Abbootii Murtii 20:1-48

  • Waraana Biiniyaamotaa wajjin godhame (1-48)

20  Kanaan kan kaʼes, Israaʼelonni Daanii+ hamma Ber Sheebaattii fi biyya Giiliyaaditti+ argaman hundi ni baʼan; guutummaan gumichaas Misphaatti+ Yihowaa duratti tokkummaadhaan* walitti qabame.  Akka kanaan, ajajjoonni sabichaa fi gosoota Israaʼel hundumaa gumii saba Waaqayyoo gidduutti iddoo isaanii ni qabatan. Loltoonni lafoon goraadee hidhatanis namoota 400,000 turan.+  Biiniyaamonnis namoonni Israaʼel gara Misphaatti akka ol baʼan ni dhagaʼan. Achiis namoonni Israaʼel, “Wanti nama rifaasisu kun akkamitti akka uumame nutti himaa?”+ jedhan.  Yeroo kanatti namichi Leewwii+ inni abbaa manaa dubartii ajjeefamte sanaa taʼe akkana jedhee deebise: “Achi buluuf saajjatoo tiyyaa wajjin gara Gibeʼaa+ ishii kan Biiniyaam taate sanaa dhaqeen ture.  Achiis jiraattonni* Gibeʼaa na irratti kaʼanii halkaniin manichatti marsan. Isaan na ajjeesuuf yaadanii turan; taʼus, saajjatoo tiyya dirqisiisanii gudeedan; ishiinis ni duute.+  Kanaafuu, ani reeffa saajjatoo tiyyaa fuudheen kukkute; achiis gara dhaala Israaʼel hundumaatti nan erge;+ kana kanan godhe, isaan Israaʼel keessatti gocha qaanessaa fi gocha salphinaa waan raawwataniifi.  Egaa isin namoonni Israaʼel hundi gorsaa fi yaada dhimma kana irratti qabdan kennaa.”+  Achiis guutummaan sabichaa tokkummaadhaan* kaʼee akkana jedhe: “Nu keessaa namni tokko illee gara dunkaana isaa hin dhaqu yookiin gara mana isaatti hin deebiʼu.  Amma Gibeʼaa irratti akkana goona: Ol baanee ishii waraanuuf carraa ni buufanna.+ 10  Raayyaa waraanaatiif galaa walitti akka qabaniif, gosoota Israaʼel hundumaa keessaa namoota 100 keessaa namoota 10, namoota 1,000 keessaa 100, akkasumas namoota 10,000 keessaa 1,000 ni fudhanna; kanas kan goonu, raayyaan waraanaa kun gocha salphinaa isaan Israaʼel keessatti raawwataniif Gibeʼaa ishii kan Biiniyaam taate irratti tarkaanfii akka fudhataniifi.” 11  Akka kanaan namoonni Israaʼel hundi magaalattii irratti duuluuf tokkommaadhaan* walitti qabaman. 12  Achiis gosoonni Israaʼel gara guutummaa gosa Biiniyaamitti namoota erganii akkana isaaniin jedhan: “Wanti rifaasisaan isin gidduutti raawwatame kun maali dha? 13  Akka isaan ajjeesnuu fi Israaʼel keessaa wanta hamaa taʼe akka balleessinuuf,+ amma Gibeʼaa+ keessaa namoota gatii hin qabne sana dabarsaa nutti kennaa.” Biiniyaamonni garuu Israaʼelota warra obboloota isaanii taʼan dhagaʼuu didan. 14  Achiis Biiniyaamonni namoota Israaʼel waraanuuf magaalota keessaa baʼanii Gibeʼaatti walitti qabaman. 15  Namoota Gibeʼaa filatamoo taʼan 700 utuu hin dabalatin, Biiniyaamonni goraadee hidhatan 26,000 guyyaa sanatti magaalota isaanii keessaa walitti ni qabaman. 16  Raayyaa waraanaa kana keessa namoonni filatamoon bitaacha taʼan 700 jiru turan. Namoonni kun hundi warra dhagaa furrisanii qalʼaa kutani dha.