Amoos 1:1-15

  • Amoos Yihowaa biraa ergaa fudhate (1, 2)

  • Murtii irra deddeebiʼanii finciluu isaaniitiin kenname (3-15)

1  Bara Ooziyaa+ mootii Yihudaattii fi bara Yeroboʼaam+ ilma Yoʼaas+ mootii Israaʼelitti, kirkirri lafaa uumamuu isaa waggaa lama dura,+ dubbiin Israaʼeliin ilaalchisee Amoos* isa namoota Teqoohaa+ warra hoolota horsiisan keessaa tokko taʼetti mulʼataan himame isa kana.  Inni akkana jedhe: “Yihowaan Xiyoon keessaa ni barooda,Yerusaalem keessaas sagalee isaa guddisee ni dhageessisa. Iddoowwan dheedichaa tiksitootaa ni gaddu,Fiixeen Qarmeelosis ni goga.”+   “Yihowaan akkana jedha:‘“Fincila* Damaasqoon siʼa sadii, eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;Sababiin isaas, isaan konkolaataa sibiilaa ittiin midhaan siribsiisan* Giiliyaad irra deemsisaniiru.+   Kanaafuu, ani mana Hazaaʼel irratti ibidda nan erga,+Innis masaraawwan Benhadaad warra ciccimoo ni nyaata.+   Ani danqaraawwan Damaasqoo nan cabsa;+Jiraattota Biqaat Aweenii fiIsa Beet Eedan keessa taaʼee bulchu* sana nan balleessa;Namoonni Sooriyaas boojuudhaan gara Qiiritti ni fudhatamu”+ jedha Yihowaan.’   Yihowaan akkana jedha:‘“Fincila Gaazaan siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;Sababiin isaas, isaan guutummaa sabichaa boojiʼanii+ Edoomitti dabarsanii kennaniiru.   Kanaafuu, ani dallaa Gaazaa irratti ibidda nan erga,+Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata.   Ani jiraattota Ashdoodii+ fiIsa Ashqaloon+ keessa taaʼee bulchu* sana nan balleessa;Harka koo Eqroon+ irratti nan kaasa,Filisxeemonni hafanis ni dhumu”+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.’   Yihowaan akkana jedha:‘Fincila Xiiros siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;Sababiin isaas, isaan guutummaa sabichaa boojiʼanii Edoomitti dabarsanii kennaniiru,Kakuu obbolummaas hin yaadanne.+ 10  Kanaafuu, ani dallaa Xiiros irratti ibidda nan erga,Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata.’+ 11  Yihowaan akkana jedha:‘Fincila Edoom siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwateen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;Sababiin isaas, inni obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeera,+Gara laafina argisiisuus dideera;Aarii isaatiin garaa jabaatee isaan ciccireera,Isaanitti dheekkamuu isaas ittuma fufe.+ 12  Kanaafuu, ani Temaan+ irratti ibidda nan erga, Innis masaraawwan Boozraa warra ciccimoo taʼan ni nyaata.’+ 13  Yihowaan akkana jedha:‘“Fincila Amoononni siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwataniin kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;Sababiin isaas, isaan naannoo isaanii balʼifachuuf jedhanii garaa dubartoota ulfaa Giiliyaad tarsaasaniiru.+ 14  Kanaafuu, ani dallaa Raabaatti ibidda nan qabsiisa,+Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata,Guyyaa waraanaatti iyyi waraanaa ni dhagaʼama,Guyyaa obomboleettiitti bubbeen cimaan ni taʼa. 15  Mootiin isaaniis bulchitoota isaa wajjin boojuudhaan ni fudhatama”+ jedha Yihowaan.’

Miiljaleewwan

“Baʼaa Taʼuu” ykn “Baʼaa Baachuu” jechuu dha.
Ykn., “Yakka.”
Saanqaa midhaan ittiin dhaʼuuf looniin harkifamu argisiisa.
Kal., “ulee mootii qabatee jiru.”
Kal., “ulee mootii qabatee jiru.”