Abbootii Murtii 21:1-25

  • Gosti Biiniyaam akka oolu godhame (1-25)

21  Namoonni Israaʼel Misphaa+ keessatti, “Nu keessaa eenyu iyyuu intala isaa nama gosa Biiniyaam taʼetti hin heerumsiisu” jedhanii kakatan.+  Kanaan kan kaʼes, namoonni sun gara Beetel+ dhufanii achitti hamma galgalaatti Waaqa dhugaa dura taaʼanii ni iyyan, hirqinfataniis ni booʼan.  Akkasumas, “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, wanti akkanaa Israaʼel keessatti maaliif taʼe? Harʼa gosti tokko Israaʼel keessaa kan badu maaliifi?” jechaa turan.  Guyyaa itti aanutti sabichi bariidhaan kaʼee aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheessuuf achitti iddoo aarsaa ni ijaare.+  Achiis namoonni Israaʼel, “Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa Yihowaa duratti walitti qabamuuf kan hin dhufne eenyu dha?” jedhan; sababiin isaas, isaan namni Misphaatti gara Yihowaatti hin dhufne kam iyyuu mamii tokko malee akka ajjeefamu kakaa cimaa kakatanii turan.  Kanaafuu, namoonni Israaʼel wanta Biiniyaam isa obboleessa isaanii taʼe irra gaʼeen kan kaʼe ni gaddan. Akkana jedhan: “Harʼa Israaʼel keessaa gosti tokko kutameera.  Nuti amma ijoollee durbaa keenya keessaa ishii tam iyyuu akka isaaniif hin kennine maqaa Yihowaatiin waan kakanneef,+ warri hafan haadhotii manaa akka argataniif maal gochuu qabna?”+  Isaan, “Gosoota Israaʼel keessaa Misphaatti gara Yihowaatti kan hin baane eenyu?”+ jedhanii gaafatan. Achiis Yaabeesh Giiliyaad irraa namni gara buufata gumichaa dhufe tokko illee akka hin turre hubatan.  Sabichi yeroo lakkaaʼametti jiraattota Yaabeesh Giiliyaad keessaa namni tokko iyyuu akka achi hin turre ni hubatan. 10  Kanaafuu, yaaʼichi warra hundumaa caalaa jajjaboo taʼan keessaa namoota 12,000 achitti ni erge. Akkana jedhanii isaan ajajan: “Dhaqaatii jiraattota Yaabeesh Giiliyaad goraadeedhaan rukutaa; dubartootaa fi daaʼimman illee hin dhiisinaa.+ 11  Akkana godhaa: Dhiirota hundumaa fi dubartoota dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii beekan hundumaa haxaaʼaa balleessaa.” 12  Jiraattota Yaabeesh Giiliyaad gidduudhaa durboota matumaa dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii hin beekne 400 argatan. Isaanis biyya Kanaʼaan keessatti gara buufata Shiilootti+ argamu tokkotti isaan ni fidan. 13  Achiis guutummaan yaaʼichaa gara Biiniyaamota kattaa Rimoon+ irra jiraniitti ergamtoota erganii waamicha nagaa isaaniif dhiheessan. 14  Kanaafuu, yeroo sanatti Biiniyaamonni biyya isaaniitti ni deebiʼan. Isaanis dubartoota Yaabeesh Giiliyaad+ kaan gidduudhaa durboota lubbuudhaan oolchan sana isaaniif kennan; taʼus durboota gaʼaa isaaniif hin arganne. 15  Akkasumas, isaan Yihowaan gosoota Israaʼel gidduutti qoqqoodiinsa uumuu isaatiin kan kaʼe wanta Biiniyaamota irra gaʼetti ni gaddan.+ 16  Jaarsoliin Yaaʼichaa, “Biiniyaam keessaa dubartoonni hundi waan balleeffamaniif, dhiironni hafan haadhotii manaa akka argataniif maal gochuu qabna?” jedhan. 17  Itti fufuudhaanis akkana jedhan: “Gosti tokko Israaʼel keessaa haxaaʼamee akka hin badneef, Biiniyaamonni lubbuudhaan oolan dhaala argachuu qabu. 18  Haa taʼu malee namoonni Israaʼel, ‘Namni intala isaa Biiniyaamitti heerumsiise abaaramaa dha’ jedhanii waan kakataniif, ijoollee durbaa keenya akka isaanitti heerumsiisnu nuuf hin heyyamamu.”+ 19  Achiis, “Kunoo, Shiiloo+ ishii kaaba Beetelitti, baha daandii guddaa Beetelii gara Sheekemitti ol baasuttii fi kibba Leboonaatti argamtu keessatti waggaa waggaadhaan Yihowaadhaaf ayyaanni kabajamu tokko jira” jedhan. 20  Kanaafuu, akkana jedhanii namoota Biiniyaam ni ajajan: “Dhaqaatii maasiiwwan wayinii keessatti riphaa eeggadhaa. 21  Shamarran* Shiiloo walitti marsanii shubbisuudhaaf baʼan yommuu argitanis, tokkoon tokkoon keessan maasiiwwan wayinii sana keessaa baʼaatii shamarran Shiiloo gidduudhaa haadha manaa butaatii fudhadhaa; achiis gara biyya Biiniyaamitti deebiʼaa. 22  Abbootiin isaanii yookiin obboloonni isaanii yoo nu irratti komii dhiheessan nuti immoo, ‘Isaaniif jedhaatii gaarummaa nutti argisiisaa; sababiin isaas, nuti waraanaan tokkoon tokkoon isaanii haadha manaa akka argatan gochuu hin dandeenye;+ isinis kakuu galtan utuu hin cabsin haadha manaa isaaniif kennuu hin dandeenye’+ isaaniin jenna.” 23  Kanaafuu, namoonni Biiniyaam akkuma kana ni godhan; tokkoon tokkoon isaanii dubartoota shubbisaa turan keessaa haadha manaa ni fudhatan. Sana booda gara dhaala isaaniitti ni deebiʼan; magaalota isaanii deebisanii ijaaraniis+ keessa ni jiraatan. 24  Yeroo sanatti Israaʼelonni bakka sanaa faffacaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara gosa gosa isaaniittii fi gara maatii maatii isaaniitti deebiʼan; achii deemaniis tokkoon tokkoon isaanii gara dhaala dhaala isaaniitti ni deebiʼan. 25  Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Tokkoon tokkoon namaa wanta sirrii fakkaatee isatti mulʼate* godha ture.

Miiljaleewwan

Kal., “Ijoolleen durbaa.”
Ykn., “wanta sirrii akka taʼetti yaade.”