* 17  Biiniyaamiin utuu hin dabalatin namoonni Israaʼel goraadee hidhatan 400,000 walitti ni qabaman;+ tokkoon tokkoon isaaniis waraana irratti muuxannoo kan qaban turan. 18  Isaanis Waaqayyoon gaafachuuf+ kaʼanii gara Beetelitti ol ni baʼan. Achiis namoonni Israaʼel, “Nu keessaa Biiniyaamota waraanuuf eenyutu dursee ol baʼuu qaba?” jedhanii gaafatan. Yihowaanis, “Yihudaan dursee haa baʼu” jedhee deebise. 19  Sana booda Israaʼelonni ganamaan kaʼanii Gibeʼaatti marsan. 20  Namoonni Israaʼel Biiniyaamiin waraanuuf ni baʼan; isaan waraanuufis Gibeʼaatti tarree galan. 21  Kanaafuu, Biiniyaamonni Gibeʼaa keessaa baʼanii guyyaa sanatti Israaʼelota keessaa namoota 22,000 ni ajjeesan. 22  Haa taʼu malee, raayyaan waraanaa namoota Israaʼel ammas onnatanii bakkuma guyyaa jalqabaa sanatti waraanaaf tarree galan. 23  Achiis Israaʼelonni ol baʼanii hamma galgalaatti Yihowaa duratti booʼan; akkasumas, “Namoota Biiniyaam warra obboloota keenya taʼan waraanuuf ammas dhaqnuu?”+ jedhanii Yihowaa gaafatan. Yihowaanis deebisee, “Dhaqaa isaan waraanaa” jedhe. 24  Kanaafuu, Israaʼelonni guyyaa lammaffaatti Biiniyaamotatti ni dhihaatan. 25  Biiniyaamonis guyyaa lammaffaatti isaan waraanuuf Gibeʼaa keessaa baʼanii dabalataan Israaʼelota 18,000 ni ajjeesan;+ hundi isaanii iyyuu goraadee kan hidhatan turan. 26  Yeroo kanatti namoonni Israaʼel hundi gara Beetelitti ol baʼan. Achittis Yihowaa dura taaʼanii ni booʼan;+ guyyaa sanatti hamma galgalaatti ni sooman;+ Yihowaa durattis aarsaawwan gubamanii+ fi aarsaawwan gamtaa+ ni dhiheessan. 27  Bara sanatti taabonni kakuu Waaqa dhugaa achitti waan argamuuf,+ sana booda namoonni Israaʼel Yihowaa ni gaafatan. 28  Bara sanatti Finahaas+ ilmi Eleʼazaar, ilmi Aaron taaboticha duratti ni tajaajila* ture. Isaanis, “Namoota Biiniyaam warra obboloota keenya taʼan waraanuuf ammas deebinee dhaqnu moo dhiisnu?”+ jedhanii gaafatan. Yihowaanis, “Ani boru harka keessanitti dabarsee waanan isaan kennuuf, dhaqaa” jedhee isaaniif deebise. 29  Achiis Israaʼelonni naannoo Gibeʼaa hundumaatti namoota riphanii eegan ni qopheessan.+ 30  Israaʼelonni guyyaa sadaffaatti Biiniyaamota waraanuuf ni baʼan; akkuma yeroo kaaniis Gibeʼaa waraanuuf tarree galan.+ 31  Biiniyaamonni raayyaa waraanaa sana waraanuuf yommuu baʼanittis, isaan magaalattii irraa ni fagaatan.+ Achiis akkuma yeroo kaanii daandiiwwan guguddaa gara Beetelitti ol baasuu fi gara Gibeʼaatti geessu irratti isaan rukutuu jalqaban; namoota muraasas ni ajjeesan; akka kanaan dirree keessatti namoota Israaʼel 30 ni ajjeesan.+ 32  Kanaafuu, Biiniyaamonni, “Isaan akkuma kanaan duraa nu duratti moʼamaa jiru”+ jedhan. Israaʼelonni garuu, “Isaan jalaa baqannee magaalattii irraa fageessinee gara daandiiwwan guguddaatti isaan baasna” jedhan. 33  Kanaafuu, namoonni Israaʼel iddoo isaaniitii kaʼanii Baʼaal Taamaaritti waraanaaf tarree galan; yeroo kanatti namoonni Israaʼel warri naannoo Gibeʼaatti riphanii eeggachaa turan iddoo isaaniitii ni baʼan. 