Baʼuu 2:1-25
2 Bara sanatti maatii Leewwii keessaa namichi tokko intala Leewwii fuudhe.+
2 Dubartittiinis ulfooftee ilma deesse. Mucichi baayʼee miidhagaa taʼuu isaa yommuu argitus jiʼa sadiif dhoksitee isa tursite.+
3 Isa dhoksuu yommuu dadhabdettis+ guuboo* dhallaadduu irraa tolfame fudhattee leelee* fi hapheedhaan maragdee mucicha achi keessa keesse; achiis guuboo sana shomboqqoo qarqara Laga Abbayyaatti argamu gidduu keesse.
4 Obboleettiin+ isaa immoo wanta isa irra gaʼu ilaaluuf isa irraa fagaattee dhaabbatte.
5 Intalli Faraʼoon Lagicha keessatti qaama ishii dhiqachuuf yeroo gad buutetti, tajaajiltoonni ishii warri durbaa Lagicha qarqara deemaa turan. Ishiinis guuboo sana shomboqqoo gidduutti argite. Dhaqxee akka fidduufis yeruma sana garbittii ishii ergite.+
6 Guuboo sana yommuu bantus mucicha argite; yeroo kanatti inni booʼaa ture. Ishiinis garaa isaaf laafte; haa taʼu malee, “Kun ijoollee Ibrootaa keessaa tokko dha” jette.
7 Achiis obboleettiin isaa intala Faraʼooniin, “Mucicha hoosistee akka sii guddistuuf, dhaqee Ibroota keessaa dubartii hoosistu tokko sii waamuu?” jette.
8 Intalli Faraʼoonis, “Dhaqi!” ishiidhaan jette. Ishiinis yeruma sana dhaqxee haadha mucichaa+ waamte.
9 Intalli Faraʼoonis, “Mucaa kana fuudhiitii hoosisii naaf guddisi; anis siifan kaffala” ishiidhaan jette. Kanaafuu, dubartittiin mucicha fuutee hoosistee guddiste.
10 Mucichi yommuu guddatus ishiin gara intala Faraʼoonitti isa fidde; innis ilma ishii taʼe.+ “Ani bishaan keessaa isa baaseera” jettees maqaa isaa Musee* jettee moggaaste.+
11 Bara sanatti, Museen gaʼeessa* erga taʼee booda baʼaa isaan baatan+ ilaaluuf gara obboloota isaatti gad baʼe; yeroo kanatti Museen namichi Gibxii tokko Ibricha isa obboloota isaa keessaa tokko taʼe yommuu rukutu arge.
12 Kanaafuu, asii fi achi ilaallatee eenyu iyyuu akka isa hin argine yommuu hubatu, namicha Gibxii sana ajjeesee cirracha keessa dhokse.+
13 Haa taʼu malee, guyyaa itti aanu yommuu gad baʼu, Ibroonni lama wal lolaa turan. Kanaafuu, isa balleessaa qabu sanaan, “Michuu kee maaliif rukutta?” jedhe.+
14 Innis deebisee, “Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii godhee nu irratti si muude? Akkuma namicha Gibxii sana ajjeeste anaanis ajjeesuu barbaaddee?” isaan jedhe.+ Museenis yeroo kanatti sodaatee, “Dhimmichi dhugumaan beekameera!” jedhe.
15 Sana booda Faraʼoon waaʼee kanaa dhagaʼee, Musee ajjeesuu barbaade; Museen garuu Faraʼoon jalaa baqatee biyya Miidiyaan+ keessa jiraachuuf deeme; boolla bishaanii tokko biras ni taaʼe.
16 Lubni Miidiyaan+ ijoollee durbaa torba qabu tokko jira ture; isaanis bishaan waraabanii bidiruu* horiin keessaa dhuganitti bishaan guutanii bushaayee* abbaa isaanii obaasuu dhufan.
17 Haa taʼu malee, akkuma kanaan dura godhanitti tiksitoonni dhufanii isaan ariʼan. Yeroo kanatti Museen kaʼee dubartoota sana gargaare;* bushaayee isaaniis bishaan obaase.
18 Yommuu isaan gara manaa, jechuunis gara abbaa isaanii Rewuʼelitti*+ deebiʼanitti inni ajaaʼibsiifatee, “Harʼa akkamitti daftanii manatti deebitan?” jedhee isaan gaafate.
19 Isaanis, “Namichi Gibxii+ tokko tiksitoota irraa nu oolche; bishaan waraabee iyyuu bushaayee keenya obaaseera” jedhanii deebisan.
20 Innis ijoollee isaatiin, “Maarree inni eessa jira? Namicha maaliif dhiistanii dhuftan? Nuu wajjin akka nyaatuuf isa waamaa” jedhe.
21 Sana booda Museen namichaa wajjin jiraachuuf walii gale; namichis intala isaa Sifooraa+ Museetti heerumsiise.
22 Boodas ishiin ilma ni deesse; innis, “Ani biyya ormaa keessatti nama biyya ormaa taʼeera”+ jechuudhaan maqaa isaa Geershom*+ jedhee moggaase.
23 Yeroo dheeraa* boodas mootiin Gibxii ni duʼe;+ Israaʼelonni garuu garboota taʼuu isaaniitiin kan kaʼe aaduu isaanii fi gaddaan iyyuu isaanii itti fufan; iyyi isaan sababii garbummaa isaaniitiin dhageessisanis gara Waaqa dhugaatti ol baʼe.+
24 Yeroo boodas Waaqayyo aaduu isaanii ni dhagaʼe;+ kakuu isaa isa Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobii wajjin gales ni yaadate.+
25 Kanaafuu, Waaqayyo Israaʼelota ni ilaale; xiyyeeffannaas isaaniif ni kenne.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “bidiruu; saanduqa.”
^ Ykn., “reenjii.”
^ “Kan Baafame” jechuu yeroo taʼu, bishaan keessaa kan oole taʼuu isaa argisiisa.
^ Ykn., “cimaa.”
^ Jechuunis, gongaa.
^ Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
^ Ykn., “irraa ni dhowwe.”
^ Jechuunis, Yetroo.
^ “Nama Biyya Ormaa Achi Jiraatu” jechuu dha.
^ Kal., “Guyyoota hedduu.”