Hoseʼaa 14:1-9

  • Kadhannaa gara Yihowaatti deebiʼuuf dhihaate (1-3)

    • Jajannaa afaanii dhiheessuu (2)

  • Israaʼel waan fayyifameef amanamummaa isaa hin dhiisu (4-9)

14  “Yaa Israaʼel, gara Waaqa kee Yihowaatti deebiʼi,+Ati balleessaa keetiin kan kaʼe gufatteetta.   Gara Yihowaatti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa: ‘Balleessaa keenya nuuf dhiisi,+ wanta gaarii siif dhiheessinus fudhadhu,Akkuma jibicha aarsaa goonee dhiheessinutti jajannaa afaan keenyaa siif ni dhiheessina.*+   Asoor nu hin oolchu.+ Nuti fardeen hin gulufnu,+Kana boodas hojii harka keenyaatiin, “Yaa Waaqa keenya!” hin jennu,Sababiin isaas, ati mucaa abbaa hin qabnetti gara laafina ni argisiista.’+   Ani isaan nan fayyisa, isaanis kana booda amanamummaa isaanii hin dhiisan.+ Dheekkamsi koo waan isaan irraa deebiʼeef,+Ani fedhii kootiin isaan nan jaalladha.+   Ani Israaʼeliif akka fixeensaa nan taʼa;Inni akka abaabootti ni daraara,Akka muka Libaanonitti hidda isaa gad ni fageeffata.   Latiiwwan isaa ni dagaagu,Bareedinni isaa akka kan muka ejersaa,*Urgaan isaas akka urgaa muka Libaanon ni taʼa.   Isaan ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala ni jiraatu. Isaan midhaan ni biqilchu, akkuma muka wayiniis ni latu.+ Beekamtiin* isaa akkuma daadhii wayinii Libaanon ni taʼa.   Efreem, ‘Kana booda waaqolii tolfamoo irraa maalan qaba?’+ jedha. Ani deebii isaaf nan kenna, eegumsas isaaf nan godha.+ Akka muka birbirsaa lalisaa jiruu nan taʼa. Firiin kee ana irraa ni argama.”   Ogeessi eenyu? Inni wantoota kana haa hubatu. Hubataan eenyu? Inni wantoota kana haa beeku. Daandiiwwan Yihowaa qajeeloo dha,+Namoonni qajeeloon isaan irra ni deemu;Warri balleessaa raawwatan garuu isaan irratti ni gufatu.

Miiljaleewwan

Kal., “Nutis jiboota hidhii keenyaa ni dhiheessina.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Kal., “Yaadannoon.”