Abbootii Murtii 9:1-57

  • Abimelek Sheekem keessatti mootii taʼe (1-6)

  • Fakkeenya Yootaam dubbate (7-21)

  • Bulchiinsa Abimelek isa hamminaan guutame (22-33)

  • Abimelek Sheekemiin rukute (34-49)

  • Dubartiin tokko Abimelek madeessite; innis ni duʼe (50-57)

9  Yeroo booda Abimelek+ ilmi Yerubaʼaal gara obboloota haadha isaa warra Sheekem keessatti argamanii dhaqee isaanii fi guutummaa maatii akaakayyuu isaatiin* akkana jedhe:  “Maaloo geggeessitoota* Sheekem hundumaa akkana jedhaa gaafadhaa: ‘Ilmaan Yerubaʼaal 70n hundi+ isin bulchuu isaanii moo, namni tokko isin bulchuu isaa wayya? Kana malees ani lafee keessanii fi foon keessan* taʼuu koo yaadadhaa.’”  Kanaafuu, obboloonni haadha isaa bakka isaa buʼanii geggeessitoota Sheekem hundumaatti kana ni himan; isaanis, “Inni obboleessa keenya dha” jedhanii waan yaadaniif, garaan isaanii Abimelek duukaa buʼuu barbaade.  Achiis isaan mana* Baʼaal Beriit+ keessaa meetii sheeqilii* 70 isaaf kennan; Abimelekis akka isa duukaa buʼaniif namoota hojii hiikanii fi kashalabbee taʼan ittiin bitate.  Sana booda gara mana abbaa isaa isa Ofraatti+ argamuu dhaqee ilmaan Yerubaʼaal 70n warra obboloota isaa taʼan dhagaa tokko irratti ni ajjeese.+ Yootaam ilmi Yerubaʼaal inni quxisuu hundumaa taʼe dhokatee waan tureef, lubbuudhaan kan oole isa qofa dha.  Achiis geggeessitoonni Sheekem hundii fi namoonni Beet Miiloo hundi walitti qabamanii, siidaa Sheekem keessatti argamuu fi muka guddaa sana bira jiru biratti Abimelekiin mootii godhan.+  Yommuu isaan wanta kana itti himan Yootaam yeruma sana dhaqee Gaara Geriizim+ gubbaa dhaabbatee sagalee guddaadhaan akkana isaaniin jedhe: “Yaa geggeessitoota Sheekem, na dhagaʼaa; Waaqayyos isin dhagaʼa.  “Yeroo tokko mukeetiin mootii of irratti muuduuf ni deeman. Kanaafuu, isaan muka ejersaatiin,* ‘Nu irratti mootii taʼi’+ jedhan.  Mukti ejersaa garuu, ‘Ani dhaqee mukeetii kaan gubbaadhaa raafamuuf jecha, zayitii* koo isa Waaqayyoo fi namootaaf ulfina argamsiisu kennuu dhiisuun qabaa?’ isaaniin jedhe. 10  Achiis mukeetiin sun muka harbuutiin, ‘Kottu, nu irratti mootii taʼi’ jedhan. 11  Mukti harbuu garuu, ‘Ani dhaqee mukeetii kaan gubbaadhaa raafamuuf jecha, firiiwwan koo warra miʼaawoo fi gaggaarii taʼan kennuu dhiisuun qabaa?’ isaaniin jedhe. 12  Itti aansuudhaan mukeetiin sun muka wayiniitiin, ‘Kottu, nu irratti mootii taʼi’ jedhan. 13  Mukti wayinii sunis, ‘Ani dhaqee mukeetii gubbaadhaa raafamuuf jecha, wayinii koo isa haaraa isa Waaqayyoo fi namoota gammachiisu kennuu dhiisuun qabaa?’ jedhee isaaniif deebise. 14  Dhuma irrattis mukeetiin kaan hundi muka goraatiin, ‘Kottu, nu irratti mootii taʼi’+ jedhan. 15  Yeroo kanatti mukti goraa, ‘Isin dhuguma akkan isin irratti mootii taʼuuf na muuddu taanaan, kottaatii gaaddisa koo jalatti dawoo argadhaa. Taʼuu baannaan garuu, ibiddi muka goraa kana keessaa baʼee muka gaattiraa Libaanon gubee haa fixu’ isaaniin jedhe. 16  “Amma isin Abimelekiin mootii gochuun+ keessan qulqullummaa fi kabaja qabaachuu keessan argisiisaa? Yerubaʼaalii fi maatii isaatti gaarummaa argisiistaniittuu? Wanta isaaf malu hoo gootaniittuu? 17  Abbaan koo yommuu isiniif loletti,+ harka Miidiyaan+ irraa isin oolchuuf lubbuu isaa balaadhaaf saaxilee ture. 18  Isin garuu harʼa maatii abbaa koo irratti kaatanii ilmaan isaa 70 dhagaa tokko irratti ajjeestan.+ Achiis waanuma inni obboleessa keessan taʼeef qofa, Abimelek isa ilma garbittii+ isaa taʼe geggeessitoota Sheekem irratti mootii gootan. 