Hoseʼaa 6:1-11

  • Waamicha Yihowaatti akka deebiʼan dhihaate (1-3)

  • Sabichi jaalala amanamaa argisiisuu dhiise (4-6)

    • Jaalalli amanamaan aarsaa irra ni caala (6)

  • Amala qaanessaa sabichi qabu (7-11)

6  “Kottaa, gara Yihowaatti haa deebinu,Inni nu ciccireera,+ taʼus nu fayyisa. Nu rukuteera, taʼus madaa keenya nuuf hidha.   Inni guyyaa lama booda nu bayyanachiisa. Guyyaa sadaffaatti ol nu kaasa,Nutis isa duratti ni jiraanna.   Nuti Yihowaa ni beekna, isa beekuufis ni carraaqna. Inni baʼuun isaa akkuma ifa barii kan hin oolle dha;Inni akkuma bokkaatti,Akkuma bokkaa arfaasaa isa lafa jiisuutti gara keenya ni dhufa.”   “Yaa Efreem, yoon maal si godhe wayya? Yaa Yihudaa, yoon maal si godhe wayya? Sababiin isaas, amanamummaan* keessan akkuma duumessa ganamaa,Akkuma fixeensa dafee baduu ti.   Raajotatti fayyadamee kanan isaan kukkutu kanaafi;+Dubbii afaan koo keessaa baʼuun isaan nan ajjeesa.+ Murtiin isaan irratti darbu akka ifaa calaqqisa.+   Sababiin isaas, ani aarsaatti utuu hin taʼin, jaalala amanamaattan* gammada,Aarsaa guutummaatti gubamu mannaa beekumsa Waaqayyoottan gammada.+   Isaan garuu akka nama cubbamaatti kakuu koo cabsaniiru.+ Isaan achitti na gananiiru.   Giiliyaad magaalaa warra jalʼina hojjetanii ti,+Ishiin dhiiga dhangalaasuudhaan guutamteetti.+   Waldaan lubootaa akkuma tuuta weerartootaa riphee nama eeggatuu ti. Isaan daandii gara Sheekemitti geessu irratti nama ajjeesu,+Amalli isaanii kan nama qaanessu dha. 10  Ani mana Israaʼel keessatti wanta suukanneessaa argeera. Achitti Efreem sagaagalummaa raawwateera;+Israaʼel of xureesseera.+ 11  Ati garuu yaa Yihudaa, yeroo ani saba koo warra boojiʼaman deebisee walitti qabutti,Makarri si eeggata.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “jaalalli amanamaan.”
Ykn., “gara laafinattan.”