Hoseʼaa 12:1-14

  • Efreem gara Yihowaatti deebiʼuu qaba (1-14)

    • Yaaqoob Waaqaa wajjin waldhaansoo qabe (3)

    • Yaaqoob eebba Waaqaa argachuuf booʼee kadhate (4)

12  “Efreem bubbee soorachaa jira. Inni bubbee bahaa ariʼaa oola. Sobaa fi jeequmsa baayʼisaa jira. Isaan Asoorii wajjin kakuu galaniiru,+ gara Gibxiittis zayitii geessu.+   Yihowaan Yihudaa irratti falmii seeraa qaba;+Yaaqoobiin akka daandiiwwan isaatti ni adaba,Akka gocha isaattis isaaf ni deebisa.+   Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa ni qabate,+Jabina isaatiinis Waaqayyoo wajjin waldhaansoo ni qabe.+   Inni maleekaa tokkoo wajjin waldhaansoo qabuu isaa itti fufe, achiis ni moʼe. Booʼee eebba argachuuf ni kadhate.”+ Inni Beetelitti isa argate, achittis nutti ni dubbate,+   Yihowaan Waaqa Raayyaa ti,+Yihowaan maqaa inni ittiin yaadatamu dha.+   “Kanaafuu, gara Waaqa keetti deebiʼi,+Jaalala amanamaa fi haqaan deddeebiʼi,+Yeroo hundumaas Waaqa kee abdadhu.   Haa taʼu malee, harka daldaltuu keessa madaalliin sobaa jira;Inni nama gowwoomsuu ni jaallata.+   Efreem, ‘Dhugumaan, ani sooromeera;+Qabeenya argadheera.+ Wantan itti dadhabee argadhe hundumaa keessaa dogoggora yookiin cubbuu tokko illee hin argatan’ jechaa jira.   Haa taʼu malee, ani biyya Gibxii irraa jalqabee Waaqa kee Yihowaa dha.+ Akkuma guyyoota ayyaanaatti,*Ammas dunkaanota keessa akka jiraattu nan godha. 10  Ani raajotatti nan dubbadhe,+Mulʼatawwan isaanii nan baayʼise,Karaa raajotaas fakkeenya nan dubbadhe. 11  Giiliyaad keessa gowwoomsaa*+ fi sobatu jira. Gilgaal keessatti qotiyyoowwan aarsaa godhaniiru,+Iddoowwan aarsaa isaaniis akka tuullaa dhagaa boʼoowwan maasii keessa jiruu ti.+ 12  Yaaqoob gara naannoo* Aaraamitti*+ baqate;Israaʼel+ haadha manaa argachuuf achitti ni tajaajile,+Haadha manaa argachuuf jedhee hoolota ni tikse.+ 13  Yihowaan raajii tokkotti fayyadamee Israaʼeliin Gibxii keessaa ni baase,+Inni karaa raajii tokkoo eegumsa isaaf ni godhe.+ 14  Efreem Waaqayyoon baayʼee ni dheekkamsiise;+Yakki inni dhiiga dhangalaasuudhaan raawwate isuma irra ni taʼa;Gooftaan isaa arrabsoo isaatiif gatii isaa isaaf ni deebisa.”+

Miiljaleewwan

Kal., “Akkuma guyyoota yeroo murteeffamaniitti.”
Ykn., “iccitii.”
Kal., “dirree.”
Ykn., “Sooriyaatti.”