Abbootii Murtii 8:1-35

  • Efreemonni akka malee Giidewoniin ni lolan (1-3)

  • Mootota Miidiyaan duukaa buʼanii ajjeesan (4-21)

  • Giidewon mootii taʼuu dide (22-27)

  • Seenaa gabaabaa waaʼee jireenya Giidewon dubbatu (28-35)

8  Achiis namoonni Efreem, “Wanti ati nu irratti goote kun maali dha? Miidiyaaniin waraanuuf yeroo dhaqxetti maalif nu hin waamne?”+ isaan jedhan. Garmalees isa lolan.+  Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Wanta isin gootanii wajjin yeroo wal bira qabamu ani maalan raawwadhe? Qaarmiin Efreem+ oomisha wayinii Abiʼezer+ irra hin wayyuu?  Waaqayyo bulchitoota Miidiyaan kan taʼan Oreebii fi Zeʼeebiin+ dabarsee kan kenne harka keessanitti dha; maarree, wanta isin gootanii wajjin yeroo wal bira qabamu ani maalan raawwadhe?” Yommuu inni karaa kanaan* dubbatus isaan ni tasgabbaaʼan.*  Achiis Giidewon gara Yordaanos dhufee lagicha ni ceʼe. Innii fi namoonni isaa wajjin turan 300n dadhabanii kan turan taʼus, diinota isaanii ariʼuu isaanii itti fufan.  Kanaafuu, inni namoota Suukootiin, “Waan dadhabaniif maaloo, namoota na duukaa buʼaa jiraniif daabboo kennaafii; ani Zeebaa fi Zaalmunaa warra mootota Miidiyaan taʼan ariʼaan jira” jedhe.  Bulchitoonni Suukoot garuu, “Nuti raayyaa waraanaa keetiif daabboo akka kenninuuf ati Zeebaa fi Zaalmunaa harka kee keessa galfatteettaa ree?” isaan jedhan.  Yeroo kanatti Giidewon, “Erga akkas jettanii, yommuu Yihowaan Zeebaa fi Zaalmunaa harka kootti dabarsee kennutti, ani immoo qoree fi sokorruu lafa onaatiin isin nan garafa”+ isaaniin jedhe.  Achiis bakka sanaa gara Phenuʼelitti ol baʼee gaaffii wal fakkaatu isaan gaafate; garuu namoonni Phenuʼelis deebii namoonni Suukoot kennanii wajjin wal fakkaatu isaaf kennan.  Kanaafuu, inni namoota Phenuʼeliinis, “Yommuun nagaadhaan deebiʼu, masaraa kana nan diiga”+ jedhe. 10  Yeroo kanatti Zeebaanii fi Zaalmunaan raayyaawwan waraanaa isaanii, jechuunis namoota gara 15,000 taʼanii wajjin Qaarqor keessa jiru turan. Namoonni goraadee hidhatan 120,000ni waan dhumaniif, guutummaa raayyaa waraanaa namoota Bahaa+ keessaa kan hafan kanneen kana qofa turan. 11  Giidewon daandii qubattoonni warri baha Nobaa fi Yogbehaatiin+ jiran itti fayyadamaniin ol baʼuu isaa itti fufuudhaan buufata diinotaa isa of gatee jiru sana ni rukute. 12  Zeebaanii fi Zaalmunaan yommuu baqatan inni isaan duukaa buʼee mootota Miidiyaan kana lamaan ni qabate; kunis guutummaa buufatichaa ni naasise. 13  Sana booda Giidewon ilmi Yoʼaas karaa gara Heeresitti ol baasuun waraanicha irraa ni deebiʼe. 14  Karaa irrattis dargaggeessa Suukoot irraa dhufe tokko qabee ni qorate. Dargaggeessi sunis maqaa bulchitootaa fi jaarsolii Suukoot 77 isaaf ni barreesse. 15  Innis gara namoota Suukoot dhaqee, “Zeebaanii fi Zaalmunaan warri isin, ‘Nuti namoota kee warra dadhabaniif daabboo akka kenninuuf Zeebaa fi Zaalmunaa harka kee keessa galfatteettaa ree?’ jettanii ittiin natti qoostan sun kunoo ti”+ isaaniin jedhe. 16  Achiis jaarsolii magaalattii fuudhee qoree fi sokorruu lafa onaatti fayyadamee namoota Suukoot kana barumsa tokko ni barsiise.+ 17  Kana malees, masaraa Phenuʼel+ diigee namoota magaalattii ni ajjeese. 18  Zeebaa fi Zaalmunaas, “Namoonni isin Taaboritti ajjeestan kan akkamii ti?” jedhee gaafate. Isaanis, “Namootuma akka keetii turan; tokkoon tokkoon isaaniis ilma mootii fakkaatu” isaan jedhan. 19  Innis, “Isaan obboloota koo, ilmaan haadha tiyyaa ti. Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, utuu isin lubbuudhaan isaan dhiistaniittu taʼee, isin hin ajjeesun ture” isaaniin jedhe. 20  Achiis ilma isaa isa angafaa Yeteeriin, “Kaʼii, isaan ajjeesi” jedhe. Dargaggeessichi garuu goraadee isaa hin luqqifanne; inni amma iyyuu ijoollee waan taʼeef ni sodaate. 21  Kanaafuu, Zeebaanii fi Zaalmunaan, “Eenyummaan namaa kan beekamu jabina isaatiin waan taʼeef, atumti kaʼiitii nu ajjeesi” isaan jedhan. Kanaafuu, Giidewon kaʼee Zeebaa fi Zaalmunaa+ ni ajjeese; faaya boca baatii haaraatiin tolfamee fi morma gaalota isaanii irra tures ni fudhate. 22  Boodas namoonni Israaʼel Giidewoniin, “Harka Miidiyaan jalaa waan nu oolchiteef,+ ati, ilmi kee fi ilmi ilma keetii nu bulchaa” jedhan. 23  Giidewon garuu, “Ani isin hin bulchu; ilmi koos isin hin bulchu. Kan isin bulchu Yihowaa dha”+ isaaniin jedhe. 24  Giidewon itti fufuudhaan, “Mee wanta tokkon isin gaafadha: tokkoon tokkoon keessan boojuu keessan irraa amartii funyaanii tokko tokko naaf kennaa” isaaniin jedhe. (Sababiin isaas, isaan Ishmaaʼelota waan turaniif, amartii funyaanii warqii irraa tolfame qabu turan.)+ 25  Isaanis, “Mamii tokko malee ni kennina” jedhanii isaaf deebisan. Yeroo kanatti uffata dheeraa tokko ni afan; tokkoon tokkoon namaas boojuu isaa keessaa amartii funyaanii tokko tokko achi irratti darbate. 26  Faaya boca baatii haaraatiin tolfame, faaya mormaa, uffata suufii bifa dhiilgee irraa tolfamee fi mootonni Miidiyaan uffatan, akkasumas amartii mormaa isa gaalota irra ture utuu hin dabalatin, amartiin funyaanii warqii irraa tolfamee fi kan inni isaan gaafatee fudhate ulfaatinni isaa warqii sheeqilii* 1,700 taʼe.+ 27  Giidewonis efuudii ittiin tolchee+ akka isa ilaalaniif magaalaa isaa Ofraa+ keessa isa ni kaaʼe; guutummaan Israaʼelis efuudichaa wajjin achitti karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwate;+ efuudichis Giidewonii fi maatii abbaa isaatti kiyyoo taʼe.+ 28  Akka kanaan warri Miidiyaan+ Israaʼelota duratti kan moʼaman yeroo taʼu, deebiʼaniis isaan hin rakkisne;* bara Giidewonitti biyyattiin waggaa 40f boqonnaa* argatte.+ 29  Kanaafuu, Yerubaʼaal+ ilmi Yoʼaas gara mana isaatti deebiʼee achi jiraate. 30  Giidewon haadhotii manaa hedduu waan qabuuf, ilmaan 70 ni dhalche.* 31  Saajjatoon* isaa ishiin Sheekemitti argamtus ilma isaaf ni deesse; innis Abimelek+ jedhee maqaa isaaf moggaase. 32  Giidewon ilmi Yoʼaas bara dheeraa jiraatee umurii quufee ni duʼe; iddoo awwaalchaa abbaa isaa Yoʼaas isa Ofraa ishii kan Abiʼezerotaa+ taate keessatti argamutti ni awwaalame. 33  Akkuma Giidewon duʼeenis Israaʼelonni deebiʼanii Baʼaalii+ wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa ni raawwatan; Baʼaal Beriitiin immoo waaqa isaanii godhanii muudan.+ 34  Israaʼelonni Waaqa isaanii Yihowaa+ isa harka diinota isaanii warra naannoo isaaniitti argaman hundumaa jalaa isaan oolche hin yaadanne;+ 35  kana malees, wanta gaarii inni Israaʼeliif raawwate hundumaa yaadachuudhaan maatii Yerubaʼaalitti, jechuunis maatii Giidewonitti jaalala amanamaa hin argisiisne.+

Miiljaleewwan

Kal., “dubbii kana.”
Kal., “hafuurri isaanii isa irratti kaʼuu irraa ni qabbanaaʼe.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “mataa isaanii ol hin qabanne.”
Ykn., “nagaa.”
Kal., “ilmaan gudeeda isaa keessaa baʼan 70 qaba ture.”
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.