Daaniʼel 12:1-13

  • “Bara dhumaa” fi yeroo sana booda jiru (1-13)

    • Mikaaʼel ni kaʼa (1)

    • Warri hubannaa qaban akka gaariitti ifu (3)

    • Beekumsi dhugaan ni baayʼata (4)

    • Daaniʼel gaʼee isaa argachuuf ni kaʼa (13)

12  “Yeroo sanatti bulchaa guddicha+ kan taʼe Mikaaʼel*+ inni saba keetiif* dhaabbatu ni kaʼa. Yeroon dhiphinaa erga sabni hundeeffamee kaasee hamma yeroo sanaatti taʼee hin beekne ni taʼa. Yeroo sanatti sabni kee, jechuunis namni kitaabicha keessatti galmeeffame+ hundi ni oola.+  Namoota biyyoo lafaa keessa rafanii jiran keessaa hedduun isaanii ni kaʼu; isaan keessaa tokko tokko jireenya bara baraatiif, kaan immoo arrabsoo fi salphina bara baraatiif ni kaʼu.  “Warri hubannaa gad fagoo qaban akka samii guyyaatti, warri namoota hedduu gara qajeelummaatti fidanis akka urjiileetti baraa hamma bara baraatti ni ifu.  “Yaa Daaniʼel, ati garuu hamma bara dhumaatti dubbii kana iccitiidhaan qabi, kitaabichas chaappaadhaan cufi.+ Namoonni hedduun kitaabicha gad fageenyaan ni qoratu;* beekumsi dhugaanis ni baayʼata.”+  Achiis ani Daaniʼel yommuun ilaalu qaamonni kan biroon lama achi utuu dhaabbatanii nan arge; inni tokko qarqara lagichaa isa garanaa irra, inni kan biraan immoo qarqara lagichaa isa garasii+ irra dhaabbatanii turan.  Achiis inni tokko isa uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee+ fi bishaan laga sanaa gubbaa jiruun, “Wantoonni dinqisiisoon kun hamma raawwatamanii xumuramanitti yeroo hammamiitu darba?” jedhe.  Achiis namichi uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee fi bishaan laga sanaa gubbaa jiru harka isaa mirgaa fi harka isaa bitaa gara samiitti ol kaasee Waaqa isa bara baraaf jiraatuun+ kakatee akkana jedhee yommuu deebisu nan dhagaʼe: “Bara murteeffame, baroota murteeffamanii fi walakkaa baraatu* darba. Akkuma isaan humna saba qulqulluu caccabsanii xumuraniin+ wantoonni kun hundi ni raawwatamu.”  Ani garuu kanan dhagaʼe taʼus hubachuu hin dandeenye;+ kanaafuu, “Yaa gooftaa koo, dhumni wantoota kanaa maali dha?” jedheen gaafadhe.  Innis akkana naan jedhe: “Yaa Daaniʼel, deemi; sababiin isaas, dubbiin kun hamma bara dhumaatti iccitiidhaan qabamuu fi chaappaan irratti godhamuu qaba.+ 10  Namoonni hedduun of ni qulqulleessu, of ni addeessu, ni calalamus.+ Jalʼoonni jalʼina ni raawwatu; jalʼoota keessaa tokko illee dubbii kana hin hubatu; warri hubannaa gad fagoo qaban garuu kana ni hubatu.+ 11  “Aarsaan yeroo hundumaa dhihaatu erga hafee+ fi wanti balfamaan badiisa geessisu sun erga dhaabamee+ kaasee guyyoota 1,290 ni taʼa. 12  “Namni guyyoonni 1,335 hamma xumuramanitti obsaan* eeggatu gammadaa dha! 13  “Ati garuu hamma dhumaatti jabaadhuu dhaabbadhu. Ni boqotta; taʼus, dhuma barichaatti gaʼee kee argachuuf* ni kaata.”+

Miiljaleewwan

“Kan Akka Waaqaa Eenyu?” jechuu dha.
Kal., “ilmaan saba keetiitiif.”
Kal., “Namoonni hedduun asii fi achi ni jedhu.”
Jechuunis, bara sadii fi walakkaa.
Ykn., “hawwiidhaan.”
Ykn., “iddoo siif ramadame keessatti.”