Hoseʼaa 7:1-16

  • Hamminni Efreem ni ibsame (1-16)

    • Saaphana Waaqaa jalaa miliquun hin dandaʼamu (12)

7  “Yeroo ani Israaʼeliin fayyisuuf jedhutti,Balleessan Efreemii fiHamminni Samaariyaas ni saaxilama.+ Sababiin isaas, isaan gowwoomsaa raawwatu;+Hattoonni cabsanii seenu, tuutni weerartootaas alaan weeraru.+   Haa taʼu malee, akka ani hammina isaanii hundumaa yaadadhu garaa isaaniitti hin yaadan.+ Amma gochi isaanii isaanitti marsee jira;Isaan fuuluma koo dura jiru.   Hammeenya isaaniitiin mooticha,Gowwoomsaa isaaniitiinis bulchitoota gammachiisu.   Hundi isaanii iyyuu ejjitoota dha,Isaan akka iddoo ibiddaa namni daabboo tolchu ibidda itti qabsiiseetti bobaʼu,Inni bukoo erga bukeessee booda hamma bukaaʼutti ibiddicha tuttuqachuu ni dhiisa.   Guyyaa mootii keenyaatti bulchitoonni ni dhukkubsatu;Isaan daadhii wayiniitiin kan kaʼe aaraniiru.+ Inni qoostotaaf harka isaa diriirseera.   Garaan isaanii akka iddoo ibiddaatti ni bobaʼa.* Namni daabboo tolchu halkan guutuu ni rafa;Ganamas iddoon ibiddaa sun akka labooba ibiddaatti ni guba.   Hundi isaanii iyyuu akkuma iddoo ibiddaatti ni gubu,Isaan bulchitoota* isaanii nyaatanii ni fixu. Mootonni isaanii hundi kufaniiru;+Isaan keessaa kan na waammatu tokko illee hin jiru.+   Efreem saboota kaanitti ni makama.+ Efreem akkuma bixxillee hin garagalfamnee ti.   Namoonni ormaa humna isaa fixaniiru,+ inni garuu kana hin beekne. Rifeensi isaa harrii taʼeera, inni garuu kana hin hubanne. 10  Koorri Israaʼel isuma irratti ragaa baʼeera,+Isaan garuu gara Waaqa isaanii Yihowaatti hin deebine,+Kana hundumaa booda illee isa hin barbaaddanne. 11  Efreem akkuma gugee* gowwaa hubannaa* hin qabnee ti.+ Isaan Gibxii ni waammatan;+ gara Asooris ni dhaqan.+ 12  Bakka dhaqan hundatti saaphana koo isaan irratti nan diriirsa. Akka simbirroota samiitti gad isaan nan buusa. Akeekkachiisa yaaʼii isaaniitiif kenname irratti hundaaʼee isaan nan adaba.+ 13  Isaan ana irraa waan baqataniif, isaaniif wayyoo! Ana irratti balleessaa waan raawwataniif, badiisni isaanitti haa dhufu! Ani isaan furuuf qophaaʼeen ture, isaan garuu na irratti soba dubbatan.+ 14  Siree isaanii irratti kan wawwaatan taʼus,Gargaarsa argachuuf garaadhaa na hin waammanne.+ Midhaanii fi wayinii haaraadhaaf jedhanii of mummuru;Isaan ana irratti fincilaniiru. 15  Ani kanan isaan leenjisee fi irree isaanii cimse taʼus,Isaan garuu wanta hamaa taʼe karoorfachuudhaan ana irratti kaʼaniiru. 16  Isaan daandii jijjiirrataniiru, garuu wanta fooyyaʼaatti miti;*Isaan akkuma iddaa laafee kan hin amansiisne dha.+ Bulchitoonni isaanii arraba isaanii isa mormu sanaan kan kaʼe goraadeedhaan ni kufu. Kanaan kan kaʼe isaan biyya Gibxii keessatti kan itti qoosamu ni taʼu.”+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “Isaan haxxummaa isaaniitiin yommuu dhihaatan garaan isaanii akka iddoo ibiddaa ti.”
Kal., “abbootii murtii.”
Ykn., “makoodii; andarii.”
Kal., “garaa.”
Jechuunis, waaqeffannaa ol aanaatti miti.