Hisqiʼel 48:1-35
48 “Daangaa kaabaa irraa jalqabee maqaan gosootaa isa kana: Gaʼeen Daan+ daandii gara Hetloonitti geessu irraan gara Lebo Hamaat,*+ gara Hazaar Enaanitti kan qajeelu yeroo taʼu, daangaa Damaasqoo irraa kallattii kaabaatiin Hamaat+ biratti argama; daangaa isa bahaa irraa kaʼees daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
2 Gaʼeen Asheer+ daangaa Daan biratti kan argamu yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
3 Gaʼeen Niftaalem+ daangaa Asheer biratti kan argamu yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
4 Gaʼeen Minaasee+ daangaa Niftaalem biratti kan argamu yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
5 Gaʼeen Efreem daangaa Minaasee biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
6 Gaʼeen Ruuben daangaa Efreem biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
7 Gaʼeen Yihudaa daangaa Ruuben biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
8 Daangaa Yihudaa biratti, daangaa isa bahaa irraa kaʼee hamma daangaa isa dhihaatti buusiin isin adda baastan, dalgi isaa dhundhuma* 25,000 haa taʼu;+ dheerinni isaa immoo gaʼee gosoota kaaniif daangaa isa bahaa irraa kaʼee hamma daangaa isa dhihaatti kennamuu wajjin wal qixa haa taʼu. Iddoon qulqulluun gidduu isaa ni taʼa.
9 “Buusiin isin Yihowaadhaaf adda baastan dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 haa taʼu.
10 Kun buusii qulqulluu lubootaaf kennamu ni taʼa.+ Innis kallattii kaabaatiin dhundhuma 25,000, kallattii dhihaatiin dhundhuma 10,000, kallattii bahaatiin dhundhuma 10,000, akkasumas kallattii kibbaatiin dhundhuma 25,000 ni taʼa. Iddoon qulqulluun inni kan Yihowaa taʼe immoo gidduu isaa ni taʼa.
11 Inni ilmaan Saadoq+ keessaa luboota warra qulqulleeffamaniif ni taʼa; isaan itti gaafatamummaa na tajaajiluuf qaban kan raawwatan yeroo taʼu, yeroo Israaʼelonnii fi Leewwonni na irraa fagaatanii turanitti+ na irraa hin fagaanne.
12 Isaan daangaa Leewwotaa irratti buusii wanta hundumaa caalaa qulqulluu taʼuudhaan adda baafame irraa gaʼee tokko ni argatu.
13 “Leewwonni gaʼee naannoo lubootaatti aanee jiruu fi dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe ni argatu. (Iddoon kun walumaa galatti dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 ni taʼa.)
14 Kun iddoo Yihowaadhaaf qulqulleeffame waan taʼeef, isaan gaʼee biyyattii keessatti filatamaa taʼe kana keessaa isa kam iyyuu gurguruu, jijjiiruu ykn nama kan biraatti dabarsuu hin qaban.
15 “Naannoon inni hafe, inni dalgi isaa dhundhuma 5,000 taʼee fi daangaa isa dhundhuma 25,000 taʼu biratti argamu magaalattii keessatti tajaajila kan biraatiif,+ jechuunis iddoo jireenyaa fi iddoo dheedichaatiif ni oola. Magaalattiin walakkaa isaatti ni argamti.+
16 Safarri magaalattii kana dha: Daangaan inni kaabaa dhundhuma 4,500, daangaan inni kibbaa dhundhuma 4,500, daangaan inni bahaa dhundhuma 4,500, akkasumas daangaan inni dhihaa dhundhuma 4,500.
17 Iddoon dheedichaa magaalattii kallattii kaabaatiin dhundhuma 250, kallattii kibbaatiin dhundhuma 250, kallattii bahaatiin dhundhuma 250, akkasumas kallattii dhihaatiin dhundhuma 250 ni taʼa.
18 “Gaʼeen inni hafe dheerinni isaa kan buusii qulqulluu+ wajjin wal qixa yeroo taʼu, kallattii bahaatiin dhundhuma 10,000, kallattii dhihaatiinis dhundhuma 10,000 ni taʼa. Inni buusii qulqulluu wajjin wal qixa yeroo taʼu, oomishni isa irraa argamu warra magaalattii keessatti tajaajilaniif nyaata ni taʼa.
