Yooʼel 1:1-20

  • Dhaʼicha awwaannisaa cimaa (1-14)

  • “Guyyaan Yihowaa dhihaateera” (15-20)

    • Raajichi Yihowaa waammate (19, 20)

1  Dubbiin Yihowaa gara Yooʼel* ilma Petuʼel dhufe isa kana:   “Isin jaarsoliin, kana dhagaʼaa,Isin jiraattonni biyyattii* hundi, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa. Bara keessanitti yookiin bara abbootii keessaniitti Wanti akkanaa taʼee beekaa?+   Waaʼee kanaa ilmaan keessanitti himaa,Ilmaan keessan immoo ilmaan isaaniitti haa himan,Ilmaan isaaniis dhaloota itti aanutti haa himan.   Wanta awwaannisa barbaddeessu irraa hafe hoomaan awwaannisaa ni nyaate;+Wanta hoomaa awwaannisaa irraa hafe ilmaan awwaannisaa ni nyaatan;Wanta ilmaan awwaannisaa irraa hafe immoo awwaannisni hin quufne ni nyaate.+   Isin warri machooftuun, dammaqaatii+ booʼaa! Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundi, iyyaa,Sababiin isaas, daadhiin wayinii inni miʼaawu afaan keessan irraa fudhatameera.+   Sabni jabaa fi lakkoofsi isaa hammana hin jedhamne tokko biyya koo irratti dhufeera.+ Ilkaan isaa ilkaan leencaa ti,+ mangaagaan isaas mangaagaa leencaa ti.   Inni muka wayinii koo barbadeesseera, muka harbuu koos gara gufuutti jijjiireera,Guutummaatti irraa quncisee darbatee gateera,Dameewwan isaaniis adii akka taʼan godheera.   Akkuma durba* uffata gaddaa uffatteeMisirroo* ijoollummaa ishiitiif boossutti booʼaa.   Aarsaan midhaanii+ fi aarsaan dhugaatii+ gara mana Yihowaatti fidamaa hin jiru;Luboonni warri tajaajiltoota Yihowaa taʼan gadda irra jiru. 10  Maasichi mancaʼeera, lafichis gaddeera;+Sababiin isaas, midhaan barbadaaʼeera, daadhii wayinii haaraan hin jiru, zayitiinis dhumeera.+ 11  Qamadii fi garbuudhaan kan kaʼe,Qonnaan bultoonni qaanaʼaniiru, warri maasii wayinii keessatti hojjetanis ni gadoodu;Sababiin isaas, oomishni maasichaa badeera. 12  Mukti wayinii gogeera,Mukti harbuus coolligeera. Mukti romaanii, mukti meexxii fi mukti poomii,Mukti dirree keessaa hundis gogeera;+Gammachuun sabicha gidduu jiru qaaniitti jijjiirameera. 13  Isin luboonni, uffata gaddaa uffadhaatii* gaddaa;*Isin tajaajiltoonni iddoo aarsaa, booʼaa.+ Isin tajaajiltoonni Waaqa kootii kottaa, uffata gaddaa uffadhaa bulaa;Sababiin isaas, aarsaan midhaanii+ fi aarsaan dhugaatii+ mana Waaqa keessanii irraa citeera. 14  Sooma labsaa;* walgaʼii qulqulluu waamaa.+ Jiraattota biyyatti hundumaa dabalatee jaarsolii mana Waaqa keessan Yihowaatti walitti qabaatii+ Gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyaa. 15  Guyyichaan kan kaʼe isiniif wayyoo! Guyyaan Yihowaa dhihaateera,+Isa Hundumaa Dandaʼu biraa badiisni ni dhufa! 16  Ija keenya duraa nyaanni,Mana Waaqa keenyaa keessaas ililchii fi gammachuun fudhatameera mitii? 17  Sanyiiwwan* akaafaa isaanii jalatti coolliganiiru. Manneen kuusaa onaniiru. Midhaanichi waan gogeef, gootaraawwan jiganiiru. 18  Horiiwwan illee ni aadu! Waan dheedan waan hin qabneef, loon burjaajaʼanii asii fi achi jooru! Tuutni hoolotaa ni adabamu. 19  Ibiddi iddoowwan dheedichaa lafa onaa waan gubeef,Laboobni ibiddaas mukeetii dirree keessa jiran hundumaa waan fixeef,Yaa Yihowaa, ani gargaarsaaf sin waammadha.+ 20  Lageen waan goganiif,Ibiddis iddoowwan dheedichaa lafa onaa waan gubeef,Bineensonni bosonaa illee si eeggatu.”

Miiljaleewwan

“Yihowaan Waaqa Dha” jechuu dha.
Ykn., “lafaa.”
Ykn., “shamarree.”
Ykn., “Abbaa manaa.”
Kal., “mudhii hidhadhaatii.”
Ykn., “qoma keessan rukutaa.”
Kal., “qulqulleessaa.”
Ykn tarii, “Harbuuwwan goggogan.”