Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Hisqiʼel

Boqonnaawwan

Qabiyyee Kitaabichaa

  • 1

    • Hisqiʼel Baabilon keessatti mulʼatawwan Waaqayyoo arge (1-3)

    • Mulʼata waaʼee saragallaa Yihowaa ibsu (4-28)

      • Bubbee, duumessaa fi ibidda (4)

      • Uumamawwan jiraatoo afur (5-14)

      • Geengoowwan afur (15-21)

      • Wanta diriiraa akka cabbiitti calaqqisu (22-24)

      • Teessoo Yihowaa (25-28)

  • 2

    • Hisqiʼel raajii akka taʼu muudame (1-10)

      • “Dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis” (5)

      • Maraa kitaabaa faaruu gaddaa qabate (9, 10)

  • 3

    • Hisqiʼel maraa kitaabaa Waaqni isatti kenne nyaate (1-15)

    • Hisqiʼel eegduu taʼee tajaajila (16-27)

      • Dantaa dhabuun nama gaafachiisa (18-21)

  • 4

    • Yerusaalem akka marfamtu fakkeenyaan ibsame (1-17)

      • Yakka guyyaa 390 fi guyyaa 40f baatamu (4-7)

  • 5

    • Kufaatiin Yerusaalem fakkeenyaan ibsame (1-17)

      • Rifeensi raajicha irraa haadame bakka sadiitti qoodame (1-4)

      • Yerusaalem saboota kaan caalaa hammaatte (7-9)

      • Finciltoonni karaa sadiin adabaman (12)

  • 6

    • Raajii gaarota Israaʼel irratti dubbatame (1-14)

      • Waaqolii tolfamoon salphina gonfatu (4-6)

      • “Ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu” (7)

  • 7

    • Dhumni dhufeera (1-27)

      • Badiisa adda taʼe (5)

      • Maallaqni daandii irratti gatama (19)

      • Manni qulqullummaa ni xureeffama (22)

  • 8

    • Hisqiʼel mulʼataan gara Yerusaalemitti geeffame (1-4)

    • Wantoota jibbisiisoo mana qulqullummaa keessatti mulʼatan (5-18)

      • Dubartoota Taamuuziif booʼan (14)

      • Dhiirota aduu waaqeffatan (16)

  • 9

    • Namoota badiisa geessisan jaʼaa fi nama gaanfa qalamaa qabate (1-11)

      • Murtiin iddoo qulqulluu irraa jalqaba (6)

  • 10

    • Ibidda geengoowwan gidduudhaa fudhatame (1-8)

    • Kiruubelotaa fi geengoowwan (9-17)

    • Ulfinni Waaqaa mana qulqullummaa keessaa baʼe (18-22)

  • 11

    • Bulchitoonni hamoon ni balaaleffataman (1-13)

      • Magaalattiin distiitti fakkeeffamte (3-12)

    • Abdii iddootti akka deebiʼan kenname (14-21)

      • ‘Hafuurri haaraan’ isaaniif kennama (19)

    • Ulfinni Waaqaa Yerusaalem irraa kaʼe (22, 23)

    • Hisqiʼel mulʼataan gara biyya Kaladootaatti deebiʼe (24, 25)

  • 12

    • Raajii akka boojiʼaman fakkeenyaan ibsame (1-20)

      • Gara boojuu dhaquuf miʼa qopheeffachuu (1-7)

      • Geggeessaan halkaniin baʼee deema (8-16)

      • Nyaata dhiphinaa, bishaan sodaa (17-20)

    • Jecha gowwoomsaa soba taʼuun isaa mirkaneeffame (21-28)

      • “Dubbii koo keessaa inni tokko illee hin turu” (28)

  • 13

    • Raajii raajota sobduu irratti dubbatame (1-16)

      • Girgiddaawwan nooraa dibaman ni jigu (10-12)

    • Raajii dubartoota raajota sobduu taʼan irratti dubbatame (17-23)

  • 14

    • Warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan ni balaaleffataman (1-11)

    • Yerusaalemitti murteeffamuun isaa hin oolu (12-23)

      • Noh, Daaniʼelii fi Iyyoob warra qajeelota taʼan (14, 20)

  • 15

    • Yerusaalem ishii muka wayinii gatii hin qabne taate (1-8)

  • 16

    • Jaalala Waaqni Yerusaalemiif qabu (1-63)

      • Akka daaʼima gatamee argamee taate (1-7)

      • Waaqni ishii miidhagsee ishii wajjin kakuu gaaʼelaa gale (8-14)

