Hoseʼaa 8:1-14

  • Miidhaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuun geessisu (1-14)

    • Bubbee facaasuu, obomboleettii haammachuu (7)

    • “Israaʼel Uumaa isaa irraanfateera” (14)

8  “Xurumbaa afuufi!+ Isaan kakuu koo waan cabsaniif,+ seera koo irrattis cubbuu waan hojjetaniif,+Diinni akka risaatti gara mana Yihowaatti dhufaa jira.+   Isaan, ‘Yaa Waaqa keenya, nuti Israaʼel si beekna!’+ jedhanii gara kootti iyyu.   Israaʼel wanta gaarii tuffateera.+ Diinni isa haa ariʼu.   Isaan mootota muudaniiru, garuu karaa koo miti. Isaan bulchitoota muudaniiru, ani garuu beekamtii isaaniif hin kennine. Badiisa ofitti fiduuf+Meetii fi warqii isaanii irraa waaqolii tolfataniiru.+   Yaa Samaariyaa, jabbiin kee tuffatameera.+ Dheekkamsi koo isaan irratti ni bobaʼa.+ Isaan hamma yoomiitti qulqulluu taʼuu dadhabu?   Sababiin isaas, kun Israaʼel irraa madde. Kan isa tolche ogeessa harkaa ti malee Waaqa miti;Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.   Isaan bubbee facaasu,Obomboleettiis ni haammatu.+ Mukti midhaanii midhaan gaʼe baasu hin jiru;+Wanta biqile irraa daakuun hin argamu. Utuma firii argamsiisee illee namoota biyya ormaatu* nyaata.+   Israaʼel ni liqimfama.+ Isaan saboota gidduutti+Akkuma miʼa hin barbaadamnee ni taʼu.   Sababiin isaas, isaan akkuma harree bosonaa kophaa jiraatuu gara Asooritti ol baʼaniiru.+ Efreem jaalaleewwan mindeeffateera.+ 10  Isaan saboota gidduudhaa kan isaan mindeeffatan taʼus,Ani walitti isaan nan qaba;Isaan baʼaa mootichii fi bulchitoonni isaan irratti feʼaniin kan kaʼe ni dhiphatu.+ 11  Sababiin isaas, Efreem cubbuu hojjechuuf iddoo aarsaa baayʼifateera.+ Isaan iddoo aarsaa inni cubbuu ittiin hojjetu isaaf taʼaniiru.+ 12  Ani seera* hedduu isaaf barreesseen ture,Haa taʼu malee, akka waan keessummaa taʼanitti ilaalaman.+ 13  Isaan kennaawwan aarsaadhaaf taʼan ni dhiheessu, foonichas ni nyaatu,Yihowaan garuu isaanitti hin gammadu.+ Amma inni balleessaa isaanii ni yaadata; cubbuu isaaniitiifis isaan ni adaba.+ Isaan gara Gibxiitti deebiʼaniiru.*+ 14  Israaʼel Uumaa isaa irraanfateera,+ manneen qulqullummaas ijaarrateera,+Yihudaan magaalota dallaa dhagaa qaban baayʼifateera.+ Haa taʼu malee, ani magaalota isaatti ibidda nan erga,Innis masaraawwan tokkoon tokkoon isaanii gubee ni fixa.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “keessummootatu.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn tarii, “ni deebiʼu.”