Abbootii Murtii 2:1-23

  • Akeekkachiisa maleekaan Yihowaa kenne (1-5)

  • Iyyaasuun ni duʼe (6-10)

  • Abbootiin murtii Israaʼeliin oolchuuf ni kaʼan (11-23)

2  Achiis maleekaan Yihowaa+ Gilgaal+ irraa gara Bookiim dhufee akkana jedhe: “Ani biyya Gibxii keessaa isin baasee gara biyya abbootii keessaniif kennuuf kakadhetti+ isin fideera. Kana malees akkanan isiniin jedhe: ‘Kakuun isinii wajjin gale matumaa hin cabsu.+  Isinis jiraattota biyya kanaa wajjin kakuu hin galinaa;+ iddoowwan aarsaa isaaniis diigaa.’+ Isin garuu sagalee kootiif hin ajajamne.+ Kana kan gootan maaliifi?  ‘Ani isin duraa isaan hin ariʼu;+ isaanis kiyyoo isinitti ni taʼu;+ waaqoliin isaanii isin gowwoomsu’+ kanan isiniin jedhes kanaafi.”  Yommuu maleekaan Yihowaa dubbii kana Israaʼelota hundatti dubbatu, sabichi sagalee isaa ol kaasee booʼuu jalqabe.  Kanaafuu, isaan iddoo sana Bookiim* jedhanii moggaasan; achittis Yihowaadhaaf aarsaa ni dhiheessan.  Iyyaasuun yeroo sabicha geggeessetti, Israaʼelonni biyyattii dhaalaan fudhachuuf tokkoon tokkoon isaanii gara dhaala dhaala isaanii ni dhaqan.+  Sabichi guutummaa bara Iyyaasuutti, guutummaa bara jaarsolii warra Iyyaasuu boodas lubbuudhaan turanittii fi wantoota guguddaa Yihowaan Israaʼeliif godhe hundumaa arganiitti Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufe.+  Achiis Iyyaasuun ilmi Nuun inni tajaajilaa Yihowaa taʼe umurii isaa waggaa 110tti duʼe.+  Kanaafuu, isaan naannoo dhaala isaa keessatti, jechuunis Timnaat Herees+ ishii kaaba Gaara Gaʼaashitti naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu keessatti isa awwaalan.+ 10  Guutummaan dhaloota sanaa gara abbootii isaatti walitti ni qabame;* isaan boodas dhaloonni Yihowaas taʼe wanta inni Israaʼeliif godhe hin beekne kan biraan ni kaʼe. 11  Kanaafuu, Israaʼelonni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan; Baʼaaliinis ni tajaajilan.*+ 12  Akka kanaan isaan Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼee fi biyya Gibxii keessaa isaan baase ni dhiisan.+ Akkasumas waaqolii kan biroo, jechuunis waaqolii saboota naannoo isaaniitti argamanii duukaa buʼan;+ isaaniif sagaduudhaanis Yihowaa ni dheekkamsiisan.+ 13  Isaan Yihowaa dhiisanii Baʼaalii fi siidaawwan Ashtooret ni waaqeffatan.+ 14  Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; kanaafuu, warra isaan saamanitti dabarsee isaan kenne.+ Diinota naannoo isaaniitti argamanitti dabarsee isaan gurgure;+ sana booda isaan diinota isaanii dura dhaabbachuu hin dandeenye.+ 15  Akkuma Yihowaan dubbatee turettii fi akkuma Yihowaan isaaniif kakatee turetti,+ bakka isaan dhaqan hundatti badiisa isaanitti fiduudhaan+ harki Yihowaa isaan irratti kaʼee ture; isaanis dhiphina guddaa keessa galanii turan.+ 16  Kanaafuu, Yihowaan abbootii murtii harka warra isaan saamanii irraa isaan oolchan isaaniif ni kaasa ture.+ 17  Isaan garuu abbootii murtii sana illee dhagaʼuu didanii waaqolii kan biroo wajjin sagaagalummaa raawwatan; isaaniifis ni sagadan. Daandii abbootiin isaanii warri ajajawwan Yihowaatiif ajajaman+ irra adeemaa turan irraa dafanii jalʼatan. Isaan wanta abbootiin isaanii raawwatan hin raawwanne. 18  Yihowaan yeroo abbootii murtii isaaniif kaasu hundatti,+ Yihowaan abbaa murtii sanaa wajjin taʼuudhaan guutummaa bara jireenyaa abbaa murtii sanaatti harka diinota isaanii jalaa isaan ni oolcha ture; sababiin isaas, namoota isaan cunqursanii+ fi gara jabinaan isaan qabaniin kan kaʼe waan aadaniif Yihowaan isaaniif ni gadda* ture.+ 19  Yeroo abbaan murtii sun duʼu garuu, ammas waaqolii kan biroo duukaa buʼuudhaan, isaan tajaajiluudhaan, akkasumas isaaniif sagaduudhaan abbootii isaanii caalaa gocha hamaa raawwatu turan.+ Gocha isaanii irraas taʼe mata jabina isaanii irraa hin deebine. 20  Dhuma irrattis dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe;+ innis akkana jedhe: “Sabni kun kakuu koo isa ani akka eegan abbootii isaanii ajaje waan cabseef,+ anaafis ajajamuu waan dideef,+ 21  ani immoo saboota Iyyaasuun duʼuu isaa dura toʼannaa jala hin galfanne keessaa tokko illee isaan duraa hin ariʼu.+ 22  Kana kanan godhus Israaʼel akkuma abootiin isaa godhan daandii Yihowaa+ irra deemuudhaan daandicha kan eegu taʼuu fi dhiisuu isaa qoruufi.” 23  Kanaafuu, Yihowaan saboonni sun achumatti akka hafan heyyameera. Inni hatattamaan isaan hin ariine; harka Iyyaasuuttis dabarsee isaan hin kennine.

Miiljaleewwan

“Boossuu” jechuu dha.
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ykn., “ni waaqeffatan.”
Ykn., “Yihowaan ni gaabba ture.”