Abbootii Murtii 18:1-31

  • Daanonni biyya barbaaddatan (1-31)

    • Waaqoliin tolfamoon Miikiyaasii fi lubni isaa ni boojiʼaman (14-20)

    • Laaʼish fudhatamtee maqaa Daan jedhu moggaafamte (27-29)

    • Waaqeffannaa waaqa tolfamaa Daan keessa ture (30, 31)

18  Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Kana malees, bara sanatti gosti Daanotaa+ dhaala keessa jiraatan barbaaddachaa turan; sababiin isaas, isaan hamma yeroo sanaatti gosoota Israaʼel gidduutti dhaala hin arganne turan.+  Daanonni biyyattii akka basaasanii fi akka qorataniif maatii isaanii gidduudhaa namoota gaʼumsa qaban shan Zoraa fi Eeshtaaʼol+ keessaa ni ergan. Achiis, “Dhaqaatii biyyattii qoradhaa” isaaniin jedhan. Yommuu gara naannoo gaarotaa Efreem, gara mana Miikiyaas+ dhufanis halkan sana achuma ni bulan.  Utuma mana Miikiyaas bira jiranii sagalee* dargaggeessa isa nama Leewwii taʼe sanaa waan hubataniif, gara isaatti goranii, “Eenyutu as si fide? Iddoo kanaa maal goota? As kan jiraattu maaliifi?” jedhanii isa gaafatan.  Innis, “Miikiyaas akkana akkana naaf godhe; luba taʼee akkan isaaf tajaajilus na mindeeffate”+ jedhee isaaniif deebise.  Achiis, “Maaloo, imalli keenya kan nuuf milkaaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa Waaqayyoon nuuf gaafadhu” isaan jedhan.  Lubichis, “Nagaadhaan dhaqaa. Imala keessan irratti Yihowaan isinii wajjin jira” isaaniin jedhe.  Kanaafuu, namoonni shanan sun deemsa isaanii itti fufanii gara Laaʼish+ dhufan. Isaanis namoonni achi keessa jiraatan akkuma Siidoonotaa of dandaʼanii jiraachaa akka jiran argan. Isaan tasgabbiidhaan, akkasumas utuu homaa hin shakkin+ kan jiraatan yeroo taʼu, bulchaan biyyattii weeraree isaan cunqursus hin jiru ture. Isaan Siidoonota irraa fagaatanii jiraatu turan; eenyuu wajjin iyyuu walitti dhufeenya hin qaban turan.  Gara obboloota isaanii warra Zoraa fi Eeshtaaʼol+ keessa jiranitti yommuu deebiʼanis obboloonni isaanii, “Akkam ture?” isaaniin jedhan.  Isaanis akkana jedhanii isaaniif deebisan: “Biyyattiin baayʼee gaarii akka taate waan argineef, kottaa isaan haa waraannu. Maaliif mamtu? Gara ishiitti seentanii biyyattii dhaalaan fudhachuuf lafa irra hin harkifatinaa. 10  Yommuu achi geessan namoota utuu homaa hin shakkin jiraatan argattu;+ biyyattiinis balʼoo dha. Waaqayyo iddoo wanta lafa irra jiru keessaa homtuu itti hin hirʼanne harka keessanitti dabarsee kenneera.”+ 11  Achiis maatii Daanotaa keessaa namoonni waraanaaf hidhatan 600 Zoraa fi Eeshtaaʼol keessaa baʼanii deeman.+ 12  Isaan ol baʼanii Qiriyaat Yeʼariim+ ishii Yihudaatti argamtu bira buufatan. Iddoon dhiha Qiriyaat Yeʼariimitti argamu sun hamma harʼaatti Mahaane Daan*+ jedhamee kan waamamu kanaafi. 13  Isaan achii kaʼanii gara naannoo gaarotaa Efreemitti qajeeluudhaan gara mana Miikiyaas+ dhufan. 14  Achiis namoonni shanan biyya Laaʼish basaasuuf dhaqanii+ turan sun obboloota isaaniitiin, “Manneen kana keessa efuudiin, siidaawwan taraafiim,* fakkiin bocamee fi siidaan sibiilaa*+ akka jiru beektuu? Maal gochuu akka qabdan irratti yaadaa” jedhan. 15  Kanaafuu, achi dhaabbatanii gara mana dargaggeessa isa nama Leewwii taʼee+ fi manni isaa mana Miikiyaas biratti argamu sanaa dhaqanii nagaa isa gaafatan. 16  Yeroo kana hundumaatti namoonni Daan waraanaaf hidhatan 600n+ sun balbala karrichaa bira dhaabbatanii turan. 