Amoos 2:1-16

  • Murtii irra deddeebiʼanii finciluu isaaniitiin kenname (1-16)

2  “Yihowaan akkana jedha:‘“Fincila* Moʼaab siʼa sadii,+ eeyyee siʼa afur raawwateen kan kaʼe, ani murtoo koo hin jijjiiru;Sababiin isaas, inni nooraadhaaf jedhee lafee mootii Edoom gubeera.   Kanaafuu, ani Moʼaabitti ibidda nan erga,Innis masaraawwan Qeriyoot warra ciccimoo ni nyaata;+Moʼaab iyya waraanaa fi sagalee xurumbaatiin,*Jeequmsa keessatti ni duʼa.+   Ani ishii keessaa bulchaa* nan balleessa,Ajajjoota ishii hundumaas isaa wajjin nan ajjeesa”+ jedha Yihowaan.’   Yihowaan akkana jedha:‘Fincila Yihudaan siʼa sadii,+ eeyyee siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani murtoo koo hin jijjiiru;Sababiin isaas, isaan seera* Yihowaa tuffataniiru,+Dambiiwwan isaas hin eegne;Haa taʼu malee, sobni abbootiin isaanii duukaa buʼan sun karaa irraa isaan jalʼiseera.+   Kanaafuu, ani Yihudaatti ibidda nan erga,Innis masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata.’+   Yihowaan akkana jedha:‘Fincila Israaʼel siʼa sadii,+ eeyyee siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani murtoo koo hin jijjiiru;Sababiin isaas, isaan meetiidhaaf jedhanii isa qajeelaa,Kophee cimdii tokkoof jedhaniis isa hiyyeessa gurguru.+   Mataa namoota rakkatoo biyyoo lafaa irratti dhidhiitu,+Daandii namoota garraamiis ni cufu.+ Abbaa fi ilmi intala takka wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaanMaqaa koo isa qulqulluu xureessu.   Isaan uffata liqiidhaaf qabsiisa godhanii fudhatan+ iddoo aarsaa hundumaa biratti afatanii ciisu;+Maallaqa adabaan fudhataniin daadhii wayinii bitatanii mana* waaqolii isaaniitti dhugu.’   ‘Haa taʼu malee, Amooricha isa akka gaattiraa dheeratuu fi akka qilxuu cimaa taʼe sana Isaan duratti kan balleesse ana ture;+Ani firii isaa isa oliis taʼe hidda isaa isa gadii mancaaseera.+ 10  Biyya Amoorichaa akka dhaaltaniif,Biyya Gibxii keessaa isin baasee,+Lafa onaa keessa waggaa 40f akka deemtan godheera.+ 11  Ilmaan keessan keessaa tokko tokko raajota,+Dargaggoota keessan keessaa tokko tokko immoo Naazrota godhee kaaseera.+ Yaa saba Israaʼel, ani kana hin goonee?’ jedha Yihowaan. 12  ‘Isin garuu akka dhuganiif Naazrotaaf daadhii wayinii ni kennitan,+Raajotas, “Raajii hin dubbatinaa” jettanii ajajjan.+ 13  Kanaafuu, akkuma gaariin midhaan haamame irratti feʼame wanta isa jala jiru caccabsu,Ani iddoo keessan irratti isin nan caccabsa. 14  Inni saffisa qabu iddoo itti baqatu hin argatu,+Inni cimaan humna isaa akkuma qabatetti itti hin fufu,Loltuun lubbuu isaa oolfatus hin jiraatu. 15  Inni xiyya darbatu iddoo isaa irra hin dhaabbatu,Inni saffisaan fiigu hin miliqu,Abbaan fardaas lubbuu isaa hin oolfatu. 16  Inni loltoota hundumaa keessaa onnataa taʼe illeeGuyyaa sanatti qullaa isaa baqata’+ jedha Yihowaan.”

Miiljaleewwan

Ykn., “Yakka.”
Ykn., “fiinootiin,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Kal., “abbaa murtii.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”