19  Eeyyee, isin harʼa Yerubaʼaalii fi maatii isaatiif kana kan gootan qulqullummaa fi kabajaan yoo taʼe, isin Abimelekitti gammadaa, innis isinitti haa gammadu. 20  Taʼuu baannaan garuu, ibiddi Abimelek keessaa baʼee geggeessitoota Sheekemii fi Beet Miiloo+ gubee haa fixu; akkasumas ibiddi geggeessitoota Sheekemii fi Beet Miiloo keessaa baʼee Abimelekiin gubee haa fixu.”+ 21  Achiis Yootaam+ baqatee gara Beʼeer dhaqe; obboleessa isaa Abimelekiin kan kaʼes achi ni jiraate. 22  Abimelekis waggaa sadiif Israaʼeliin ni bulche.* 23  Achiis Waaqayyo Abimelekii fi geggeessitoota Sheekem gidduutti diinummaan akka jiraatu godhe;* isaanis Abimelek irratti daba qopheessan. 24  Kunis kan taʼe jalʼina ilmaan Yerubaʼaal 70n irratti raawwatameef haaloo baʼuuf, akkasumas Abimelekii fi geggeessitoonni Sheekem dhiiga obboloota Abimelek waan dhangalaasaniif hammina isaanii isaanitti deebisuufi. Abimelek kan isaan ajjeese+ yeroo taʼu, geggeessitoonni Sheekem immoo isa gargaaranii turan. 25  Kanaafuu, geggeessitoonni Sheekem fiixee gaarotaa irratti namoota riphanii isa eeggatan ni qopheessan; isaanis nama karicha irra isaan bira darbu hundumaa ni saamu turan. Yeroo boodas kun Abimelekitti ni himame. 26  Achiis Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa gara Sheekemitti+ ni ceʼan; geggeessitoonni Sheekemis isa amanan. 27  Isaanis gara maasiitti baʼanii firii mukeetii wayinii isaanii walitti qabatanii erga cuunfanii booda ayyaana tokko kabajan; sana booda gara mana waaqa isaaniitti+ seenanii ni nyaatan, ni dhugan, akkasumas Abimelekiin ni abaaran. 28  Achiis Gaʼaal ilmi Ebeed akkana jedhe: “Akka isaan tajaajilluuf, Abimelek eenyu? Sheekem hoo eenyu? Inni ilma Yerubaʼaal+ mitii? Zeebul hoo bakka buʼaa isaa mitii? Namoota Hamoor isa abbaa Sheekem taʼe sanaa tajaajilaa! Garuu Abimelekiin kan tajaajillu maaliifi? 29  Saba kana kan ajaju utuu ana taʼee, silaa Abimelekiin aangoo irraa nan buusan ture.” Achiis Abimelekiin, “Raayyaa waraanaa kee baayʼifadhuu as baʼi” jedhe. 30  Zeebul bulchaan magaalattii dubbii Gaʼaal ilma Ebeed yommuu dhagaʼu aariin isaa ni bobaʼe. 31  Kanaafuu, akkana jedhee dhoksaadhaan* Abimelekitti ergamtoota erge: “Kunoo, Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa Sheekem keessa jiru; isaan magaalattii si irratti kakaasaa jiru. 32  Egaa atii fi namoonni kee halkaniin ol baʼaatii dirree keessatti riphaa eeggadhaa. 33  Ganama akkuma aduun baateenis, daftee kaatee magaalattii rukutuu qabda; yommuu innii fi namoonni isaa si loluuf baʼanis isa moʼuuf wanta dandeessu hunda godhi.”* 34  Kanaafuu, Abimelekii fi namoonni isaa wajjin jiran halkaniin kaʼanii, garee afur taʼanii riphanii Sheekemiin eeggatan. 35  Yommuu Gaʼaal ilmi Ebeed baʼee karra magaalattii bira dhaabbatu, Abimelekii fi namoonni isaa wajjin jiran iddoo riphanii turan sanaa ni kaʼan. 36  Gaʼaal yommuu namoota sana argu Zeebuliin, “Kunoo, namoonni fiixee gaarotaa irraa gad buʼaa jiru” jedhe. Zeebul garuu, “Namoota fakkaatee kan sitti mulʼachaa jiru gaaddidduu gaarotaa ti” isaan jedhe. 37  Boodas Gaʼaal, “Kunoo, namoonni biyyattii gidduudhaa gad buʼaa jiru; gareen inni tokko karaa muka guddaa Meʼoneniim bira darbuun dhufaa jira” jedhe. 38  Zeebulis, “Of tuulummaan kee inni ati, ‘Akka isa tajaajilluuf Abimelek eenyu?’+ ittiin jechaa turte meerre? Namoonni kun warra ati tuffatte sana mitii? Amma baʼiitii isaaniin loli” jedhee isaaf deebise. 