Abbootii Murtii 5:1-31

  • Faarfannaa injifannoo Dibooraa fi Baaraaq (1-31)

    • Urjiileen Siseeraa waraanan (20)

    • Lolaan Qiishoon ni yaaʼe (21)

    • Warri Yihowaa jaallatan akka aduu ni taʼu (31)

5  Guyyaa sanatti Dibooraan+ Baaraaq+ ilma Abinoʼaamii wajjin faarfannaa kana faarfatte:+   “Rifeensa hiikamaa Israaʼel keessa jiruun* kan kaʼe,Namoonni fedhiidhaan of dhiheessuu+ isaaniitiin kan kaʼe,Yihowaa jajadhaa!   Isin mootonni dhagaʼaa! Isin bulchitoonni gurra keessan as qabaa! Ani Yihowaadhaaf nan faarfadha. Yihowaa Waaqa Israaʼeliif+ faarfannaa galataa nan faarfadha.*+   Yaa Yihowaa, yommuu ati Seʼiirii+ baatetti,Yommuu ati naannoo Edoom keessaa baatee duultetti,Lafti ni sochoote, samiiwwan bishaan ni dhangalaasan,Duumessoonnis bishaan gad naqan.   Gaaronni fuula Yihowaa duratti ni baqan,*+Siinaan illee fuula Yihowaa Waaqa Israaʼel+ duratti ni baqe.+   Bara Shaamgaar+ ilma Anaatitti,Bara Yaaʼelitti,+ daandiiwwan ona ni taʼan;Imaltoonnis daandiiwwan kaan irratti hafan.   Ani Dibooraan+ hamman kaʼutti,Hamman Israaʼel keessatti haadha taʼee kaʼutti,+Jiraattonni gandeen Israaʼel keessaa ni dhabaman.   Isaan waaqolii haaraa filatan;+Yeroo sanatti karrawwan keessatti waraanni jira ture.+ Israaʼel keessa namoota 40,000 gidduutti,Gaachannis taʼe eeboon argamuu hin dandeenye.   Garaan koo ajajjoota raayyaa waraanaa Israaʼel,+Warra fedhii isaaniitiin sabicha duukaa baʼanii wajjin jira.+ Yihowaa jajadhaa! 10  Isin warri harroota mammagaala irra teessan,Isin warri afatawwan gaggaarii irra teessan,Isin warri daandicha irra deemtanis,Qalbeeffadhaa! 11  Sagaleen warra bishaan raabsanii iddoo bishaan waraabamu irraa ni dhagaʼame;Isaan achitti gochawwan Yihowaa warra qajeeloo,Gochawwan qajeelummaa saba isaa warra gandeen Israaʼel keessa jiraatan sanaa dubbachaa turan. Achiis sabni Yihowaa gara karrawwan sanaatti gad ni buʼe. 12  Yaa Dibooraa,+ dammaqi, dammaqi! Dammaqi, dammaqi, faarfannaa faarfadhu!+ Yaa Baaraaq,+ kaʼi! Yaa ilma Abinoʼaam, boojiʼamtoota kee dura buʼii deemi! 13  Warri hafanis gara guguddootaatti gad ni buʼan;Sabni Yihowaa warra jajjaboo waraanuuf gara kootti gad ni buʼe. 14  Warri sululicha* keessa jiran kan maddan Efreem keessaa ti;Yaa Biiniyaam, isaan saboota kee gidduutti si duukaa buʼaa jiru. Ajajjoonni raayyaa waraanaa, Maakiir+ keessaa,Warri raayyaa waraanaatiif nama filatanis,* Zaabiloon keessaa baʼanii gad buʼaniiru. 15  Bulchitoonni Yisaakor keessa jiran Dibooraa wajjin turan;Akkuma Yisaakor, Baaraaqis+ ishii wajjin ture. Inni miila isaatiin gara dirree sululichaa* akka dhaqu ergamee ture.+ Gareewwan Ruuben garaan isaanii akka malee mamee ture. 16  Yeroo isaan bushaayee* isaaniitiif ulullee afuufan isaan dhaggeeffachaa,Feʼumsa lama gidduu kan teesse maaliifi?+ Gareewwan Ruuben garuu garaan isaanii akka malee mameera. 17  Giiliyaad Yordaanos gamatti hafeera;+Daan hoo dooniiwwan biratti kan hafe maaliifi?