34  Akka kanaan, namoonni guutummaa Israaʼel keessaa filataman 10,000 gara fuullee Gibeʼaatti dhufan; waraanichis baayʼee cimaa ture. Biiniyaamonni garuu badiisni isaanitti dhihaachaa akka jiru hin beekne. 35  Yihowaan Israaʼel duratti Biiniyaamiin+ ni moʼe; guyyaa sanatti Israaʼelonni namoota Biiniyaam 25,100 ni ajjeesan; hundi isaanis goraadee kan hidhatan turan.+ 36  Haa taʼu malee, Biiniyaamonni namoonni Israaʼel yommuu isaan jalaa baqatan akka isaan moʼaman yaadanii turan;+ isaan kan baqatan garuu namoota naannoo Gibeʼaatti riphanii eeggachaa turanitti waan amanamaniif ture.+ 37  Namoonni riphanii eeggachaa turan sunis dafanii Gibeʼaatti baʼan. Achiis faffacaʼanii guutummaa magaalattii goraadeedhaan ni rukutan. 38  Namoonni Israaʼelis namoonni naannoo magaalattiitti riphanii jiran aarri magaalattii keessaa akka ol baʼu gochuudhaan mallattoo akka isaanitti argisiisan walii galanii turan. 39  Yommuu Israaʼelonni waraanicha irraa baqatan namoonni Biiniyaam isaan haleeluu jalqaban; namoota gara 30 taʼanis ni ajjeesan;+ isaan, “Akkuma waraana isa darbe irratti taʼe, ammas nu duratti moʼamaa akka jiran beekamaa dha”+ jedhan. 40  Haa taʼu malee, aarri akka mallattootti tajaajilu sun akka utubaatti magaalattii keessaa ol baʼuu jalqabe. Namoonni Biiniyaam yommuu garagalanii ilaalan guutummaa magaalattii keessaa laboobni ibiddaa gara samiitti ol baʼaa akka jiru argan. 41  Achiis namoonni Israaʼel isaanitti garagalan; namoonni Biiniyaamis badiisni akka isaanitti dhufe waan arganiif ni naʼan. 42  Kanaafuu, isaan namoota Israaʼel jalaa gara lafa onaatti baqatan; namoonni Israaʼel garuu isaan hordofan; namoonni magaalota keessaa baʼanis isaan rukutuu jalqaban. 43  Biiniyaamotattis marsanii utuu wal irraa hin kutin isaan ariʼan. Kallattii bahaatiin Gibeʼaa fuulduratti isaan ni moʼan. 44  Dhuma irratti namoonni Biiniyaam 18,000 ni duʼan; hundi isaanii iyyuu loltoota jajjaboo turan.+ 45  Namoonni Biiniyaam garagalanii lafa onaa keessa gara kattaa Rimoonitti baqatan;+ Israaʼelonnis isaan keessaa namoota 5,000 daandiiwwan guguddaa irratti ni ajjeesan;* hamma Gidoomittis isaan ariʼuu isaanii itti fufan; akka kanaan, dabalataan namoota 2,000 ni ajjeesan. 46  Namoonni Biiniyaam warri guyyaa sanatti duʼan walumaa galatti namoota goraadee hidhatan 25,000 turan;+ hundi isaanii iyyuu loltoota jajjaboo turan. 47  Namoonni 600 garuu lafa onaa keessa gara kattaa Rimoonitti baqatanii, jiʼa afuriif kattaa Rimoon irra jiraatan. 48  Namoonni Israaʼel Biiniyaamotatti garagalanii nama irraa jalqabee hamma horiitti warra hafan hundumaa magaalattii keessaa ni fixan. Kana malees, magaalota karaa isaanii irratti argatan hundumaa ibiddaan guban.

Miiljaleewwan

Kal., “akka nama tokkootti.”
Ykn tarii, “abbootiin lafaa.”
Kal., “akka nama tokkootti.”
Kal., “akka nama tokkootti.”
Kal., “warra dhagaa furrisanii rifeensa takkittii rukutuu dandaʼani dha.”
Kal., “ni dhaabbata.”
Kal., “akkuma qaarmiitti ni funaanan.”