Amoos 8:1-14

  • Mulʼata guuboo firii bonaa qabate argisiisu (1-3)

  • Cunqursitoonni ni balaaleffataman (4-14)

    • Beela hafuuraa (11)

8  Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan kana natti argisiise: Kunoo, guuboon firii bonaa qabate tokko jira ture.  Achiis, “Amoos, maaltu sitti mulʼata?” naan jedhe. Anis, “Guuboo firii bonaa qabate” jedheen deebise. Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Dhumni saba koo Israaʼel gaʼeera. Ani kana booda dhiifama isaaniif hin godhu.+  Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan, ‘Guyyaa sanatti faarfannaan mana qulqullummaa gara booʼichaatti jijjiirama.+ Iddoo hundumaatti reeffi hedduun ni gatama;+ sagaleen tokko illee hin dhagaʼamin’ jedha.   Isin warri isa hiyyeessa dhidhiittan,Warri garraamota biyyattii keessa jiran ajjeestan kana dhagaʼaa;+   Isin akkana jettu: ‘Midhaan keenya akka gurgurannuuf, ayyaanni baatii haaraa yoom xumurama?+ Midhaan keenya gurgurtaadhaaf akka dhiheessinuuf Sanbanni+ yoom darba? Silaa madaallii gowwoomsaa keenya dhugaa fakkeessuuf,Safartuu eefaa* ni xinneessina,Madaallii sheeqilii* immoo ni guddisna turre;+   Isa rakkataa meetiidhaan,Isa hiyyeessas kophee cimdii tokkoon ni bitanna,+Midhaan qulqullina hin qabnes ni gurgurra.’   Yihowaan Ulfina Yaaqoobiin akkana jedhee kakateera:+ ‘Ani gocha isaanii hundumaa matumaa hin irraanfadhu.+   Kanaan kan kaʼes biyyattiin* ni jeeqamti,Jiraattonni ishii hundis ni gaddu.+ Guutummaan biyyattii akka Abbayyaatti ol ni kaati;Akkuma Abbayyaa Gibxiitti ol kaatee gad ni lixxi.’+   Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Guyyaa sanatti aduun guyyaa saafaa akka lixxu nan godha,Utuma ifni guyyaa jiruus biyyattii nan dukkaneessa.+ 10  Ayyaanota keessan hundumaa gara gaddaatti,+Faarfannaawwan keessan hundumaas gara faaruu gaddaatti nan jijjiira. Mudhii hundumaatti uffata gaddaa nan mara, mataa hundas nan haada;Akkuma ilma tokkichaaf booʼanitti akka booʼan nan godha,Dhumni isaas akka guyyaa rakkinaa ni taʼa.’ 11  Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:‘Kunoo, guyyaan ani biyyattiitti beela ergu ni dhufa,Beelli kun garuu nyaata beelaʼuu yookiin bishaan dheebochuu utuu hin taʼin,Dubbii Yihowaa dhagaʼuuf beelaʼuu dha.+ 12  Isaan galaanaa hamma galaanaatti,Kaabaa hamma bahaattis* ni jooru. Dubbii Yihowaa barbaacha asii fi achi ni naannaʼu, garuu hin argatan. 13  Guyyaa sanatti dheebuudhaan kan kaʼe durboonni babbareedoon,Dargaggoonnis ni gaggabu; 14  Warri balleessaa Samaariyaatiin kakatan,+Warri, “Yaa Daan, waaqa kee isa jiraataadhaan ni kakanna!”+ Akkasumas, “Daandii Ber Sheebaa+ isa jiraataadhaan ni kakanna!” jedhanNi kufu, lammatas hin kaʼan.’”+

Miiljaleewwan

Ykn., “lafti.”
Ykn., “baha biiftuuttis.”