Hoseʼaa 10:1-15

  • Israaʼel inni muka wayinii mancaʼe taʼe ni balleeffama (1-15)

    • Facaasuu fi haamuu (12, 13)

10  “Israaʼel muka wayinii mancaʼaa* jiruu fi firii godhatu dha.+ Hammuma firiin isaa baayʼachaa deemu, iddoowwan aarsaa isaas ni baayʼifate;+Hammuma lafti isaa oomisha gaarii kennu, utubaawwan waaqeffannaa isaas caalaatti ni bareeche.+   Garaan isaanii fakkeessituu* dha;Egaa isaan yakkamtoota ni taʼu. Iddoowwan aarsaa isaanii kan caccabsuu fi utubaawwan waaqeffannaa isaanii kan diigu tokko jira.   Isaan, ‘Nuti Yihowaa waan hin sodaanneef, mootii hin qabnu.+ Mootiin maal nuuf gochuu dandaʼa?’ jedhu.   Isaan dubbii gatii hin qabne dubbatu, sobaan ni kakatu,+ kakuus ni galu;Kanaafuu, murtiin dhufu akkuma aramaa summaaʼaa boʼoo maasii keessa jiruu ti.+   Jiraattonni Samaariyaa waaqa tolfamaa Beet Aween isa jabbii fakkaatu sanaaf ni sodaatu.+ Sabichis taʼe luboonni waaqa ormaa warri isattii fi ulfina isaatti gammadan, Isaaf ni booʼu,Sababiin isaas, inni boojuudhaan isaan irraa ni fudhatama.   Inni gara Asooritti geeffamee akka kennaatti mootii guddaa tokkoof ni kennama.+ Efreem ni salphata,Israaʼelis gorsa hordofeen kan kaʼe ni qaanaʼa.+   Akkuma damee fottoqfamee bishaan irratti gatameetti,Samaariyaanii fi mootiin ishii dhugumaan ni balleeffamu.*+   Iddoowwan ol kaʼoon Beet Aween+ warri Israaʼel cubbuu akka hojjetu+ godhan haxaaʼamanii ni balleeffamu.+ Iddoowwan aarsaa isaanii irratti qoreenii fi sokorruun ni biqila.+ Namoonni gaarotaan, ‘Nu dhoksaa!’ Tabbawwaniinis, ‘Nu irratti jigaa!’ jedhu.+   Yaa Israaʼel, ati bara Gibeʼaa irraa eegalee cubbuu hojjetteetta.+ Isaan akkuma sanatti itti fufaniiru. Waraanni ilmaan jalʼinaa Gibeʼaa keessa jiran hin balleessine.* 10  Ani yeroon barbaadetti isaan nan adaba. Balleessaan isaanii lamaan yommuu isaan irratti feʼaman,*Namoonni isaan irratti walitti ni qabamu. 11  Efreem goromsa leenjifamtee fi midhaan siribsiisuu jaallattu dha;Kanaafuu, ani morma ishii isa bareedaa irra waanjoo hin keenye. Amma namni tokko Efreemiin akka gulufu* nan godha.+ Yihudaan ni qota; Yaaqoob isaaf ni bulleessa. 12  Ofii keessaniif qajeelummaadhaan sanyii facaafadhaatii jaalala amanamaa galfadhaa. Lafa isa qotiisaaf taʼu qotadhaa,+Hamma inni dhufee qajeelummaadhaan isin barsiisutti,+Yeroon utuu isinitti hin darbin Yihowaa barbaaddadhaa.+ 13  Isin garuu hammina qottaniiJalʼina galfattan,+Firii gowwoomsaas ni nyaattan;Sababiin isaas, isin daandii mataa keessaniitti,Loltoota keessan warra hedduu taʼanitti amanamtaniittu. 14  Akkuma badiisa isa Shaalmaan mana Arbeel irratti geessiseetti,Akkuma guyyaa waraanaa isa haadhotiin ijoollee isaanii wajjin itti caccabsamanitti,Saba keessan irratti jeequmsi ni kaʼa,Magaalonni keessan warri dallaa dhagaa qaban hundis ni balleeffamu.+ 15  Yaa Beetel, hamminni kee hedduu waan taʼeef, kun si irratti ni raawwatama.+ Mootiin Israaʼel dhugumaan bariidhaan ni balleeffama.”*+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “dagaagaa.”
Ykn., “kan mucucaatu; laafaa.”
Kal., “ni callisiifamu.”
Kal., “bira hin geenye.”
Jechuunis, yommuu adaba isaanii akka waanjootti baatan.
Ykn., “Efreem irratti miʼa fardaa akka feʼu.”
Kal., “ni callisiifama.”