+ Asheer hojii hiikee qarqara galaanaa taaʼeera,Buufatawwan isaa birattis hafeera.+ 18  Zaabiloon saba hamma duʼaatti lubbuu isaa balaadhaaf saaxilu* dha;Niftaalemis+ tabbawwan irra jira.+ 19  Taʼaanaak keessa laga Megidoo+ biratti,Mootonni dhufanii waraana banan;Mootonni Kanaʼaan waraana banan.+ Garuu meetii boojiʼame tokko illee hin fudhanne.+ 20  Urjiileen samii irraa ni lolan;Daandii isaanii irraas Siseeraa waraanan. 21  Lolaan* Qiishoon, lolaan* bara durii,Eeyyee, lolaan* Qiishoon haree isaan fudhate.+ Yaa lubbuu* koo, ati warra humna qabeeyyii taʼan irra ejjetteetta. 22  Fardeen waraanaa isaa akka malee waan gulufaniif,Kotteen fardeenii yommuu lafa rukutu ni dhagaʼama ture.+ 23  Maleekaan Yihowaa akkana jedhe: ‘Merooziin abaaraa,Eeyyee, jiraattota ishii abaaraa,Isaan Yihowaa gargaaruuf hin dhufne,Warra jajjaboo wajjin Yihowaa gargaaruuf hin dhufne.’ 24  Yaaʼel+ haati manaa Hebeer+ Qeenichaa,Dubartoota hundumaa caalaa kan eebbifamte dha;Ishiin dubartoota dunkaana keessa jiraatan hundumaa caalaa kan eebbifamte dha. 25  Inni bishaan gaafate, ishiin garuu aannan isaaf kennite. Saanii golboo guddaatti itittuu isaaf kennite.+ 26  Harka ishii hiixattee qofoo dunkaanaa fudhatte,Harki ishii inni mirgaas burruusa qabate. Ishiin Siseeraa ni rukkutte, mataa isaa ni buruqsite,Illee isaas ni caccabsite, ni urtes.+ 27  Inni miila ishii gidduutti kufe; lafa dhaʼees diriiree hafe;Miila ishii gidduutti kufee lafa dhaʼe;Bakka kufetti, achumatti ni moʼame. 28  Dubartiin takka karaa foddaa gara alaa ilaalte,Haati Siseeraa foddaa keessaan ala ilaalte,‘Gaariin fardaa isaa kan ture maaliifi? Kotteen fardeenii isaa hamma ammaatti kan hin dhagaʼamne maaliifi?’+ 29  Giiftiiwwan ishii keessaa warri hundumaa caalaa ogeeyyii taʼan ishiidhaaf ni deebisu;Eeyyee, ishiinis ofii ishiitiif irra deebitee akkana jetti: 30  ‘Boojuu argatan hirachaa jiru,Tokkoon tokkoon loltuus durba* tokko, eeyyee, durba* lama lama hirachaa jiru,Siseeraadhaaf uffata halluu cuuphame, eeyyee, uffata boojiʼame isa halluu cuuphame kennaa jiru,Uffata xilfiin irratti dhaʼame, halluu kan cuuphame, uffata xilfiin irratti dhaʼame lama Morma warra boojiʼanii irra kaaʼaa jiru.’ 31  Yaa Yihowaa, diinonni kee hundi haa dhuman,+Warri si jaallatan garuu akka aduu humna ishii guutuudhaan ibsituu haa taʼan.” Biyyattiinis waggaa 40f boqonnaa* argatte.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Loltoota rifeensa gadhiifamaa qabanii fi Israaʼel keessa jiraniin.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn tarii, “ni sochoʼan.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Ykn tarii, “Warri miʼa barreessaa qabatanis.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
Ykn., “lubbuu isaa tuffatu.”
Ykn., “lagni.”
Ykn., “lagni.”
Ykn., “Lagni.”
Kal., “gadameessa.”
Kal., “gadameessa.”
Ykn., “nagaa.”