11  Mootichi saanqaawwan muka sandalii irraa kortoowwan mana Yihowaa+ fi kortoowwan mana mootichaa,+ akkasumas faarfattootaaf baganaa fi meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban ni hojjete.+ Saanqaawwan akkanaa sana dura biyya Yihudaa keessatti argamanii hin beekan. 12  Solomoon Mootichi wanta ishiin mootichaaf fidde caalaa,* wanta mootuun Sheebaa barbaaddee fi isa gaafatte akkamii iyyuu ishiidhaaf ni kenne. Sana booda ishiin achii baatee tajaajiltoota ishii wajjin gara biyya ishiitti deebite.+ 13  Warqiin waggaa waggaadhaan Solomooniif dhufu ulfaatinni isaa taalaantii 666 taʼa ture;+ 14  kana malees, daldaltoonni imaltoota taʼanii fi daldaltoonni, akkasumas mootonni Arabootaa fi bulchitoonni biyyattii hundi Solomooniif warqii fi meetii ni fidu turan.+ 15  Solomoon Mootichi gaachana guguddaa 200 warqii makaa sibiilaa qabu irraa ni hojjete+ (tokkoon tokkoon gaachanichaa warqii makaa sibiilaa qabu sheeqilii* 600 qaba ture);+ 16  kana malees, gaachana xixinnoo* warqii makaa sibiilaa qabu 300 ni hojjete (tokkoon tokkoon gaachana xixinnoo kanaas warqii miinaa* sadii qaba ture). Achiis mootichi Mana Bosona Libaanon jedhamu keessa isaan kaaʼe.+ 17  Kana malees, mootichi ilka arbaa irraa teessoo guddaa tokko hojjetee warqii qulqulluudhaan ni uwwise.+ 18  Kortoon gara teessichaatti ol baasu jaʼa jira ture; ejjenni miilaa warqii irraa tolfamee teessichaa wajjin wal qabsiifame tokko jira ture; teessichi garasii fi garanaan wanta harka irra kaaʼatan qaba ture; bocawwan leencotaa+ lamas wanta harka irra kaaʼatan bira dhaabbatanii jiru turan. 19  Kortoowwan jaʼan sana irras bocawwan leencotaa+ 12 dhaabbatanii jiru turan; isaanis tokkoon tokkoon fiixee kortoowwan jaʼan sanaa irra jiru turan. Mootummaan wanta akkanaa hojjete kan biraan hin jiru ture. 20  Miʼawwan Solomoon Mootichi itti dhugu hundi warqii irraa kan tolfaman turan; miʼawwan Mana Bosona Libaanon jedhamu keessa jiran hundis warqii qulqulluu irraa kan tolfaman turan. Bara Solomoonitti meetiin akka waan gatii hin qabneetti waan ilaalamuuf, wanti meetii irraa tolfame tokko illee hin jiru ture.+ 21  Tajaajiltoonni Hiiraam+ dooniiwwan mootichaa oofanii gara Tarshiishitti+ deemu turan. Dooniiwwan Tarshiish waggaa sadiitti siʼa tokko warqii, meetii, ilka arbaa,+ qamaleewwanii fi xaawusoota* feʼanii dhufu turan. 22  Kanaafuu, Solomoon Mootichi badhaadhinaa fi ogummaa isaatiin mootota lafa irra jiran kaan hundumaa irra ni caala ture.+ 23  Mootonni lafa irra jiraatan hundi ogummaa Waaqni dhugaan garaa Solomoon keessa kaaʼe dhagaʼuuf isaa wajjin wal arguu* barbaadu turan.+ 24  Isaanis tokkoon tokkoon isaanii waggaa waggaadhaan miʼawwan meetii, miʼawwan warqii, uffata,+ meeshaa waraanaa, zayitii baalsaamii, fardeenii fi gaangolii akka kennaatti ni fidu turan. 25  Solomoon gola fardeenii fardeen isaa fi gaariiwwan fardaa isaatiif qophaaʼe 4,000 fi fardeen* 12,000 qaba ture;+ isaanis magaalota gaarii fardaa keessa, akkasumas Yerusaalem keessa naannoo mootichi jiraatu keessa akka jiraatan godhe.+ 26  Innis mootota Laga* sanaa jalqabee hamma biyya Filisxeemotaatti, akkasumas hamma daangaa biyya Gibxiitti jiran hundumaa irratti ni bulche.+ 27  Mootichi Yerusaalem keessa meetiin akkuma dhagaatti baayʼinaan akka argamu godhe; mukti gaattiraas akkuma muka harbuu isa Shefelaa keessa jiruutti baayʼinaan akka argamu godhe.+ 28  Isaanis biyya Gibxii fi biyyoota kaan hundumaa irraa Solomooniif fardeen ni fidu turan.+ 29  Seenaan Solomoon inni hafe,+ jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, barreeffamoota Naataan+ raajichaa, raajii Ahiyaa+ Shiiloonichaa fi seenaa mulʼata Idoon+ inni mulʼata argu Yeroboʼaam+ ilma Nebaatiin ilaalchisee arge qabate keessatti barreeffameera mitii? 30  Solomoon Yerusaalem keessa taaʼee guutummaa Israaʼel irratti waggaa 40f ni bulche. 31  Achiis Solomoon abbootii isaa wajjin ni boqote. Isaanis Magaalaa abbaa isaa Daawit keessatti isa ni awwaalan;+ ilmi isaa Rooboʼaamis bakka isaa mootii ni taʼe.+

Miiljaleewwan

Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
Ykn., “hibboodhaan.”
Kal., “wanti Solomoon jalaa dhokate.”
Kal., “hafuurri ishii keessatti hin hafne.”
Ykn., “dubbatte.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn tarii, “kennaawwan hamma ishiin mootichaaf fiddee wajjin wal qixxaatu dabalatees.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.
Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti miinaan tokko 570 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Allaattii halluuwwan bareedan adda addaa qabdu. Ingiliffaan piikookii.
Kal., “fuula isaa arguu.”
Ykn., “abbootii fardeenii.”
Jechuunis, Efraaxis.