Abbootii Murtii 15:1-20

  • Saamson Filisxeemota haaloo irratti baʼe (1-20)

15  Yeroo muraasa booda yeroo qamadiin itti sassaabamutti Saamson xobbaallaa reʼee tokko qabatee haadha manaa isaa gaafachuu dhaqe. Achiis, “Gara kutaa ciisichaa* haati manaa tiyya keessa jirtuutti seenuun barbaada” jedhe. Abbaan ishii garuu akka seenu isaaf hin heyyamne.  Abbaan ishii, “Ani, ‘Dhugumaan ishii jibbiteetta’+ jedheen yaade. Kanaafuu, miinjee keetiifan ishii kenne.+ Obboleettiin ishii ishiin quxisuun ishii caalaa bareeddi mitii? Maaloo, bakka ishii ishii fuudhi” isaan jedhe.  Haa taʼu malee, Saamson, “Amma Filisxeemonni miidhaa ani isaan irraan geessisuuf na komachuu hin dandaʼan” isaaniin jedhe.  Kanaafuu, Saamson deemee jeedaloota 300 qabe. Achiis gucawwan fudhatee eegee jeedala isa tokkoo eegee jeedala isa kan biraatti erga hidhee booda, tokkoon tokkoon eegee walitti hidhame sana gidduu guca tokko tokko ni kaaʼe.  Achiis gucawwan sanatti ibidda qabsiisee jeedalawwan sana maasiiwwan Filisxeemotaa warra midhaan hin haamamne qaban keessatti gadhiise. Maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa dabalatee, bissii* irraa jalqabee hamma midhaan hin haamamneetti wanta hundumaatti ibidda qabsiise.  Filisxeemonnis, “Eenyutu kana godhe?” jedhanii gaafatan. Achiis, “Saamson isa soddaa Timnaatichaa taʼe sana dha; kana kan godhes, haadha manaa isaa jalaa fuudhee miinjee isaatiif waan kenneefi”+ jedhamee isaanitti himame. Yeroo kanatti Filisxeemonni ol baʼanii ishii fi abbaa ishii ibiddaan guban.+  Achiis Saamson, “Erga isin akkana gootanii, ani utuun haaloo isin irratti hin baʼin hin dhiisu”+ isaaniin jedhe.  Achiis tokko tokkoon isaan rukutuudhaan* namoota hedduu ni fixe; sana booda gad buʼee holqa kattaa Etaamitti argamu tokko keessa taaʼe.  Boodas Filisxeemonni ol baʼanii Yihudaa keessa buufatanii Lehii+ keessa tamsaʼan. 10  Achiis namoonni Yihudaa, “Nuun loluuf kan ol baatan maaliifi?” isaaniin jedhan; isaanis deebisanii, “Akkuma inni nu irratti godhe isa irratti gochuuf, Saamsoniin qabuu* dhufne” isaaniin jedhan. 11  Kanaafuu, namoonni Yihudaa 3,000 gara holqa kattaa Etaam keessatti argamu sanaatti gad buʼanii Saamsoniin: “Filisxeemonni nu bulchaa akka jiran hin beektuu?+ Maarree, wanta akkanaa nu irratti kan raawwatte maaliifi?” isaan jedhan. Innis, “Wantuma isaan na irratti raawwatanin isaan irratti raawwadhe” isaaniin jedhe. 12  Isaan garuu, “Nuti kan dhufne si qabnee* dabarsinee Filisxeemotatti si kennuufi” isaan jedhan. Achiis Saamson, “Isin ofii keessaniin akka na hin miine naaf kakadhaa” isaaniin jedhe. 13  Isaanis, “Lakki, nuti si hiinee dabarsinee isaanitti si kennina malee, si hin ajjeesnu” isaan jedhan. Kanaafuu, wadaroo haaraa lamaan isa hidhanii katticha keessaa ol isa baasan. 14  Yommuu inni gara Lehii dhufus Filisxeemonni isa argachuu isaaniitiin miira injifannootiin ni iyyan. Achiis hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ wadaroon harka isaa irra jirus akkuma foʼaa quncee talbaa ibiddaan gubatee taʼe; hidhaan sunis harka isaa irraa baqee ni harcaʼe.+ 15  Yeroo kanatti inni lafee mangaagaa wadala harree hoʼaa taʼe tokko argate; harka isaa hiixatee isa fuudhee namoota 1,000 ittiin ajjeese.+ 16  Achiis Saamson akkana jedhe: “Lafee mangaagaa harreetiin tuullaa irratti tuullaa nan dabale! Lafee mangaagaa harreetiin namoota 1,000 nan ajjeese.”+ 17  Dubbii isaa yommuu xumuretti lafee mangaagaa sana ni darbate; iddoo sanas Raamaat Lehii*+ jedhee moggaase. 18  Achiis baayʼee dheebotee, “Harka tajaajilaa keetiin fayyina guddaa kana kan argamsiise si dha. Maarree, amma ani dheebuudhaan duʼee harka warra dhaqna hin qabamnee keessatti kufuun qabaa?” jedhee gara Yihowaatti iyyate. 19  Kanaafuu, Waaqayyo dhooqa Lehii keessa jiru tokko ni bane; bishaanis isa keessaa ni yaaʼe.+ Yommuu dhugus, hafuurri* isaa isatti ni deebiʼe, ni jajjabaates. Inni iddoo kana Een Haqoor* jedhee kan moggaase kanaafi; iddoon kunis hamma harʼaatti Lehii keessatti argama. 20  Inni bara Filisxeemotaatti waggaa 20f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile.+

Miiljaleewwan

Ykn., “kutaa isa keessaa.”
Jechuunis, nadoo ykn ladoo.
Kal., “gudeeda miila isaanii rukutee.”
Ykn., “hidhuu.”
Ykn., “hiinee.”
“Iddoo Ol Kaʼaa Lafee Mangaagaa” jechuu dha.
Ykn., “humni.”
“Burqaa Isa Waamu Sanaa” jechuu dha.