Hoseʼaa 5:1-15

  • Murtii Efreemii fi Yihudaa irratti dabarfame (1-15)

5  “Yaa luboota nana, kana dhagaʼaa,+Yaa mana Israaʼel, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa,Yaa mana mootichaa, dhagaʼaa,Sababiin isaas, murtiin kun isin ilaallata;Isin Misphaatti kiyyoo,Taabor irrattis saaphana diriirfame taataniittu.+   Warri na irraa fagaatan* dhiiga dhangalaasuutti qabamaniiru,Anis hunda isaanii nan akeekkachiisa.*   Ani Efreemiin beeka,Israaʼelis na duraa hin dhokanne. Yaa Efreem, amma ati halalummaa* raawwatteetta;Israaʼel of xureesseera.+   Gochi isaanii gara Waaqaatti akka deebiʼan isaaniif hin heyyamu,Sababiin isaas, hafuurri sagaagalummaa* isaan gidduu jira;+Isaan Yihowaadhaaf beekamtii hin kennan.   Koorri Israaʼel isa irratti* ragaa baʼeera;+Israaʼelii fi Efreem balleessaa isaaniitiin gufataniiru,Yihudaanis isaanii wajjin gufateera.+   Isaan bushaayee fi loon isaanii qabatanii Yihowaa barbaaddachuuf deeman,Garuu isa argachuu hin dandeenye. Inni isaan irraa fagaatee ture.+   Isaan Yihowaa gananiiru,+Ilmaan orma taʼan dhalchaniiru. Isaanis taʼan gaʼeen* isaanii jiʼa tokko gidduutti ni badu.   Gibeʼaa keessatti xurumbaa,* Raamaa keessattis malakata afuufaa!+ ‘Yaa Biiniyaam, si hordofaa jirra!’ jedhaatii Beet Aween keessatti iyya waraanaa dhageessisaa!+   Yaa Efreem, guyyaa adabaatti wanta nama sodaachisu ni taata.+ Ani wanta dhugumaan gosoota Israaʼel gidduutti raawwatamu beeksiseera. 10  Bulchitoonni Yihudaa akka warra daangaa dhiibanii ti.+ Ani akkuma bishaaniitti dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa. 11  Efreem cunqurfameera, murtiidhaan caccabeera,Sababiin isaas, inni diina isaa duukaa buʼuuf murteesseera.+ 12  Kanaafuu, ani Efreemitti akka bilii,Mana Yihudaattis akka daanawoo taʼeera. 13  Efreem dhukkuba isaa yommuu argu, Yihudaanis madaa isaa yommuu argu,Efreem gara Asoor ni dhaqe,+ mootii guddichattis ergamtoota ni ergate. Inni garuu isin fayyisuu hin dandeenye;Madaa keessanis fayyisuu hin dandeenye. 14  Ani Efreemitti leenca saafela,Mana Yihudaattis leenca cimaa nan taʼa. Ofuma kootii isaan cicciree nan deema;+Ani isaan fuudhee nan deema, kan isaan oolchus hin jiraatu.+ 15  Rakkina balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu hamma baatanitti ani nan deema; gara iddoo koottis nan deebiʼa,Achiis isaan gara laafina* koo ni barbaaddatu.+ Yommuu dhiphatanitti na barbaaddatu.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “Finciltoonni.”
Ykn., “nan gorsa.”
Ykn., “sagaagalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Kal., “fuula isaatti.”
Ykn., “maasiin.”
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Kal., “fuula.”