      • Ishiin amanamtuu utuu hin taʼin hafte (15-34)

      • Sagaagaltuu taʼuu ishiitiin ni adabamte (35-43)

      • Samaariyaa fi Sodoomitti fakkeeffamte (44-58)

      • Waaqni kakuu isaa yaadate (59-63)

  • 17

    • Hibboo waaʼee risaa lamaanii fi waaʼee muka wayinii dubbatame (1-21)

    • Latiin tokko muka gaattiraa guddaa taʼa (22-24)

  • 18

    • Tokkoon tokkoon namaa cubbuu isaatiif itti gaafatama (1-32)

      • Lubbuun cubbuu hojjetu ni duʼa (4)

      • Ilmi cubbuu abbaa isaatiif hin adabamu (19, 20)

      • Waaqni duʼa nama hamaatti hin gammadu (23)

      • Yaada geddarachuun jireenya argamsiisa (27, 28)

  • 19

    • Faaruu gaddaa geggeessitoota Israaʼeliif faarfatame (1-14)

  • 20

    • Seenaa fincila Israaʼel (1-32)

    • Israaʼel iddootti akka deebitu waadaan ni galame (33-44)

    • Raajii kibba irratti dubbatame (45-49)

  • 21

    • Goraadeen murtii Waaqaa ni luqqifame (1-17)

    • Mootiin Baabilon Yerusaalemiin ni haleela (18-24)

    • Geggeessaan Israaʼel inni hamaan aangoo isaa irraa ni kaafama (25-27)

      • ‘Gonfoo of irraa kaasi’ (26)

      • “Hamma inni mirga seeraa qabu sun dhufutti” (27)

    • Goraadee Amoonota irratti luqqifame (28-32)

  • 22

    • Yerusaalem ishii dhiiga dhangalaasuudhaan itti gaafatamtu (1-16)

    • Israaʼel akkuma xurii gatii hin qabnee ti (17-22)

    • Geggeessitoonnii fi sabni Israaʼel ni balaaleffataman (23-31)

  • 23

    • Obbolaa amanamoo hin taane lamaan (1-49)

      • Oholaan Asoorotaa wajjin (5-10)

      • Oholibaan Baabilonii fi Gibxii wajjin (11-35)

      • Adaba obbolaa lamaanii (36-49)

  • 24

    • Yerusaalem distii ligidaaʼetti fakkeeffamte (1-14)

    • Duuti haadha manaa Hisqiʼel mallattoo taʼa (15-27)

  • 25

    • Raajii Amoon irratti dubbatame (1-7)

    • Raajii Moʼaab irratti dubbatame (8-11)

    • Raajii Edoom irratti dubbatame (12-14)

    • Raajii Filisxeem irratti dubbatame (15-17)

  • 26

    • Raajii Xiiros irratti dubbatame (1-21)

      • “Bakka saaphana qurxummii afanii itti gogsan” (5, 14)

      • Dhagoonnii fi biyyoon bishaan keessatti darbataman (12)

  • 27

    • Faaruu gaddaa doonii Xiiros isa liqimfame irratti faarfatame (1-36)

  • 28

    • Raajii mootii Xiiros irratti dubbatame (1-10)

      • “Ani waaqa dha” (2, 9)

    • Faaruu gaddaa mootii Xiirosiif faarfatame (11-19)

      • ‘Ati Eedan keessa turte’ (13)

      • “Kiruubel isa golguuf dibame” (14)

      • “Jalʼinni si keessatti argame” (15)

    • Raajii Siidoon irratti dubbatame (20-24)

    • Israaʼel iddootti deebifamti (25, 26)

  • 29

    • Raajii Faraʼoon irratti dubbatame (1-16)

    • Gibxiin akka badhaasaatti Baabiloniif kennamti (17-21)

  • 30

    • Raajii Gibxii irratti dubbatame (1-19)

      • Haleellaan Nebukadnezaar raajiidhaan dubbatame (10)

    • Humni Faraʼoon ni cabe (20-26)

  • 31

    • Kufaatii Gibxii ishii akka muka gaattiraa taatee (1-18)

  • 32

    • Faaruu gaddaa Faraʼoonii fi Gibxiif faarfatame (1-16)

    • Gibxiin warra dhaqna hin qabannee wajjin awwaalamti (17-32)

  • 33

    • Itti gaafatamummaa waardiyyaa (1-20)

    • Oduu waaʼee kufaatii Yerusaalem ibsu (21, 22)

    • Ergaa jiraattota diiggaawwaniitiif ergame (23-29)

