Abbootii Murtii 10:1-18

  • Abbootii murtii kan taʼan Tolaa fi Yaaʼir (1-5)

  • Israaʼel ni fincile, achiis cubbuu isaa irraa deebiʼe (6-16)

  • Amoononni Israaʼeliin doorsisan (17, 18)

10  Abimelek booda Tolaan ilmi Puwaa, ilmi Doodoo inni nama Yisaakor taʼe Israaʼeliin oolchuuf ni kaʼe.+ Inni Shaamiir ishii naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu keessa jiraata ture.  Inni waggaa 23f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. Achiis ni duʼe; Shaamiir keessattis ni awwaalame.  Isa booda Yaaʼir Giiliyaadichi kaʼee waggaa 22f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile.  Inni ilmaan harree 30 irra taaʼanii deeman 30 qaba ture; isaan magaalota 30 qabu turan; magaalonni kunis hamma harʼaatti Hawoot Yaaʼir+ jedhamanii kan waamaman yeroo taʼu, biyya Giiliyaad keessatti argamu.  Sana booda Yaaʼir ni duʼe; Qaamon keessattis ni awwaalame.  Israaʼelonni ammas wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan;+ akkasumas Baʼaaliin,+ siidaawwan Ashtooret, waaqolii Aaraam,* waaqolii Siidoon, waaqolii Moʼaab,+ waaqolii Amoonotaa+ fi waaqolii Filisxeemotaa+ tajaajiluu jalqaban. Yihowaa ni dhiisan; isas hin tajaajille.  Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; harka Filisxeemotaattii fi harka Amoonotaattis dabarsee isaan kenne.*+  Kanaafuu, isaan waggaa sana keessatti Israaʼelota ni miidhan; akka malees isaan cunqursan; Israaʼelota Yordaanos irraa kallattii bahaatiin biyya Giiliyaad isa kan Amoorotaa ture keessa jiran hundumaa waggaa 18f ni cunqursan.  Akkasumas Amoononni Yihudaa, Biiniyaamii fi mana Efreem waraanuuf Yordaanosiin ni ceʼu turan; Israaʼelonnis akka malee dhiphatanii turan. 10  Yeroo kanatti Israaʼelonni, “Nuti Waaqa keenya dhiisnee Baʼaaliin tajaajiluudhaan, si irratti cubbuu raawwanneerra”+ jedhanii gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatan.+ 11  Yihowaan garuu Israaʼelotaan akkana jedhe: “Ani warri Gibxii,+ Amooronni,+ Amoononni, Filisxeemonni,+ 12  Siidoononni, Amaaleqonnii fi Miidiyaanonni yommuu isin cunqursan harka isaanii jalaa isin hin oolchinee? Yommuu isin gara kootti iyyattan ani harka isaanii jalaa isin oolcheera. 13  Isin garuu na dhiistanii waaqolii kan biroo tajaajiltan.+ Ani kana booda kanan isin hin oolchine kanaafi.+ 14  Gara waaqolii filattan sanaa dhaqaatii gargaarsaaf isaanitti iyyadhaa.+ Yeroo dhiphina keessaniitti isaan isin haa oolchan.”+ 15  Israaʼelonni garuu Yihowaadhaan, “Nuti cubbuu raawwanneerra. Wanta gaarii taʼee sitti mulʼate kam iyyuu nu irratti raawwadhu. Maaloo, harʼuma qofa nu oolchi” jedhan. 16  Akkasumas isaan waaqolii ormaa of gidduudhaa balleessanii Yihowaa tajaajilan;+ kanaafuu, inni sana booda dhiphina Israaʼel+ callisee bira darbuu hin dandeenye.* 17  Yeroo booda Amoononni+ walitti qabamanii Giiliyaad keessa buufatan. Kanaafuu, Israaʼelonnis walitti qabamanii Misphaa keessa buufatan. 18  Sabichii fi bulchitoonni Giiliyaad, “Amoonota waraanuuf nu dura buʼee kan deemu eenyu?+ Inni jiraattota Giiliyaad hundumaa irratti ajajaa haa taʼu” waliin jedhan.

Miiljaleewwan

Ykn., “Sooriyaa.”
Kal., “isaan gurgure.”
Ykn., “dhiphina Israaʼeliin kan kaʼe lubbuun isaa obsuu hin dandeenye.”