17  Namoonni shanan biyyattii basaasuuf dhaqanii turan+ sunis fakkii bocamaa, efuudicha,+ siidaawwan taraafiimii*+ fi fakkii sibiila irraa tolfame*+ sana fudhachuuf ol seenan. (Lubichi+ namoota waraanaaf hidhatan 600n sanaa wajjin balbala karrichaa bira dhaabbatee ture.) 18  Isaanis gara mana Miikiyaasitti seenanii fakkii bocamaa, efuudicha, siidaawwan taraafiimii* fi fakkii sibiila irraa tolfame* sana ni fudhatan. Lubichis, “Maal gochaa jirtu?” isaaniin jedhe. 19  Isaan garuu, “Cal jedhi. Afaan kee qabadhu; abbaa* fi luba akka nuuf taatuuf nuu wajjin kottu. Mana nama tokkootiif luba taʼuu+ moo gosaa fi maatii Israaʼel keessatti argamu tokkoof luba taʼuu siif wayya?”+ isaan jedhan. 20  Kanaafuu, lubichi ni gammade; efuudicha, siidaawwan taraafiimii* fi fakkii bocamaa+ sana fudhatee namoota sanaa wajjin deeme. 21  Achiis isaan ijoollee, horiiwwanii fi wantoota gatii guddaa qaban of dura buusanii karaa isaanii qajeelan. 22  Namoonni manneen mana Miikiyaas biratti argaman keessa jiraatan walitti qabamanii yommuu Daanota bira gaʼanitti, isaan mana Miikiyaas irraa hamma tokko fagaatanii turan. 23  Yommuu isaan iyyanii Daanota waamanis isaan itti garagalanii Miikiyaasiin, “Maal taate? Walitti qabamtanii kan dhuftan maaliifi?” jedhan. 24  Kanaafuu inni, “Isin waaqolii koo warran tolfadhe fudhattaniittu; lubichas fuutanii deemtaniittu. Maaltu naaf hafe ree? Maarree akkamitti, ‘Maal taate?’ naan jettu?” isaaniin jedhe. 25  Daanonnis, “Nutti hin iyyin; taʼuu baannaan, namoonni aaran* miidhaa isin irraan gaʼuu dandaʼu; kun immoo lubbuu kee fi lubbuu maatii keetii si dhabsiisa” jedhanii isaaf deebisan. 26  Achiis Daanonni karaa isaanii itti fufan; Miikiyaasis isaan isa caalaa cimoo akka taʼan yommuu argu duubatti deebiʼee gara mana isaa dhaqe. 27  Isaan wanta Miikiyaas tolfatee fi luba isaa erga fudhatanii booda gara Laaʼish,+ gara saba tasgabbiidhaan jiraatuu fi homaa hin shakkine+ sanaa ni dhaqan. Isaanis goraadeedhaan isaan rukutanii magaalattii ibiddaan guban. 28  Magaalattiin Siidoon irraa fagaattee waan argamtuuf, isaanis eenyuu wajjin iyyuu walitti dhufeenya waan hin qabneef, akkasumas Laaʼish kan argamtu dirree sulula keessaa* isa kan Beet Rehoob+ taʼe keessatti waan tureef, magaalattii kan oolchu hin jiru ture. Achiis isaan magaalattii deebisanii ijaaranii keessa jiraatan. 29  Kana malees, magaalattii maqaa abbaa isaanii isa ilma Israaʼel taʼeen Daan+ jedhanii moggaasan.+ Maqaan magaalattii inni duraanii garuu Laaʼish jedhama ture.+ 30  Sana booda Daanonni fakkii bocamaa+ sana ofii isaaniitiif ni dhaaban; hamma guyyaa jiraattonni biyyattii boojuudhaan itti fudhatamanittis Yonaataan+ ilmi Geershom,+ ilmi Musee fi ilmaan isaa gosa Daanotaatiif luboota taʼan. 31  Akkasumas isaan fakkii bocamaa isa Miikiyaas tolche kan dhaabbatan yeroo taʼu, innis guyyoota manni Waaqa dhugaa Shiiloo+ keessa itti ture hundumaatti achuma ture.

Miiljaleewwan

Ykn., “loqoda.”
“Buufata Daan” jechuu dha.
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “siidaan baqfamee tolfame.”
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Ykn., “gorsaa.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “namoonni jireenyi itti hadhaaʼe.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”