Amoos 4:1-13

  • Ergaa saawwan Baashaan irratti dabarfame (1-3)

  • Yihowaan waaqeffannaa sobaa Israaʼel ni jibba (4, 5)

  • Israaʼel adaba fudhachuu dide (6-13)

    • “Waaqa kee dura dhaabbachuuf qophaaʼi” (12)

    • ‘Waaqni wanta yaade namatti ni hima’ (13)

4  “Isin saawwan Baashaan,Warri gaara Samaariyaa irra jirtan,+Isin dubartoonni warri namoota rakkatoo cunqursitanii+ fi hiyyeeyyii caccabsitan,Isin warri abbootii manaa* keessaniin, ‘Wanta dhugnu nuuf fidaa!’ jettan dubbii kana dhagaʼaa.   Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera:‘“Kunoo, barri inni hookkoo foon itti rarraasaniin itti ol isin kaasu gaʼeera,Warri haftan immoo hookkoo qurxummiitiin ol ni kaafamtu.   Tokkoon tokkoon keessan baqaqaa dallaa gidduu kallattiidhaan fuulduratti ni baatu;Gara Harmoonittis ni darbatamtu” jedha Yihowaan.’   ‘Gara Beetel kottaatii balleessaa raawwadhaa,*+Gara Gilgaal kottaatii caalaatti balleessaa raawwadhaa!+ Aarsaawwan keessan ganama,Kurnoo keessanis*+ guyyaa sadaffaatti fidaa.+   Waaqayyoof galata dhiheessuuf daabboo bukaaʼaa aarsaa godhaatii gubaa;+Sagalee keessan ol kaasaatii aarsaawwan fedhiidhaan dhiheessitan labsaa! Sababiin isaas, yaa saba Israaʼel, isin akkana gochuu jaallattu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.   ‘Ani immoo magaalota keessan hundumaa keessatti wanta afaaniin qabdan akka dhabdan,*Manneen keessan hundumaa keessas beelli akka jiraatu godheera;+Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.   ‘Akkasumas, makarri gaʼuu isaa jiʼa sadii dura bokkaa isin nan dhowwadhe.+ Magaalaa tokko irratti akka roobu, magaalaa kan biraa irratti immoo akka hin roobne nan godhe. Maasiin tokko bokkaa ni argate,Maasiin inni bokkaa dhabe immoo ni goge.   Namoonni magaalota lama yookiin sadii keessa jiraatan bishaan dhuguuf gara magaalaa tokkootti ni tiratan,+Garuu dheebuu hin baane;Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.   ‘Ani hoʼa waxaluu fi waagiidhaan isin nan rukute.+ Isin iddoowwan biqiltuu fi maasiiwwan wayinii ni baayʼifattan,Haa taʼu malee, awwaannisni mukeetii harbuu fi mukeetii ejersaa* keessan ni nyaate;+Taʼus isin amma iyyuu gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan. 10  ‘Ani golfaa isa Gibxii rukutee turee wajjin wal fakkaatu isin gidduutti nan erge.+ Dargaggoota keessan goraadeedhaan nan ajjeese,+ fardeen keessanis nan boojiʼe.+ Ajaan buufata keessanii funyaan keessan bira akka gaʼu nan godhe;+Taʼus isin gara kootti hin deebine’ jedha Yihowaan. 11  ‘Akkuma Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa garagalche,+Biyya keessan nan garagalche. Isin akkuma jirma ibidda keessaa butamee baafamee turtan;Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan. 12  Kanaafuu, yaa Israaʼel, ani si irratti kana nan raawwadha. Yaa Israaʼel, kana waanan si irratti raawwadhuuf,Waaqa kee dura dhaabbachuuf qophaaʼi. 13  Sababiin isaas, inni isa gaarota tolchee fi bubbee uume dha;+Inni wanta yaade namatti ni hima,Barraaqa gara dukkanaatti ni jijjiira,+Iddoowwan ol kaʼoo lafaa irra ni ejjeta;+Maqaan isaa Yihowaa Waaqa Raayyaa ti.”

Miiljaleewwan

Ykn., “gooftolii.”
Ykn., “fincilaa.”
Ykn., “Harka kudhan keessaa harka tokko.”
Kal., “ilkaan qulqulluu isiniif kenneera.” Ykn., “wanta nyaattan isiniif hin kennine.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.