Hoseʼaa 3:1-5

  • Hoseʼaan haadha manaa isaa ishii ejjituu deebisee bitate (1-3)

  • Israaʼel gara Yihowaatti ni deebiʼa (4, 5)

3  Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Akkuma Yihowaan utuma isaan waaqolii kan birootti garagalanii+ fi bixxillee zabiibii* jaallatanii jiranii saba Israaʼel jaallatetti,+ dhaqiitii ammas dubartii dhiirri kan biraan jaallatee fi ejja raawwattu sana jaalladhu.”+  Kanaafuu, meetii sheeqilii 15 fi garbuu safartuu homeerii* tokkoo fi walakkaadhaan ishii nan bitadhe.  Achiis, “Guyyoota hedduudhaaf kan koo taatee jiraatta. Sagaagalummaa* hin raawwatin; nama kan biraa wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; anis sii wajjin hin raawwadhu” ishiidhaan nan jedhe.  Sababiin isaas, sabni Israaʼel yeroo dheeraadhaaf* mootii malee,+ bulchaa malee, aarsaa malee, utubaa waaqeffannaa malee, akkasumas efuudii+ fi siidaawwan taraafiimii*+ malee ni jiraatu.  Sana booda sabni Israaʼel deebiʼanii dhufanii Waaqa isaanii Yihowaa fi Daawit mootii isaanii+ ni barbaaddatu;+ isaan bara dhumaatti gaarummaa isaa argachuuf hollachaa gara Yihowaa ni dhufu.+

Miiljaleewwan

Bixxillee zabiibii waaqeffannaa sobaatiif oolu argisiisa.
Homeeriin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Kal., “guyyoota hedduudhaaf.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”