19 Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa warri magaalattii tajaajilan isa ni qotu.+
20 “Buusiin sun guutummaan isaa kallattii arfaniin iyyuu dhundhuma 25,000 ni taʼa. Isinis iddoo kana buusii qulqulluu godhaatii qabeenya magaalattii wajjin adda baasaa.
21 “Wanti buusii qulqulluu sanaa fi qabeenya magaalattii irraa garanaa fi garasiin hafu kan geggeessaa sanaa ni taʼa.+ Innis daangaawwan dhundhuma 25,000 taʼanii fi buusicha irraa karaa bahaa fi karaa dhihaatti argaman biratti ni argama. Inni gaʼeewwan isatti aansanii jiranii wajjin wal qixa yeroo taʼu, kan geggeessaa sanaa ni taʼa. Buusii qulqulluunii fi iddoon qulqulluun mana qulqullummaa sun isa gidduu ni taʼa.
22 “Qabeenyi Leewwotaa fi qabeenyi magaalattii qabeenya geggeessaa sanaa gidduu ni taʼa. Naannoon geggeessaa sanaa daangaa Yihudaa+ fi daangaa Biiniyaam gidduu ni taʼa.
23 “Daangaan gosoota hafanii kana dha; gaʼeen Biiniyaam daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.+
24 Gaʼeen Simiʼoon daangaa Biiniyaam biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
25 Gaʼeen Yisaakor+ daangaa Simiʼoon biratti kan argamu yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
26 Gaʼeen Zaabiloon daangaa Yisaakor biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.+
27 Gaʼeen Gaad daangaa Zaabiloon biratti kan argamu+ yeroo taʼu, daangaa isa bahaa irraa kaʼee daangaa isa dhihaa bira gaʼa.
28 Daangaan inni kibbaa inni daangaa Gaad biratti argamu Taamaar+ irraa kaʼee gara bishaanota Maribaat Qaadeshitti,+ achiis gara Laga Gogaatti*+ erga deemee booda gara Galaana Guddaatti* qajeela.
29 “Lafti isin gosoota Israaʼeliif dhaala gootanii hihirtan isa kana dha;+ kanneen kun gaʼeewwan isaanii ni taʼu”+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
30 “Karaawwan magaalattii keessaa ittiin baʼan kanneen kana ni taʼu: Kallattii kaabaatiin dhundhuma 4,500 ni taʼa.+
31 Karrawwan magaalattii akka gosoota Israaʼelitti ni moggaafamu. Karrawwan kallattii kaabaatiin argaman sadan keessaa karri inni tokko Ruubeniif, karri inni tokko Yihudaadhaaf, karri inni tokko immoo Leewwiidhaaf ni taʼa.
32 Kallattii bahaatiin dheerinni isaa dhundhuma 4,500 yeroo taʼu, innis karrawwan sadii qaba; isaanis karri inni tokko Yoseefiif, karri inni tokko Biiniyaamiif, karri inni tokko immoo Daaniif ni taʼu.
33 Kallattii kibbaatiin dheerinni isaa dhundhuma 4,500 yeroo taʼu, innis karrawwan sadii qaba; isaanis karri inni tokko Simiʼooniif, karri inni tokko Yisaakoriif, karri inni tokko immoo Zaabilooniif ni taʼu.
34 Kallattii dhihaatiin dheerinni isaa dhundhuma 4,500 yeroo taʼu, innis karrawwan sadii qaba; isaanis karri inni tokko Gaadiif, karri inni tokko Asheeriif, karri inni tokko immoo Niftaalemiif ni taʼu.
35 “Naannoon isaa dhundhuma 18,000 ni taʼa. Guyyaa sana irraa jalqabees maqaan magaalaa sanaa Yihowaan Achi Jira kan jedhu ni taʼa.”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “karra Hamaat.”
^ Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Jechuunis, Meditiraaniyaa.
^ Jechuunis, Laga Gogaa Gibxiitti.