Abbootii Murtii 17:1-13

  • Waaqolii tolfamoo Miikiyaasii fi luba isaa (1-13)

17  Namichi naannoo gaarotaa Efreem+ keessa jiraatuu fi Miikiyaas jedhamu tokko jira ture.  Innis haadha isaatiin, “Ati nama meetii sheeqilii* 1,100 si jalaa fudhate yommuu abaartu ani dhagaʼeera; kunoo, meetichi na bira jira. Anatu fudhate” jedhe. Yeroo kanatti haati isaa, “Yihowaan ilma koo haa eebbisu” jette.  Kanaafuu, inni meetii sheeqilii 1,100 sana haadha isaatiif ni deebise; haati isaa garuu, “Ilmi koo fakkii bocamaa fi siidaa sibiilaa* akka ittiin tolchuuf,+ ani dhugumaan harka koo irraa meeticha Yihowaadhaaf nan qulqulleessa. Amma deebiseen siif kenna” jette.  Erga inni meeticha haadha isaatiif deebisee booda, haati isaa meetii sheeqilii 200 fuutee nama meetii baqsutti kennite. Innis fakkii bocamaa tokkoo fi siidaa sibiilaa* tokko ni tolche; isaanis mana Miikiyaas keessa ni kaaʼaman.  Namichi Miikiyaas jedhamu kun mana waaqolii tokko qaba ture; inni efuudii+ fi siidaawwan taraafiim*+ tolfatee luba akka isaaf taʼuufis ilmaan isaa keessaa isa tokko ni muude.*+  Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Tokkoon tokkoon namaa wanta sirrii fakkaatee isatti mulʼate* godha ture.+  Yeroo kanatti dargaggeessi Beetaliheem+ ishii Yihudaatti argamtu keessa jiraatuu fi maatii Yihudaa keessaa taʼe tokko jira ture. Inni sanyii Leewwii+ yeroo taʼu, yeroo muraasaaf achi jiraachaa ture.  Namichi kun iddoo jiraatu barbaaddachuuf magaalaa Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessaa baʼee deeme. Utuu karaa deemuus gara naannoo gaarotaa Efreem, gara mana Miikiyaas+ ni dhufe.  Achiis Miikiyaas, “Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani Leewwicha Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessaa dhufe dha; iddoon jiraadhu barbaaddachaan jira” jedhee isaaf deebise. 10  Kanaafuu Miikiyaas, “Anaa wajjin jiraadhuutii abbaa* fi luba naaf taʼi. Ani waggaatti meetii sheeqilii* kudhan siifan kenna; uffata guutuu fi nyaatas siifan kenna” isaan jedhe. Kanaafuu, Leewwichi ol ni seene. 11  Akka kanaan Leewwichi namichaa wajjin jiraachuuf walii gale; dargaggeessi kunis ilmaan isaa keessaa akka isa tokkoo ni taʼe. 12  Kana malees Miikiyaas, luba taʼee akka isaaf tajaajiluuf Leewwicha ni muude;*+ innis mana Miikiyaas keessa ni jiraate. 13  Yeroo kanatti Miikiyaas, “Leewwichi luba koo waan taʼeef, amma Yihowaan wanta gaarii akka naaf godhu nan beeke” jedhe.

Miiljaleewwan

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Kal., “harka isaa guute.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “wanta sirrii akka taʼetti yaade.”
Ykn., “gorsaa.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “harka isaa guute.”