39  Kanaafuu, Gaʼaal geggeessitoota Sheekem dura buʼee deemuudhaan Abimelek irratti waraana bane. 40  Abimelek isa duukaa buʼee isa ariʼe; Gaʼaalis isa jalaa ni baqate; hamma karra magaalattiittis namoonni hedduun ni dhuman. 41  Abimelek Arumaa keessa jiraachuu isaa itti fufe; Zeebulis+ Sheekem keessaa Gaʼaalii fi obboloota isaa ni ariʼe. 42  Guyyaa itti aanutti namoonni magaalattii keessa turan gad ni baʼan; kunis Abimelekitti ni himame. 43  Kanaafuu, inni namoota sana fuudhee garee sadiitti hiree dirree keessatti riphee eeggate. Magaalattii keessaa namoonni baʼaa akka jiran yommuu argus haleelee isaan fixe. 44  Abimelekii fi gareewwan isaa wajjin jiran gara fuulduraatti didichanii karra magaalattii biratti iddoo qabatan; yeroo kanatti gareewwan lamaan sun immoo namoota dirree keessa turan hundumaa haleelanii fixan. 45  Abimelek guyyaa sana guutuu magaalattii waraanee ishii qabate. Namoota ishii keessa jiran erga ajjeesee booda magaalattii diigee+ soogidda irratti facaase. 46  Geggeessitoonni masaraa Sheekem hundi yommuu kana dhagaʼan, yeruma sana gara iddoo dhokannaa* mana* Eel Beriit+ keessatti argamu sanaa dhaqan. 47  Geggeessitoonni masaraa Sheekem hundi walitti qabamanii akka jiran Abimelekitti akkuma himameen, 48  Abimelekii fi namoonni isaa wajjin jiran hundi gara Gaara Zaalmonitti ol ni baʼan. Abimelek qottoo fudhatee damee mukaa erga muree booda gateettii isaa irratti baachuudhaan namoota isaa wajjin jiraniin, “Wanta yeroo ani godhu argitan kana, dafaa akkasuma godhaa!” jedhe. 49  Kanaafuu, namoonni sun hundis dameewwan mukaa muranii Abimelek duukaa buʼan. Achiis dameewwan sana iddoo dhokannaa sana irra tuulanii iddoo dhokannaa sanatti ibidda qabsiisan. Kanaan kan kaʼes, namoonni masaraa Sheekem hundi, dhiironnii fi dubartoonni gara 1,000 taʼan ni duʼan. 50  Achiis Abimelek gara Tebeez ni deeme; Tebeezitti marsees ishii ni qabate. 51  Walakkaa magaalattii masaraan cimaa taʼe tokko jira ture; dhiironnii fi dubartoonni hundi, akkasumas geggeessitoonni magaalattii hundis achitti baqatan. Isaan of irratti cufanii gara baaxii masaraa sanaatti ol baʼan. 52  Abimelekis gara masaraa sanaa dhaqee isa rukute. Ibidda itti gadhiisuufis gara karra masaraa sanaatti siqe. 53  Yeroo kanatti dubartiin takka mataa Abimelek irratti majii gadhiistee buqqee mataa isaa buruqsite.+ 54  Innis yeruma sana tajaajilaa isa meeshaa waraanaa isaaf baatu waamee, “Isaan waaʼee koo, ‘Dubartiitu isa ajjeese’ akka hin jenneef, goraadee kee luqqifadhuutii na ajjeesi” isaan jedhe. Kanaafuu, tajaajilaan isaa isa ni waraane; innis ni duʼe. 55  Namoonni Israaʼel Abimelek duʼuu isaa yommuu argan, hundi isaanii gara mana isaaniitti deebiʼan. 56  Akka kanaan Waaqayyo Abimelek obboloota isaa 70 ajjeesuudhaan+ wanta hamaa abbaa isaa irratti raawwate isatti deebise. 57  Kana malees, Waaqayyo wanta hamaa namoonni Sheekem raawwatan hunda mataa isaaniitti deebise. Akka kanaan abaarsi Yootaam+ ilma Yerubaʼaal+ isaan irra ni gaʼe.

Miiljaleewwan

Kal., “maatii mana abbaa haadha isaatiin.”
Ykn tarii, “abbootii lafaa.”
Ykn., “fira dhiigaa keessan.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “firii.”
Ykn., “Israaʼel irratti bulchaa of godhe.”
Kal., “hafuura hamaa ni erge.”
Ykn., “haxxummaadhaan.”
Ykn., “wanta harki kee dandaʼu isa irratti godhi.”
Ykn., “dahoo.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”