Baʼuu 20:1-26
20 Achiis Waaqayyo dubbii kana hundumaa ni dubbate:+
2 “Ani Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase dha.+
3 Ana biratti* waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+
4 “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin.+
5 Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;
6 warra na jaallatanii fi ajajawwan koo eeganiif garuu, Waaqa hamma dhaloota kumaatti jaalala amanamaa argisiisu dha.+
7 “Yihowaan isa maqaa isaa akkasumaan dhaʼu utuu hin adabin waan hin dhiisneef,+ ati maqaa Waaqa kee Yihowaa akkasumaan hin dhaʼin.+
8 “Guyyaa Sanbataa qulqulluu gootee eeguu hin dagatin.+
9 Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+
10 guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha. Ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin beeladni kee yookiin namni biyya ormaa gandeen* kee keessa jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+
11 Sababiin isaas, Yihowaan guyyaa jaʼa keessatti samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa erga uumee booda, guyyaa torbaffaatti boqochuu jalqabeera.+ Yihowaan guyyaa Sanbataa kan eebbisee fi qulqulluu kan godhe kanaafi.
12 “Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti bara dheeraa akka jiraattuuf,+ abbaa kee fi haadha tee kabaji.+
13 “Hin ajjeesin.+
14 “Hin ejjin.+
15 “Hin hatin.+
16 “Nama irratti sobaan ragaa hin baʼin.+
17 “Mana namaa hin hawwin. Haadha manaa namaa+ yookiin garbicha isaa yookiin garbittii isaa yookiin qotiyyoo isaa yookiin harree isaa yookiin wanta kan isaa taʼe kam iyyuu hin hawwin.”+
18 Guutummaan sabichaa sagalee kakawwee fi sagalee xurumbaa ni dhagaʼe; akkasumas bakakkaa sanaa fi aara gaarichaa ni arge; kunis akka hollatanii fi fagaatanii akka dhaabbatan isaan godhe.+
19 Kanaafuu isaan Museedhaan, “Ati nuu wajjin dubbadhu; nutis ni dhageenya; garuu akka nuti sodaadhaan hin duuneef, Waaqayyo akka nutti dubbatu hin godhin” jedhan.+
20 Museenis sabichaan, “Hin sodaatinaa; Waaqni keessan kan dhufe isa sodaachuu keessan itti fufuudhaan akka isin cubbuu hin hojjenne+ isin qoruufi”+ jedhe.
21 Kanaafuu, sabichi akkuma fagaatee dhaabbatetti jira ture; Museen garuu duumessa gurraacha iddoo Waaqni dhugaan jiru sanatti ni dhihaate.+
22 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Ani samii irraa akkan isinitti dubbadhe isinumti iyyuu argitaniittu.+
23 Isin ana biratti meetii irraa waaqolii hin tolfatinaa; warqii irraas ofii keessaniif waaqolii hin tolfatinaa.+
24 Ati dhoqqee irraa iddoo aarsaa anaaf ni ijaarta; achi irrattis aarsaawwan kee warra gubaman, aarsaawwan gamtaa* kee, bushaayee kee fi horii kee aarsaa gootee ni dhiheessita. Bakka ani maqaan koo akka yaadatamu godhu hundumaatti,+ gara kee nan dhufa; akkasumas sin eebbisa.
25 Ati dhagaa irraa iddoo aarsaa yoo naaf ijaarte, dhagoota meeshaadhaan soofamaniin* hin ijaarin.+ Sababiin isaas, isa tolchuuf qirixii keetti yoo fayyadamte, dhagicha ni xureessita.
26 Qullaan kee achi irratti akka hin mulʼanneef, kortoodhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Anaan diduudhaan.” Kal., “Fuula koo duratti.”
^ Kal., “karrawwan.”
^ Ykn., “aarsaawwan nagaa.”
^ Ykn., “bocamaniin.”