Abbootii Murtii 19:1-30

  • Cubbuu ejjaa Biiniyaamonni Gibeʼaa keessatti raawwatan (1-30)

19  Bara sanatti, yeroo Israaʼel keessa mootiin hin jirretti,+ namichi Leewwii yeroo sanatti bakka fagoo naannoo gaarotaa Efreem+ keessatti argamu keessa jiraachaa ture tokko Beetaliheem+ ishii Yihudaa keessaa saajjatoo takka fuudhee ture.  Saajjatoon isaa garuu isaaf amanamtuu hin turre; ishiin isa dhiistee gara mana abbaa ishii isa Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessa jiruu ni dhaqxe. Jiʼa afuriifis achuma teesse.  Achiis abbaan manaa ishii akka deebitu ishii amansiisuuf ishii duukaa buʼe; tajaajilaa isaa fi harroota lama fudhatee achi dhaqe. Ishiinis gara mana abbaa ishiitti ol isa galchite. Abbaan ishiis yommuu isa argu gammachuudhaan isa simate.  Kanaafuu, abbiyyuun isaa, jechuunis abbaan intala sanaa guyyaa sadiif akka isaa wajjin turu isa amansiise; isaanis ni nyaatan, ni dhuganis; innis halkan sana achuma bule.  Guyyaa arfaffaatti, yommuu isaan deemuuf ganama bariidhaan kaʼanis, abbaan intalattiis abbiyyuu isaatiin, “Jabina akka argattuuf* waa nyaadhu; sana booda deemuu dandeessu” jedhe.  Kanaafuu, isaan ni taaʼan; lamaan isaanii iyyuu waliin ni nyaatan, ni dhuganis; sana booda abbaan intalattii namichaan, “Maaloo, asuma buli, garaan kees haa gammadu” jedhe.  Namichi deemuuf yommuu kaʼus abbiyyuun isaa isa kadhachuu isaa ittuma fufe; kanaafuu, inni ammas achuma bule.  Guyyaa shanaffaatti deemuuf yommuu ganama bariidhaan kaʼus abbaan intalattii, “Maaloo, jabina akka argattuuf* waa nyaadhu” isaan jedhe. Isaan guyyaa sana hamma galgalaaʼutti achuma turan; lamaan isaaniis nyaachuu isaanii itti fufan.  Yommuu namichi saajjatoo isaa fi tajaajilaa isaa wajjin deemuuf kaʼus abbiyyuun isaa, jechuunis abbaan intalattii, “Kunoo, amma dhihuuf jedha. Maaloo, asuma bulaa. Kunoo, amma galgalaaʼeera. Harʼa asuma bulaa, garaan keessan haa gammadu. Boru ganamaan kaatanii karaa keessan deemuu fi gara mana* keessaniitti deebiʼuu dandeessu” isaan jedhe. 10  Haa taʼu malee, namichi guyyaa dabalataatiif achi buluu hin barbaanne; kanaafuu, kaʼee hamma Yebuusitti, jechuunis hamma Yerusaalemitti deeme.+ Harroonni feʼaman lama, saajjatoon isaa fi tajaajilaan isaa isaa wajjin turan. 11  Yommuu Yebuusitti dhihaatanis guyyichi dhihee ture. Kanaafuu, tajaajilaan sun gooftaa isaatiin, “Magaalaa Yebuusotaa kanatti gorree as bulluu laata?” jedhe. 12  Gooftaan isaa garuu, “Magaalaa namoota biyya ormaa warra Israaʼelota hin taaneetti hin gorru. Hamma Gibeʼaa+ geenyutti haa deemnu” isaan jedhe. 13  Achiis tajaajilaa isaatiin, “Kottu Gibeʼaa yookiin Raamaa+ gaʼuuf haa yaallu; iddoowwan kana keessaas isa tokko keessa ni bulla” jedhe. 14  Kanaafuu isaan karaa isaanii itti fufan; yommuu Gibeʼaa ishii kan Biiniyaam taate bira gaʼanis aduun lixuu jalqabdee turte. 15  Kanaafuu, isaan Gibeʼaa keessa buluuf achitti goran. Akkuma magaalattiitti seenaniinis addabaabayii magaalattii keessa taaʼan; haa taʼu malee, namni mana isaa akka bulaniif isaan simate hin jiru ture.+ 16  Boodas galgala sana jaarsi maasii isaa keessa hojjechaa oolee deebiʼu tokko ni dhufe. Inni naannoo gaarotaa Efreem+ keessaa kan dhufe yommuu taʼu, yeroo muraasaaf Gibeʼaa keessa jiraata ture; jiraattonni magaalattii garuu Biiniyaamota turan. 