Hoseʼaa 9:1-17

  • Cubbuun Efreem Waaqa biratti akka jibbamu isa godhe (1-17)

    • Waaqa qaanessaa taʼeef of murteessuu (10)

9  “Yaa Israaʼel, hin gammadin,+Akka sabootaa hin gammadin. Sababiin isaas, ati sagaagalummaadhaan* Waaqa kee irraa fagaatteetta.+ Mindaa sagaagaltuu isa oobdii midhaanii hundumaa irratti argattu jaallatteetta.+   Haa taʼu malee, oobdiin midhaanii fi iddoon wayinii itti cuunfan isaan hin sooru,Daadhii wayinii haaraas hin argatan.+   Isaan biyya Yihowaa keessa jiraachuu isaanii itti hin fufan;+Kanaa mannaa, Efreem gara Gibxiitti ni deebiʼa,Isaan Asoor keessatti wanta xuraaʼaa ni nyaatu.+   Isaan kana booda Yihowaadhaaf aarsaa daadhii wayinii hin dhangalaasan;+Aarsaan isaanii isa hin gammachiisu.+ Isaan akka nyaata warra gaddaa ti;Warri isa nyaatan hundi of xureessu. Nyaanni isaanii isaaniif* qofa taʼa;Gara mana Yihowaatti hin fidamu.   Guyyaa walgaʼii keessaniitti,*Guyyaa Yihowaadhaaf ayyaanni kabajamutti maal gootu?   Kunoo, isaan badiisichaan kan kaʼe baqachuu qabu.+ Gibxiin walitti isaan ni qabdi,+ Memfiis isaan awwaalti.+ Miʼawwan meetii isaanii warra gatii guddaa qaban doobbiin ni dhaala,Dunkaana isaanii keessattis harangamaan* ni biqila.   Guyyoonni itti qoratamtan ni dhufu,+Guyyoonni itti adabamtan ni dhufu,Israaʼel kana haa beeku. Raajiin isaanii gowwaa ni taʼa, namni geggeessaa hafuuraatiin dubbatus ni maraata;Balleessaan kee baayʼee waan taʼeef, jibbi si irra gaʼu ni baayʼata.”   Eegduun+ Efreem Waaqa koo bira ture.+ Amma garuu daandiin raajota isaa hundi+ akkuma kiyyoo isa simbira qabatuu ti;Mana Waaqa isaa keessa jibbi jira.   Akkuma yeroo Gibeʼaatti taʼe sanaa isaan guutummaatti mancaʼaniiru.+ Inni balleessaa isaanii ni yaadata, cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.+ 10  “Ani akkuma firii wayinii lafa onaa keessa jiruutti Israaʼeliin nan argadhe.+ Akkuma firii harbuu jalqabaa muka harbuu irra jiruutti abbootii keessan nan arge. Isaan garuu gara Baʼaal isa Pheʼor ni dhaqan;+Wanta qaanessaa taʼeef of ni murteessan,+Akkuma wanta* qaanessaa jaallatan sanaattis balfamoo ni taʼan. 11  Ulfinni Efreem akkuma simbirrootti barrisee ni bada;Daʼuun, ulfaaʼuunis taʼe, garaatti baachuun hin jiru.+ 12  Utuma ijoollee guddisanii illee,Ijoollee malee isaan nan hambisa, namni tokko illee isaaniif hin hafu;+Eeyyee, yommuun isaan irraa garagalu isaaniif wayyoo!+ 13  Efreem inni iddoo dheedichaa keessa dhaabame anaaf akkuma Xiirosi;+Amma Efreem ilmaan isaa qalmaaf haa fidu.” 14  Yaa Yihowaa, wanta isaaniif kennamuu qabu isaaniif kenni;Gadameessa ulfi irraa baʼuu fi harma gogaa* isaaniif kenni. 15  “Hamminni isaanii hundi Gilgaal keessatti argama,+ sababiin isaas, ani achitti isaan jibbeera. Gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe mana koo keessaa isaan nan ariʼa.+ Ani kana booda isaan hin jaalladhu;+Bulchitoonni isaanii hundi mata jabeeyyii dha. 16  Efreem ni rukutama.+ Hiddi isaanii ni goga, isaan firii hin godhatan. Utuma ijoollee godhatanii illee ijoollee isaanii warra jaallatan jalaa nan ajjeesa.” 17  Waaqni koo isaan ni dhiisa,Sababiin isaas, isaan isa hin dhageenye,+Isaan saboota gidduutti baqattoota ni taʼu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “addaggummaadhaan; halalummaadhaan.”
Ykn., “lubbuu isaaniitiif.”
Ykn., “affeerraa keessanii isa murteeffametti.”
Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.
Ykn., “waaqa.”
Ykn., “shuntuure.”