Abbootii Murtii 16:1-31

  • Wanta Gaazaa keessatti Saamson mudate (1-3)

  • Saamsonii fi Deliilaa (4-22)

  • Saamson haaloo baʼuu isaa fi duʼuu isaa (23-31)

16  Yeroo tokko Saamson gara Gaazaa dhaqee achitti dubartii sagaagaltuu tokko argee mana ishiitti gore.  Warri Gaazaas, “Saamson as dhufeera” jedhamee itti himame. Kanaafuu, isaan isatti marsanii halkan guutuu karra magaalattii biratti riphanii isa eegaa bulan. Isaan, “Yommuu lafti bariʼu isa ajjeesna” jedhanii yaaduudhaan, halkan guutuu hafuura dhokfatanii eegan.  Haa taʼu malee, Saamson hamma halkan walakkaatti achuma ciise. Achiis halkan walakkaa kaʼee balbaloota magaalattii fi utubaawwan karrichaa lamaan harka isaatiin qabee danqaraa isaa wajjin buqqise. Gateettii isaa irratti isaan baatee fiixee gaara isa fuullee Kebroonitti argamuutti ol isaan baase.  Sana booda dubartii Sulula* Soreeq keessatti argamtuu fi Deliilaa jedhamtu irraa jaalalli isa qabe.+  Kanaafuu, gooftoliin Filisxeemotaa gara ishii dhufanii, “Isa gowwoomsiitii*+ jabina guddaa kana kan isaaf kenne maal akka taʼee fi isa moʼuu, hidhuu fi of jala galfachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beekuuf yaali. Akkana yoo goote tokkoon tokkoon keenya meetii sheeqilii* 1,100 siif kennina” ishiidhaan jedhan.  Boodas Deliilaan Saamsoniin, “Maaloo, humna guddaa kana eessaa akka argattee fi wanti ittiin si hidhuu fi of jala si galfachuun itti dandaʼamu  maal akka taʼe natti himi” jette.  Saamsonis, “Ribuuwwan haaraa hin goggogne torbaan yoo na hidhan, akkuma nama kan biraa dadhabaan taʼa” ishiidhaan jedhe.  Kanaafuu, gooftoliin Filisxeemotaa ribuuwwan haaraa hin goggogne torba ishiidhaaf ni fidan; ishiinis ittiin isa hiite.  Yeroo kanatti isaan kutaa isa keessaa keessatti riphanii isa eeggachaa turan; ishiinis, “Saamson, Filisxeemonni sitti dhufan!” jettee iyyite. Achiis inni akkuma foʼaan quncee talbaa yommuu ibiddi isa tuqu dafee ciccitutti ribuuwwan sana ni kukkute.+ Iccitiin humna isaa garuu hin beekamne. 10  Achiis Deliilaan Saamsoniin, “Kunoo, na gowwoomsiteetta,* wanti natti himtes soba dha. Amma maaloo, wanti ittiin hidhamuu dandeessu maal akka taʼe natti himi” jette. 11  Innis, “Wadaroo haaraa hojii irra hin oolleen yoo na hidhan, akkuma nama kan biraa dadhabaan taʼa” ishiidhaan jedhe. 12  Kanaafuu Deliilaan wadaroo haaraa fudhattee erga ittiin isa hiitee booda, “Saamson, Filisxeemonni sitti dhufan!” jettee iyyite. (Yeroo kana hundumaatti isaan kutaa isa keessaa keessatti riphanii eeggachaa turan.) Achiis inni wadaroo sana akkuma foʼaatti harka isaa irraa ni kukkute.+ 13  Sana booda Deliilaan Saamsoniin, “Hamma ammaatti na gowwoomsiteetta, kan natti himtes soba dha.+ Wanti ittiin hidhamuu dandeessu maal akka taʼe natti himi” jette. Achiis inni, “Foʼaa rifeensa mataa koo torban boffee wajjin walitti dhaʼi” ishiidhaan jedhe. 14  Kanaafuu, ishiin foʼaa mataa isaa qofoodhaan cimsitee qabsiistee, “Saamson, Filisxeemonni sitti dhufan!” jettee iyyite. Innis hirriiba keessaa dammaqee rifeensa isaa qofoo fi boffee sana keessaa harkisee baase. 15  Yeroo kanatti ishiin, “Utuu garaan kee ana bira hin jiraatin, ‘Sin jaalladha’ akkamitti naan jetta?+ Yeroo kana sadanuu na gowwoomsiteetta, madda humna kee isa guddaas natti hin himne”+ isaan jette. 16  Guyyaa guyyaadhaan isa rakkisuu ishii waan itti fuftee fi dhiibbaa cimaa waan irratti gooteef, hamma duʼa isaa hawwutti* ni nuffe.