Mulʼata Yohaannis 17:1-18
17 Maleekota torban saaniiwwan torba qaban sana keessaa inni tokko+ dhufee akkana naan jedhe: “Kottu, murtii sagaagaltuu guddittii bishaanota hedduu irra teessu sana irratti dabarfame sitti nan argisiisa;+
2 mootonni lafaa ishii wajjin halalummaa*+ raawwataniiru; jiraattonni lafa irraas daadhii wayinii halalummaa* ishiitiin machaaʼaniiru.”+
3 Inni humna hafuuraatiin gara lafa onaatti na geesse. Anis dubartiin tokko bineensa diimaa, maqaawwan Waaqa arrabsaniin guutame, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu irra teessee nan arge.
4 Dubartittiin uffata bifa dhiilgee+ fi diimaa uffattee, warqii, dhagaa gatii guddaa qabuu fi calleedhaan*+ miidhagfamtee, akkasumas xoofoo warqii wantoota balfamoo fi wantoota xuraaʼoo halalummaa* ishiitiin guutame harkatti qabattee turte.
5 Adda ishii irrattis maqaan iccitii, “Baabilon Guddittii, haadha sagaagaltootaa+ fi wantoota balfamoo lafa irraa”+ jedhu barreeffamee ture.
6 Anis dubartittiin dhiiga qulqullootaa fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiin machooftee nan arge.+
Yommuun ishii argus baayʼeen ajaaʼibsiifadhe.
7 Kanaafuu, maleekichi akkana naan jedhe: “Ati maaliif ajaaʼibsiifatte? Iccitii dubartittii+ fi iccitii bineensa ishii baate, isa mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu+ sanaa sitti nan hima:
8 Bineensi ati argite sun jira ture, amma hin jiru, booda garuu qilee+ keessaa ni baʼa, gara badiisaattis ni deema. Namoonni lafa irra jiraatanii fi erga addunyaan hundeeffamee jalqabee maqaan isaanii maraa kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamne,+ bineensicha isa duraan ture, amma hin jirree fi booda garuu dhufuuf jiru sana yommuu argan ni ajaaʼibsiifatu.
9 “Egaa sammuun ogummaa qabu kan barbaachisu kana irratti: Mataawwan torban+ gaarota torban dubartittiin irra teessu argisiisu.
10 Isaan mootota torba argisiisu: Shanan isaanii kufaniiru, tokko jira, inni kan biraan garuu amma iyyuu hin dhufne; yommuu dhufus yeroo gabaabaadhaaf turuu qaba.
11 Bineensi inni duraan turee fi amma garuu hin jirre sun,+ mootii saddeettaffaa dha; taʼus, inni warra torban keessaa baʼa, gara badiisaattis ni deema.
12 “Gaanfonni kurnan ati argite mootota kurnan warra amma iyyuu mootummaa hin fudhanne argisiisu; haa taʼu malee, isaan bineensichaa wajjin aangoo fudhatanii saʼaatii tokkoof mootota taʼu.
13 Warri kun yaada tokko waan qabaniif, humnaa fi aangoo isaanii bineensichaaf ni kennu.
14 Isaan Hoolichaa+ wajjin wal lolu; taʼus Hoolichi Gooftaa gooftotaa fi Mootii moototaa+ waan taʼeef isaan injifata.+ Warri isaa wajjin jiran, jechuunis warri waamaman, filatamanii fi amanamoo taʼanis ni injifatu.”+
15 Innis akkana naan jedhe: “Bishaanonni sagaagaltuun sun irra teessee fi ati argite, namoota, uummata hedduu, sabootaa fi qooqawwan argisiisu.+
16 Gaanfonni kurnan+ ati argitee fi bineensichi+ sagaagaltuu+ sana ni jibbu, ishii ni saamu, qullaatti ishii hambisu, foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu.+
17 Sababiin isaas, Waaqayyo hamma dubbiin isaa raawwatamutti yaada isaa akka raawwataniif,+ eeyyee, mootummaa isaanii bineensichaaf+ kennuudhaan yaada tokkicha qaban sana akka raawwataniif, kana garaa isaanii keessa kaaʼeera.
18 Dubartiin+ ati argite magaalaa guddittii ishii mootota lafaa irratti mootummaa qabdu argisiisti.”
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.
^ Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.