Tasalonqee Lammaffaa 1:1-12

  • Nagaa dhaamuu (1, 2)

  • Amantiin warra Tasalonqee guddachaa deeme (3-5)

  • Warra hin ajajame irratti haaloo baʼuu (6-10)

  • Kadhannaa gumichaaf dhihaate (11, 12)

1  Phaawulos, Silwaanosii* fi Ximotewos+ irraa, gumii Tasalonqee warra Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii wajjin tokkummaa qabaniif:  Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.  Yaa obbolootaa, nuti yeroo hunda waaʼee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuuf dirqamni nu irra jira. Amantiin keessan baayʼee guddachaa waan jiruuf, jaalalli tokkoon tokkoon keessan waliif qabdanis dabalaa waan jiruuf kana gochuun keenya sirrii dha.+  Ariʼatamaa fi rakkina isin irra gaʼe hunda keessatti jabaattanii dhaabbachuu keessanii fi amantii argisiistaniin kan kaʼe,+ nuti mataan keenya gumiiwwan Waaqayyoo gidduutti isiniin ni boonna.+  Kun Waaqayyo murtii qajeelaa akka kennu kan argisiisu dha; kanaan kan kaʼes, Mootummaa Waaqayyoo isa isaaf jettanii rakkachaa jirtan sana argachuun kan isiniif malu akka taatanitti ilaalamtu.+  Waaqayyo qajeelaa waan taʼeef, warra rakkina isin irra geessisan ni adaba.+  Haa taʼu malee, isin warri rakkinni irra gaʼe, Gooftaan keenya Yesuus yeroo maleekota isaa+ humna guddaa qabanii wajjin samii irraa mulʼatu nuu wajjin boqonnaa isiniif kenna;+  inni samii irraa kan mulʼatu ibidda bobaʼuun yeroo taʼu, warra Waaqayyoon hin beeknee fi misiraachoo waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsuuf hin ajajamne irratti haaloo ni baʼa.+  Isaan Gooftaa fi humna isaa isa ulfina qabeessa duraa fageeffamanii, badiisa bara baraatiin adabamu;+ 10  Gooftaan guyyaa dhufutti qulqulloota isaa wajjin ulfina ni argata, akkasumas warra isatti amanan hundumaa gidduutti dinqisiifannaadhaan kabaja ni argata; isin warri wanta nuti ragaa baane fudhattanis isaan gidduutti lakkaaʼamtu. 11  Kanaafuu, nuti Waaqni keenya waamicha isaatiif kan maltan godhee akka isin lakkaaʼu,+ akkasumas humna isaatiin wanta gaarii isa gammachiisu hundumaa fi hojii amantii hunda guutummaatti akka hojjettan yeroo hunda isiniif kadhanna. 12  Kunis gaarummaa guddaa Waaqa keenyaa fi kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii wajjin haala wal simuun, maqaan gooftaa keenya Yesuus isiniin ulfina akka argatuu fi isinis tokkummaa isaa wajjin qabdaniin ulfina akka argattaniifi.

Miiljaleewwan

Siilaas jedhamees ni waamama.