Yooʼel 3:1-21

  • Yihowaan saboota hundumaa irratti ni murteessa (1-17)

    • Sulula Yoshaafaax (2, 12)

    • Sulula murtoo (14)

    • Yihowaan Israaʼeliif dahoo dha (16)

  • Yihowaan saba isaa ni eebbisa (18-21)

3  “Kunoo, guyyoota sanattii fi yeroo sanatti,Yommuu ani boojiʼamtoota Yihudaa fi Yerusaalem deebisee fidutti,+   Saboota hundumaa walitti qabeeGara Sulula* Yoshaafaaxitti* gad isaan nan buusa. Isaan saboota gidduutti waan isaan bittinneessaniif,Biyya koos waan hirataniif,+Ani saba koo fi dhaala koo Israaʼeliif jedhee,Achitti isaanitti nan murteessa.+   Isaan saba koo irratti carraa buufatu;+Sagaagaltuudhaaf gatii kaffaluuf jedhanii mucaa dhiiraa gurguru,Daadhii wayinii dhuganiif jedhaniis intala gurguru.   Yaa Xiiros, Siidoonii fi naannoowwan Filisxeem hundi,Isin maal na irraa qabdu? Wantan isin irratti raawwadhe tokkoof gatii naaf deebisaa jirtuu? Gatii koo naaf deebisaa jirtu taanaan,Saffisa guddaadhaan wanta isin yaaddan mataa keessan irratti nan deebisa.+   Sababiin isaas, isin meetii fi warqii koo fudhattaniittu,+Qabeenya koo isa gaggaariis gara mana qulqullummaa keessaniitti galchitaniittu;   Naannoo isaanii irraa buqqistanii isaan fageessuuf,Namoota Yihudaa fi Yerusaalem warra Giriikiitti gurgurtaniittu.+   Kunoo, ani iddoo isin itti isaan gurgurtan irraa akka deebiʼaniif isaan nan kakaasa,+Wanta isin yaaddanis mataa keessan irratti nan deebisa.   Ani ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keessan namoota Yihudaatti nan gurgura,+Isaan immoo saba fagoo jirutti, jechuunis namoota Sheebaa warra fagoo jiranitti isaan ni gurguru;Sababiin isaas, Yihowaan kana dubbateera.   Kana saboota gidduutti labsaa:+ ‘Waraanaaf qophaaʼaa!* Namoota jajjaboo kakaasaa! Loltoonni hundi haa dhihaatan, fuuldurattis haa deeman!+ 10  Maarashaa keessan goraadee, haamtuu keessanis eeboo gochuuf tumaa. Inni dadhabaan, “Ani jabaa dha” haa jedhu. 11  Saboonni kallattii hundumaatiin jirtan hundi kottaatii gargaaraa, walittis qabamaa!’”+ Yaa Yihowaa, loltoota kee gara iddoo sanaatti gad buusi. 12  “Ani saboota kallattii hundumaatiin jiran irratti murteessuuf achi waanan taaʼuuf,+Saboonni kaʼanii gara Sulula* Yoshaafaax haa dhufan. 13  Makarri waan gaʼeef, haamtuu keessanitti fayyadamaa. Iddoon wayinii itti cuunfan firii wayiniitiin waan guuteef, gad buʼaatii dhidhiitaa.+ Hamminni isaanii baayʼee waan taʼeef, iddoon wayiniin itti kuufamu guutee dhangalaʼeera. 14  Guyyaan Yihowaa sulula* murtoo keessatti waan dhihaateef,+Namoonni hedduun, eeyyee, namoonni hedduun sulula* murtoo sana keessa jiru. 15  Aduu fi addeessi ni dukkanaaʼu,Urjiileenis ifa isaanii hin kennan. 16  Yihowaan Xiyoon keessaa ni barooda,Yerusaalem keessaas sagalee isaa guddisee ni dhageessisa. Samii fi lafti ni raafamu;Yihowaan garuu saba isaatiif iddoo kooluu itti galan,+Saba Israaʼeliif dahoo ni taʼa. 17  Isinis ani Waaqa keessan Yihowaa isa Xiyoon gaara koo ishii qulqulluu irra jiraatu+ taʼuu koo dhugumaan ni hubattu. Yerusaalem iddoo qulqulluu ni taati,+Kana booda namoonni biyya ormaa* ishii keessa hin darban.+ 18  Guyyaa sanatti gaaronni daadhii wayinii miʼaawaa ni coccophsu,+Tabbawwan aannan ni yaasu,Lageen Yihudaa hundis bishaaniin ni guutamu. Mana Yihowaa keessaa burqaan tokko ni yaaʼa,+Innis Sulula* Mukeetii Laaftoo ni obaasa. 19  Gibxiin garuu ni onti,+Edoomis lafa onaa ni taati,+Sababiin isaas, isaan saba Yihudaa irratti hammina raawwataniiru,+Biyya isaa keessattis dhiiga qulqulluu dhangalaasaniiru.+ 20  Yihudaa keessa yeroo hundumaatiif,Yerusaalem keessas dhalootaa hamma dhalootatti namoonni ni jiraatu.+ 21  Ani dhiiga* isaanii isan akka qulqulluutti hin ilaalle sana akka qulqulluutti nan ilaala;+Yihowaan Xiyoon keessa ni jiraata.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
“Yihowaan Abbaa Murtii Dha” jechuu dha.
Kal., “Waraana qulqulleessaa.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Kal., “keessummoonni.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “dhiiga dhangalaasuu.”