17  Jaarsi sun ol jedhee addabaabayii magaalattii keessatti imaltuu sana yommuu argu, “Eessa dhaqaa jirta? Eessaa dhufte?” isaan jedhe. 18  Innis akkana jedhee isaaf deebise: “Nuti Beetaliheem ishii Yihudaa keessatti argamtu irraa kaanee gara bakka fagoo naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamuu fi ani keessaa dhufe tokkoo dhaqaa jirra. Ani gara Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtuu dhaqeen ture;+ amma immoo gara mana Yihowaa deemaan jira;* garuu namni mana isaatti na simate hin jiru. 19  Galabaa fi gafara* gaʼaa harroota keenyaaf taʼu,+ akkasumas daabboo+ fi wayinii anaaf, dubartii tanaa fi tajaajilaa keenyaaf taʼu qabna. Wanti nutti hirʼatus hin jiru.” 20  Haa taʼu malee jaarsichi, “Nagaan siif haa taʼu! Wanta si barbaachisu hundumaa siifan guuta. Garuu, addabaabayii kana keessa hin bulin” isaan jedhe. 21  Kanaafuu, inni gara mana isaatti isa galche; harrootaafis gafara ni kenne. Achiis isaan miila isaanii ni dhiqatan, ni nyaatan, ni dhuganis. 22  Utuma isaan garaa isaanii gammachiisaa jiraniis, namoonni magaalattii gatii hin qabne muraasni dhufanii manichatti marsanii akka malee balbala rurrukutuu jalqaban; irra deddeebiʼaniis jaarsa isa abbaa manichaa taʼe sanaan, “Akka nuti isaa wajjin ciisnuuf namicha mana kee dhufe sana gad nuuf baasi”+ jedhan. 23  Yeroo kanatti abbaan manichaa gad baʼee akkana isaaniin jedhe: “Lakki, obboloota koo, gocha hamaa kana hin raawwatinaa. Maaloo, namichi kun keessummaa mana koo dhufe dha. Gocha qaanessaa kana hin raawwatinaa. 24  Intalli tiyya ishiin durba taatee fi saajjatoon namichaa jiru. Erga taʼee immoo ani isaaniin gad isiniif nan baasa; wanta barbaaddan isaan irratti gochuu* dandeessu.+ Namicha kana irratti garuu gocha qaanessaa kana hin raawwattan.” 25  Namoonni sun garuu isa dhagaʼuu didan; kanaafuu, namichi Leewwii sun saajjatoo+ isaa qabee gara alaatti isaaniif baase. Isaanis halkan guutuu hamma bariʼutti dirqisiisanii ishii gudeedaa fi ishiitti taphachaa bulan. Achiis yommuu bariʼuu jala gaʼu ishii gadhiisan. 26  Ganama bariis dubartittiin dhuftee balbala mana namichaa isa gooftaan ishii keessa ture sanaa irratti kufte; hamma lafti ifuttis achuma ciiste. 27  Yommuu gooftaan ishii ganamaan kaʼee deemsa isaa itti fufuuf balbala manichaa banutti, dubartittiin, jechuunis saajjatoon isaa harka ishii gubanii balbalaa irra diriirsitee balbala manichaa irra ciistee arge. 28  Achiis, “Kaʼi; haa deemnu” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu homaa isaaf hin deebisne. Sana booda namichi harree irratti ishii feʼee gara mana isaatti qajeele. 29  Mana isaa yommuu gaʼus, halbee ittiin qalan fudhatee reeffa saajjatoo isaa buusaa buusaadhaan bakka 12tti kukkutee tokkoon tokkoon naannoo Israaʼelitti buusaa tokko tokko ni erge. 30  Warri kana argan hundis, “Guyyaa Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa itti baʼan irraa jalqabee hamma harʼaatti matumaa wanti akkanaa raawwatamee yookiin argamee hin beeku. Wanta kana irratti yaadaa,* irratti mariʼadhaa,+ wanta gochuu qabnus nutti himaa” jedhan.

Miiljaleewwan

Ykn., “garaa kee deggeruuf.”
Ykn., “garaa kee deggeruuf.”
Kal., “dunkaana.”
Ykn tarii, “mana Yihowaa keessattan tajaajila.”
Jechuunis, nyaata horii.
Ykn., “isaanitti taphachuu fi wanta gaarii fakkaatee isinitti mulʼate raawwachuu.”
Ykn., “xiyyeeffannaa kennaafii.”