Baʼuu 17:1-16

  • Gungummii bishaan dhabanii Horeebitti dhageessisan (1-4)

  • Bishaan qarsaa keessaa argame (5-7)

  • Amaaleqota waraananii injifatan (8-16)

17  Guutummaan yaaʼii Israaʼel akka ajaja Yihowaan kennetti+ bakka adda addaa buufachaa lafa onaa Siin+ keessaa baʼanii deeman; achiis Refiidim keessa buufatan.+ Haa taʼu malee, sabichi bishaan dhugu hin qabu ture.  Kanaafuu sabichi, “Bishaan dhugnu nuuf kenni” jedhanii Musee loluu jalqaban.+ Museen garuu, “Maaliif naan loltu? Maaliif Yihowaa qortu?”+ isaaniin jedhe.  Sabichis achitti akka malee bishaan waan dheeboteef, “Ati nuun, ilmaan keenyaa fi horiiwwan keenya dheebuudhaan ajjeesuuf biyya Gibxii keessaa maaliif nu baaste?” jedhee Musee irratti gungumuu isaa itti fufe.+  Dhuma irrattis Museen, “Saba kana maal gochuun qaba? Isaan yeroo xinnoo booda dhagaadhaan na tumu!” jedhee gara Yihowaatti iyye.  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Jaarsolii Israaʼel tokko tokkoo fi ulee isa ittiin Laga Abbayyaa rukutte+ sana fudhadhuutii sabicha dura buʼii deemi. Ulicha harka keetti qabadhuutii qajeeli.  Kunoo, ani achitti qarsaa isa Horeeb keessatti argamu irratti si dura nan dhaabbadha. Qarsaa sana rukuti; bishaanis achi keessaa ni baʼa; sabichis ni dhuga.”+ Museenis jaarsolii Israaʼel duratti akkanuma godhe.  Israaʼelonni Musee waan lolaniif, akkasumas, “Yihowaan nu gidduu jira moo hin jiru?” jedhanii Yihowaa waan qoraniif,+ inni maqaa iddoo sanaa Maasaa*+ fi Mariibaa*+ jedhee moggaase.  Sana booda Amaaleqonni+ dhufanii Refiidimitti Israaʼelota irratti waraana banan.+  Yeroo kanatti Museen Iyyaasuudhaan,+ “Namoota nuu filadhuutii Amaaleqota waraanuuf baʼi. Anis boru ulee Waaqa dhugaa harka kootti qabadhee fiixee tabbichaa irra nan dhaabbadha” jedhe. 10  Iyyaasuunis akkuma Museen isaan jedhe godhe;+ Amaaleqotas ni waraane. Museen, Aaronii fi Huuris+ gara fiixee tabbichaatti ol baʼan. 11  Museen yommuu harka isaa ol kaasee jirutti Israaʼelonni ni moʼu turan; akkuma inni harka isaa gad buusutti garuu Amaaleqonni ni moʼu turan. 12  Harki Musee yeroo dadhabettis isaan dhagaa fuudhanii isa jala kaaʼan; innis isa irra ni taaʼe. Achiis Aaronii fi Huur inni tokko garanaan inni tokko immoo garasiin taʼanii harka isaa ol utuban; kanaafuu, harki isaa hamma aduun lixxutti akkuma ol kaafametti ni ture. 13  Akka kanaan Iyyaasuun Amaaleqii fi saba isaa goraadeedhaan ni injifate.+ 14  Yihowaanis Museedhaan, “‘Ani yaadannoo Amaaleq samii jalaa guutummaatti haxaaʼee nan balleessa’+ jedhiitii akka yaadannootti kitaaba keessatti barreessi, Iyyaasuuttis himi” jedhe. 15  Achiis Museen iddoo aarsaa tokko ni ijaare; maqaa isaas Yihowaa Nissi* jedhee moggaase; 16  kanas kan jedhe, “Harki isaa teessoo Yaah+ irratti waan kaʼeef, Yihowaan dhalootaa hamma dhalootaatti Amaaleqiin ni waraana”+ jechuudhaan ture.

Miiljaleewwan

“Qorumsa” jechuu dha.
“Wal Loluu” jechuu dha.
“Yihowaan Faajjii Koo Ti” jechuu dha.