    • Namoonni ergaa sana dhagaʼanii tarkaanfii hin fudhatan (30-33)

      • Hisqiʼel isaaniif “akkuma sirba jaalalaa” ti (32)

      • ‘Raajiin gidduu isaanii akka ture ni hubatu’ (33)

  • 34

    • Raajii tiksitoota Israaʼel irratti dubbatame (1-10)

    • Yihowaan hoolota isaa ni kunuunsa (11-31)

      • ‘Tajaajilaan koo Daawit’ isaan ni tiksa (23)

      • “Kakuu nagaa” (25)

  • 35

    • Raajii gaarota Seʼiir irratti dubbatame (1-15)

  • 36

    • Raajii waaʼee gaarota Israaʼel dubbatame (1-15)

    • Israaʼel iddootti deebiʼuu ishii (16-38)

      • ‘Maqaa koo nan qulqulleessa’ (23)

      • “Akkuma iddoo biqiltuu Eedan” (35)

  • 37

    • Mulʼata waaʼee sulula lafeewwan goganii ibsu (1-14)

    • Uleewwan lamaan walitti qabsiifaman (15-28)

      • Saba mootii tokko jalatti bulu (22)

      • Kakuu nagaa bara baraa (26)

  • 38

    • Haleellaa Goog Israaʼel irratti geessisu (1-16)

    • Yihowaan Googitti aare (17-23)

      • ‘Saboonni ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu’ (23)

  • 39

    • Badiisa Googii fi loltoota isaa irra gaʼu (1-10)

    • Awwaalcha Sulula Hamoon Goog keessatti raawwatamu (11-20)

    • Israaʼel iddootti deebiʼuu ishii (21-29)

      • Hafuurri Waaqayyoo Israaʼel irratti dhangalaʼe (29)

  • 40

    • Hisqiʼel mulʼataan gara Israaʼelitti geeffame (1, 2)

    • Hisqiʼel mulʼataan mana qulqullummaa arge (3, 4)

    • Mooraawwanii fi karrawwan (5-47)

      • Karra isa alaa isa gara bahaatti garagale (6-16)

      • Mooraa isa alaa; karrawwan kan biroo (17-26)

      • Mooraa isa keessaa fi karrawwan (27-37)

      • Kutaawwan tajaajila mana qulqullummaatiif oolan (38-46)

      • Iddoo aarsaa (47)

    • Barandaa mana qulqullummaa (48, 49)

  • 41

    • Iddoo qulqulluu mana qulqullummaa keessatti argamu (1-4)

    • Gamoo sanaa fi kutaawwan garanaa fi garasiin jiran (5-11)

    • Gamoo isa karaa dhihaa jiru (12)

    • Gamoowwan ni safaraman (13-15a)

    • Iddoo qulqulluu isa gara keessaa (15b-26)

  • 42

    • Gamoowwan kutaawwan nyaataa (1-14)

    • Kallattiiwwan mana qulqullummaa arfan ni safaraman (15-20)

  • 43

    • Ulfinni Yihowaa mana qulqullummaa guute (1-12)

    • Iddoo aarsaa (13-27)

  • 44

    • Karri gara bahaa akkuma cufametti tura (1-3)

    • Dambiiwwan namoota biyya ormaa ilaalchisee baʼan (4-9)

    • Dambiiwwan Leewwotaa fi luboota ilaalchisee baʼan (10-31)

  • 45

    • Buusii qulqulluu fi magaalattii (1-6)

    • Qooda geggeessaa (7, 8)

    • Geggeessitoonni amanamummaadhaan hojjechuu qabu (9-12)

    • Buusii sabichi godhuu fi geggeessaa (13-25)

  • 46

    • Aarsaawwan yeroo murtaaʼetti dhihaatan (1-15)

    • Geggeessichi qabeenya isaa dhaala godhee kenna (16-18)

    • Iddoowwan aarsaawwan itti affeelaman (19-24)

  • 47

    • Bishaan mana qulqullummaa keessaa yaaʼu (1-12)

      • Bishaanichi suutuma suuta dabalaa dhufe (2-5)

      • Bishaan Galaana Duʼaa ni fayyifama (8-10)

      • Iddoowwan caffee taʼan hin fayyifaman (11)

      • Mukeetii nyaataa fi qorichaaf oolan (12)

    • Daangaawwan biyyattii (13-23)

  • 48

    • Biyyattiin qoqqoodamtee kennamti (1-29)

    • Karrawwan magaalattii 12n (30-35)

      • Magaalaa, “Yihowaan Achi Jira” jedhamtee waamamte (35)