Amoos 7:1-17

  • Mulʼatawwan badiisni Israaʼel dhihaachuu isaa argisiisan (1-9)

    • Awwaannisa (1-3), ibidda (4-6), tumbii (7-9)

  • Amoos raajii dubbachuu akka dhiisu itti himame (10-17)

7  Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan kana natti argisiise: Kunoo, inni yommuu midhaan inni boodaa* biqiluu jalqabu hoomaa awwaannisaa ni erge. Kun midhaan isa boodaa margi mootichaa erga haamamee booda biqile ture.  Yommuu hoomaan awwaannisaa sun biqiltuu biyyattii nyaatee fixutti, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo dhiifama isaaniif godhi!+ Yaaqoob dadhabaa waan taʼeef, akkamitti kana irraa ooluu* dandaʼa?”+ nan jedhe.  Kanaafuu, Yihowaan deebiʼee kana irratti ni yaade.*+ Yihowaan, “Kun hin raawwatamu” jedhe.  Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan kana natti argisiise: Kunoo, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan ibiddaan adabuuf ni labse. Innis bishaan balʼaa isa gad fagoo taʼe ni nyaate, akkasumas kutaa biyyattii tokko nyaatee ni fixe.  Achiis ani, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo, kana hin fidin.+ Yaaqoob dadhabaa waan taʼeef, akkamitti kana irraa ooluu* dandaʼa?”+ nan jedhe.  Kanaafuu, Yihowaan deebiʼee kana irratti ni yaade.*+ Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan, “Kunis hin raawwatamu” jedhe.  Inni kana natti argisiise: Kunoo, Yihowaan dallaa tumbiidhaan* ijaarame tokko irra dhaabbatee ture; harka isaattis tumbii qabatee ture.  Achiis Yihowaan, “Amoos, maaltu sitti mulʼata?” naan jedhe. Anis, “Tumbii” jedheen deebise. Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Kunoo, ani saba koo Israaʼeliin tumbiidhaan nan safara. Kana booda ani dhiifama isaaniif hin godhu.+  Iddoowwan ol kaʼoon Yisihaaq+ ona ni taʼu; iddoowwan qulqulluun Israaʼel ni barbadeeffamu;+ anis goraadee fudhadhee mana Yeroboʼaam irratti nan dhufa.”+ 10  Amaaziyaan lubni Beetel+ gara Yeroboʼaam+ mootii Israaʼelitti ergaa kana ni erge: “Amoos manuma Israaʼel gidduutti si irratti daba qopheessaa jira.+ Biyyattiin dubbii isaa hundumaa dandamachuu hin dandeessu.+ 11  Sababiin isaas, Amoos, ‘Yeroboʼaam goraadeedhaan ni duʼa; Israaʼelis dhugumaan biyya isaa keessaa boojuudhaan ni fudhatama’ jedheera.”+ 12  Achiis Amaaziyaan Amoosiin akkana jedhe: “Yaa nama mulʼata argu nana, asii deemi, gara biyya Yihudaatti baqadhu; nyaata kee achumaa nyaadhu; raajiis achitti dubbadhu.+ 13  Beetelitti garuu kana booda raajii dubbachuu hin qabdu;+ sababiin isaas, ishiin iddoo qulqulluu mootichaa+ fi mana mootummaa ti.” 14  Amoosis akkana jedhee Amaaziyaadhaaf deebise: “Ani raajiis taʼe ilma raajii miti; ani tiksee+ fi nama muka harbuu kunuunsun* ture. 15  Yihowaan garuu bushaayee duukaa buʼuu irraa na waame; Yihowaan, ‘Dhaqi, saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’+ naan jedhe. 16  Kanaafuu, dubbii Yihowaa dhagaʼi: ‘Ati, “Israaʼel irratti raajii hin dubbatin,+ mana Yisihaaq irrattis hin lallabin”+ naan jette. 17  Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: “Haati manaa kee magaalattii keessatti sagaagaltuu ni taati; ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa kee goraadeedhaan ni kufu. Biyyi kee wadaroo safaraatiin ni hihiramti; ati biyya xuraaʼaa keessatti ni duuta; Israaʼelis dhugumaan biyya isaa irraa boojuudhaan ni fudhatama.”’”+

Miiljaleewwan

Jechuunis, jiʼa Amajjii fi Guraandhalaa keessatti.
Kal., “ol kaʼuu.”
Ykn., “ni gaabbe.”
Kal., “ol kaʼuu.”
Ykn., “ni gaabbe.”
Ykn., “wuhaa likkiidhaan.”
Ykn., “nama balasii waraanun.” Kun gosa muka balasii Israaʼel keessatti argamuu fi “harbuu” jedhamu dha.