+ 17  Kanaan kan kaʼes dhuma irratti, “Yeroon itti dhaladhee jalqabee* Naazricha Waaqayyoo waanan taʼeef,+ matumaa haadduun mataa koo tuqee hin beeku. Yoon rifeensa mataa koo haaddadhe, humni koo na irraa bada, dadhabaa nan taʼa, akkuma namoota kaaniis nan taʼa” jedhee wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa ishiitti hime. 18  Deliilaan wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa akka ishiitti hime yommuu beektetti yeruma sana, “Wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa waan natti himeef, amma kottaa” jettee gooftolii Filisxeem+ waamte. Kanaafuu, gooftoliin Filisxeem maallaqicha qabatanii gara ishii dhufan. 19  Ishiinis gudeeda ishii irra isa raffiste; achiis namicha tokko waamtee foʼaa rifeensa mataa isaa torban akka haadu goote. Humni isaa isa irraa waan badeef, sana booda ishiin toʼannaa jala isa galfatte. 20  Ishiinis, “Saamson, Filisxeemonni sitti dhufan!” jettee iyyite. Innis hirriba keessaa dammaqee, “Akkuma yeroo kaanii baʼeen+ bilisa of baasa” jedhe. Haa taʼu malee, Yihowaan akka isa dhiise hin beekne. 21  Kanaafuu, Filisxeemonni isa qabanii ija isaa keessaa baasan. Achiis gara Gaazaatti gad isa buusanii hidhaa sibiila diimaa lamaan isa hidhan; mana hidhaa keessattis midhaan daakuu jalqabe. 22  Haa taʼu malee, erga haadamee booda rifeensi mataa isaa ammas deebiʼee guddachuu jalqabe.+ 23  Boodas gooftoliin Filisxeem, “Waaqni keenya diina keenya Saamsoniin harka keenyatti dabarsee kenneera!” jechuudhaan, waaqa isaanii Daagoniif+ aarsaa guddaa tokko dhiheessuu fi gammaduuf walitti qabaman. 24  Namoonni sunis yommuu isa argan, “Waaqni keenya diina keenya isa biyya keenya balleessee+ fi namoota baayʼee nu jalaa ajjeese+ harka keenyatti dabarsee kenneera” jedhanii waaqa isaanii jajatan. 25  Garaan isaanii baayʼee waan gammadeef, “Mee xiqqoo akka nu bashannansiisuuf Saamsoniin waamaa” jedhan. Kanaafuu, akka isaan bashannansiisuuf mana hidhaa keessaa Saamsoniin ni waaman; utubaawwan gidduus akka dhaabbatu ni godhan. 26  Achiis Saamson mucaa harka isaa qabee tureen, “Itti hirkachuu akkan dandaʼuuf, mee utubaawwan manicha baatanii jiran na qabsiisi” jedhe. 27  (Akka carraa taʼee, manichi dhiirotaa fi dubartootaan guutamee ture. Gooftoliin Filisxeem hundi achi turan; baaxii manichaa irras dhiironnii fi dubartoonni gara 3,000 taʼanii fi yommuu Saamson isaan bashannansiisu ilaalan jiru turan.) 28  Yeroo kanatti Saamson,+ “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo, na yaadadhu; yaa Waaqayyo, ija koo lamaan+ keessaa isa tokkoof Filisxeemota haaloo akkan baʼuuf, maaloo, ammumaaf qofa na jabeessi”+ jedhee gara Yihowaatti iyyate. 29  Achiis Saamson utubaawwan gidduu warra manicha baatanii jiran lamaan hammatee, harka isaa isa mirgaatiin isa tokkotti, harka isaa isa bitaatiin immoo isa kan biraatti hirkate. 30  Saamsonis, “Filisxeemotaa wajjinan duʼa!” jedhee iyye. Achiis hamma humni isaa isaaf heyyame utubaawwan sana ni dhiibe; manichis gooftolii sana irrattii fi namoota manicha keessa jiran hundumaa irratti jige.+ Akka kanaan, inni warra yeroo lubbuudhaan turetti ajjeese caalaa yeroo duʼetti namoota hedduu ni ajjeese.+ 31  Boodas obboloonni isaa fi guutummaan maatii abbaa isaa reeffa isaa fudhachuuf gad buʼan. Ol baasaniis iddoo awwaalchaa abbaa isaa Maanoʼaa+ isa Zoraa+ fi Eeshtaaʼol gidduutti argamu keessatti isa awwaalan. Inni waggaa 20f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajileera.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “amansiisiitii.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “natti taphatteetta.”
Ykn., “hamma lubbuun isaa duʼa hawwitutti.”
Kal., “gadameessa haadha koo irraa jalqabee.”