Hoseʼaa 4:1-19

  • Falmii seeraa Yihowaan Israaʼelii wajjin qabu (1-8)

    • Biyyattii keessa beekumsi Waaqaa hin jiru (1)

  • Israaʼel waaqolii tolfamoo ni waaqeffatte, halalummaas ni raawwatte (9-19)

    • Hafuurri sagaagalummaa karaa irraa nama jalʼisa (12)

4  Yaa saba Israaʼel, dubbii Yihowaa dhagaʼaa,Yihowaan jiraattota biyyattii wajjin falmii seeraa qaba;+Sababiin isaas, biyyattii keessa dhugaan yookiin jaalalli amanamaan yookiin beekumsi Waaqayyoo hin jiru.+   Kakaan sobaa, sobnii+ fi ajjeechaan,+Hannii fi ejji+ babalʼateera,Namoonni yeroo hundumaa dhiiga warra kaanii ni dhangalaasu.+   Biyyattiin kan gadditu kanaafi;+Warri ishii irra jiraatan hundi ni dhumu;Bineensonni bosonaa fi simbirroonni samii,Qurxummiiwwan galaanaa illee ni balleeffamu.   “Haa taʼu malee, isin akka namoota luba mormanii waan taataniif,+Namni isin falmu yookiin ifatu hin jiru.+   Kanaafuu, isin guyyaa saafaa ni gufattu,Raajonnis akka waan halkan taʼeetti isinii wajjin ni gufatu. Ani haadha keessan nan callisiisa.*   Beekumsi waan hin jirreef, sabni koo ni callisiifamu.* Isin beekumsa waan tuffattaniif,+Anis luboota koo taatanii akka hin tajaajilleef isin nan tuffadha;Isin seera* Waaqa keessanii waan irraanfattaniif,+Anis ilmaan keessan nan irraanfadha.   Isaan hammuma baayʼachaa deeman caalaatti cubbuu na irratti hojjetaniiru.+ Ani ulfina isaanii gara salphinaatti nan jijjiira.*   Isaan yommuu sabni koo cubbuu hojjetu foon ni sooratu,Sabichi caalaatti cubbuu akka hojjetus ni hawwu.*   Wanti sabicha irras taʼe lubicha irra gaʼu tokkuma;Daandii isaaniitiif akka itti gaafataman nan godha,Rakkina gocha isaaniitiin kan kaʼe dhufu isaanitti nan fida.+ 10  Isaan ni nyaatu, garuu hin quufan.+ Halalummaa* ni raawwatu, garuu lakkoofsi isaanii hin dabalu.+ Sababiin isaas, isaan Yihowaadhaaf kabaja hin qaban. 11  Sagaagalummaan,* wayiniinii fi wayinii haaraan Kakaʼumsa isaan wanta sirrii taʼe raawwachuuf qaban jalaa balleesseera.*+ 12  Sabni koo waaqolii isaanii warra muka irraa tolfaman gorsa gaafatu,Wanta uleen isaanii* isaanitti himus ni raawwatu;Sababiin isaas, hafuurri sagaagalummaa* akka isaan karaa irraa jalʼatan godheera,Sagaagalummaa* isaaniitiin kan kaʼes Waaqa isaaniitiif bitamuu didu. 13  Isaan fiixee gaarotaa irratti aarsaa dhiheessu,+Tabbawwan irratti aarsaawwan aarsu,Gaaddisni isaanii gaarii waan taʼeef,Mukeetii qilxuu fi mukeetii libnaa,* akkasumas mukeetii guguddaa hundumaa jalatti+ akkana godhu. Ijoolleen durbaa keessan sagaagalummaa* kan raawwatan,Haadhotiin manaa ilmaan keessaniis ejja kan raawwatan kanaafi. 14  Ijoolleen durbaa keessan sagaagalummaa,*Haadhotiin manaa ilmaan keessaniis ejja raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe ani isaan hin adabu. Sababiin isaas, dhiironni dubartoota halalee duukaa buʼaniiru,Sagaagaltoota mana qulqullummaa wajjinis aarsaa dhiheessaniiru;Sabni hubannaa hin qabne+ akkanaa ni bada. 15  Yaa Israaʼel, ati sagaagalummaa* kan raawwatte taʼus,+Yihudaan yakkamaa hin taʼin.+ Gara Gilgaal+ yookiin gara Beet Aween+ hin dhufinaa,‘Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’+ jettaniis hin kakatinaa. 16  Sababiin isaas, Israaʼel akkuma qotiyyoo didaa, didaa taʼeera.+ Egaa Yihowaan akka xobbaallaa hoolaa iddoo dheedichaa* irra jiruutti isaan ni tiksaa? 17  Efreem waaqolii tolfamootti maxxaneera.+ Isa dhiisaa! 18  Yommuu dhugaatiin alkoolii isaanii* dhumu,Isaan halalee ni taʼu.* Bulchitoonni* ishii baayʼee salphina jaallatu.+ 19  Bubbeen qoochoo isaa ishiitti ni mara,*Isaanis aarsaawwan isaaniitti ni qaanaʼu.”

Miiljaleewwan

Ykn., “nan balleessa.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “ni balleeffamu.”
Ykn tarii, “Isaan ulfina koo gara salphinaatti jijjiiraniiru.”
Ykn., “lubbuun isaanii ni hawwa.” Ibsa Jechootaa jalaa, “Lubbuu” ilaali.
Ykn., “Sagaagalummaa.”
Kal., “Garaa jalaa fudhateera.”
Ykn., “Addaggummaan; Halalummaan.”
Ykn., “uleen nama hooda dubbatuu.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Muka abaaboo adii urgaa gaarii qabu baasu.
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Kal., “iddoo balʼaa.”
Ykn., “dhugaatiin isaanii qamadii irraa tolfame.”
Ykn., “sagaagalummaa ni raawwatu.”
Kal., “Gaachanoonni.”
Ykn., “qoochoo isaatiin haxaaʼee ishii ni balleessa.”