Mulʼata Yohaannis 8:1-13

  • Chaappaan inni torbaffaan ni baname (1-6)

  • Malakatawwan jalqabaa arfan ni afuufaman (7-12)

  • Wayyoon sadii ni labsame (13)

8  Yommuu inni+ chaappaa isa torbaffaa banu,+ samii keessatti gara saʼaatii walakkaatiif callisni ni taʼe.  Maleekota torban+ Waaqayyo dura dhaabbatan nan arge, malakanni torba isaaniif ni kenname.  Maleekaa kan biraan qodaa ixaanaa warqii irraa tolfame qabate tokko dhufee iddoo aarsaa+ bira dhaabbate; inni kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin iddoo aarsaa warqii irraa tolfame+ isa teessicha dura jiru irratti akka dhiheessuuf ixaanni hedduun+ isaaf kenname.  Aarri ixaanichaa kadhannaa+ qulqullootaa wajjin harka maleekichaa irraa Waaqayyo duratti ol baʼe.  Taʼus yeruma sana maleekichi qodaa ixaanaa sana fudhatee ibidda iddoo aarsaa irraa itti guutee gara lafaatti darbate. Achiis kakawween, sagaleen, balaqqeessi bakakkaa+ fi kirkirri lafaa ni taʼe.  Maleekonni torban malakata torba qabatanis+ afuufuuf qophaaʼan.  Maleekaan inni jalqabaa malakata isaa afuufe. Cabbii fi ibiddi dhiigaan makames ni taʼe; achiis gara lafaatti gad darbatame;+ laftis harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; mukeetiin harka sadii keessaa harki tokko ni gubatan; biqiltoonni lalisoon hundis ni gubatan.+  Maleekaan inni lammaffaan malakata isaa afuufe. Wanti gaara guddaa ibiddaan gubachaa jiru fakkaatu tokkos galaana keessatti gad darbatame.+ Galaanichi harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe;+  uumamawwan jiraatoo galaana keessa jiran harka sadii keessaa harki tokko ni duʼan;+ dooniiwwanis harka sadii keessaa harki tokko ni caccaban. 10  Maleekaan inni sadaffaan malakata isaa afuufe. Urjii guddaan akka ibsaa bobaʼu tokkos samii keessaa ni kufe; inni lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, akkasumas burqaawwan bishaanii irratti kufe.+ 11  Maqaan urjichaa Hadheessa jedhama. Bishaanonni harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼan; bishaanonni kun waan hadhaaʼaniif,+ namoonni hedduun bishaanota sanaan kan kaʼe ni duʼan. 12  Maleekaan inni arfaffaan malakata isaa afuufe. Aduun+ harka sadii keessaa harki tokko, addeessi harka sadii keessaa harki tokko, urjiileen harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kunis kan taʼe isaan harka sadii keessaa harki tokko akka dukkanaaʼaniif,+ akkasumas guyyaan harka sadii keessaa harki tokko, halkanis harka sadii keessaa harki tokko ifa akka hin arganneefi. 13  Ani nan arge, risaan samii walakkaa barrisu tokko sagalee guddaadhaan, “Sagalee malakataa guddaa maleekonni sadan hafan yommuu malakata+ isaanii afuufan dhagaʼamuun kan kaʼe, warra lafa irra jiraataniif wayyoo, wayyoo, wayyoo!”+ yommuu jedhu nan dhagaʼe.

Miiljaleewwan