Amoos 3:1-15

  • Murtii Waaqaa labsuu (1-8)

    • Waaqni iccitii isaa ni mulʼisa (7)

  • Ergaa Samaariyaa irratti dabarfame (9-15)

3  “Yaa saba Israaʼel, dubbii Yihowaan waaʼee keessan, eeyyee, guutummaa maatii inni biyya Gibxii keessaa baase ilaalchisee dubbate kana dhagaʼaa:   ‘Ani guutummaa maatiiwwan lafaa keessaa kanan beeke isin qofa dha.+ Balleessaa keessan hundumaatiif kanan isin gaafadhu kanaafi.+   Namoonni lama wal arguuf utuu walii hin galin* wajjin ni deemuu?   Leenci bosona keessatti wanta adamsu utuu hin argatin ni baroodaa? Leenci saafelli homaa utuu hin qabatin holqa isaa keessaa ni gururiʼaa?   Simbirroon kiyyoon* utuu ishiidhaaf hin kaaʼamin, kiyyoo lafa irra jiruun ni qabamtii? Kiyyoon utuu homaa hin qabatin lafa irraa ni futtaʼaa?   Magaalaa keessatti xurumbaan yoo afuufame, namoonni hin sodaatanii? Magaalaa keessatti badiisni yoo gaʼe, badiisicha kan fide Yihowaa mitii?   Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan iccitii isaa raajota warra tajaajiltoota isaa taʼanitti utuu hin mulʼisinWaan tokko illee hin raawwatu.+   Leenci baroodeera!+ Eenyutu hin sodaatu ree? Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan dubbateera! Eenyutu raajii hin dubbatu ree?’+   ‘Masaraawwan Ashdood warra ciccimoo irratti,Masaraawwan biyya Gibxii warra ciccimoo irrattis kana labsaa. Akkana jedhaa: “Gaarota Samaariyaa irratti walitti qabamaa;+Jeequmsa ishii gidduu jiru,Gowwoomsaa ishii keessa jirus ilaalaa.+ 10  Sababiin isaas, warri masaraawwan isaanii keessatti jeequmsaa fi badiisa kuufatan kun Wanta sirrii gochuu hin beekan” jedha Yihowaan.’ 11  Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:‘Diinni biyyattiitti ni marsa,+Inni humna kee ni fixa,Masaraawwan kee warri ciccimoonis ni saamamu.’+ 12  Yihowaan akkana jedha:‘Akkuma tikseen tokko luka lama yookiin citaa gurraa tokko afaan leencaa keessaa butee fudhatu,Namoonni Israaʼel warri Samaariyaa keessaSireewwan babbareedoo fi sireewwan gaggabaaboo gaggaarii taʼan* irra taaʼanii jiranis butamanii ni fudhatamu.’+ 13  ‘Dhagaʼaa, mana Yaaqoobis akeekkachiisaa’* jedha Waaqa Raayyaa kan taʼe Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 14  ‘Sababiin isaas, guyyaa ani fincila* isaa hundumaaf Israaʼeliin itti gaafadhutti,+Iddoowwan aarsaa Beetelis akka itti gaafataman nan godha;+Gaanfonni iddoo aarsaa irraa ni kutamu, lafattis ni kufu.+ 15  Mana gannaas taʼe mana bonaa nan rukuta.’ ‘Manneen ilka arbaa ni balleeffamu,+Manneen guguddaanis* ni badu’+ jedha Yihowaan.”

Miiljaleewwan

Ykn., “beellamaan utuu wal hin argin.”
Ykn tarii, “kiyyoo irra nyaanni.”
Ykn., “Sireewwan warra Damaasqoo.”
Ykn., “mana Yaaqoob irrattis ragaa baʼaa.”
Ykn., “yakka.”
Ykn tarii, “hedduunis.”