Abbootii Murtii 12:1-15

  • Walitti buʼiinsa Efreemotaa wajjin uumame (1-7)

    • Qorumsa Shiiboleet (6)

  • Abbootii murtii kan taʼan Ibzaan, Eloonii fi Abdoon (8-15)

12  Achiis namoonni Efreem walitti qabamanii gara Zaafonitti* ceʼanii Yiftaadhaan, “Amoonota waraanuuf yommuu ceetetti sii wajjin akka dhaqnu kan nu hin waamne maaliifi?+ Mana kee si irratti gubna” jedhan.  Yiftaan garuu akkana isaaniin jedhe: “Anii fi namoonni koo Amoonotaa wajjin waraana cimaa irra turre. Gargaarsaaf isin waammadheen ture; isin garuu harka isaanii jalaa na hin oolchine.  Akka isin na hin oolchine yommuun argu, lubbuu koo balaadhaaf saaxilee* dhaqee Amoonota+ waraanuufan murteesse; Yihowaanis harka kootti dabarsee isaan kenne. Maarree, isin harʼa na waraanuuf kan dhuftan maaliifi?”  Achiis Yiftaan namoota Giiliyaad+ hundumaa walitti ni qabe; isaanis Efreemiin ni waraanan; namoonni Giiliyaad Efreemota ni moʼan; Efreemonni Giiliyaadotaan, “Isin Giiliyaadonni warri Efreemii fi Minaasee keessatti argamtan warra Efreem keessaa baqattani dha” jedhu turan.  Giiliyaadonni malkaawwan Yordaanos+ warra Efreem fuuldura jiran ni qabatan; namoonni Efreem yommuu miliquuf yaalanitti, “Mee nan ceʼa” jedhu turan; achiis namoonni Giiliyaad, “Ati nama Efreemii?” jedhanii tokkoon tokkoon isaanii gaafatu turan. Yommuu inni, “Lakki!” jedhee deebisu,  “Mee Shiiboleet jedhi” isaan jedhu turan. Inni garuu jecha sana sirriitti waamuu waan hin dandeenyeef, “Siiboleet” jedha ture. Achiis isa qabanii malkaawwan Yordaanos biratti isa ajjeesu turan. Akka kanaan, yeroo sanatti Efreemonni 42,000 ni dhuman.  Yiftaan waggaa jaʼaaf Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile; sana booda Yiftaan Giiliyaadichi ni duʼe; magaalaa isaa Giiliyaad keessattis ni awwaalame.  Isatti aansee Ibzaan Beetaliheemichi Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile.+  Inni ijoollee dhiiraa 30 fi ijoollee durbaa 30 qaba ture. Ijoollee durbaa isaa namoota qomoo isaatii ala taʼanitti akka heeruman erge; ijoollee dhiiraa isaatiifis dubartoota 30 ni fide. Waggaa torbaafis Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 10  Achiis Ibzaan ni duʼe; Beetaliheem keessattis ni awwaalame. 11  Isatti aansee Eloon Zaabiloonichi Israaʼel irratti abbaa murtii taʼe; inni waggaa kudhaniif Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 12  Achiis Eloon Zaabiloonichi ni duʼe; Ayiloon ishii biyya Zaabiloon keessatti argamtu keessattis ni awwaalame. 13  Isatti aansee Abdoon ilmi Hiilel Phiraatonichi Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 14  Inni ilmaan 40 fi ilmaan ilmaanii 30 harree 70 irra taaʼanii deeman qaba ture. Inni waggaa saddeetiif Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 15  Achiis Abdoon ilmi Hiilel Phiraatonichi ni duʼe; Phiraaton ishii biyya Efreem keessa gaara Amaaleqotaa+ keessatti argamtuttis ni awwaalame.

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “kallattii kaabaatti.”
Ykn., “lubbuu koo harka koo keessatti qabadhee.”