Amoos 9:1-15

  • Murtii Waaqaa jalaa miliquun hin dandaʼamu (1-10)

  • Daasiin Daawit ol ni kaafama (11-15)

9  Yihowaan iddoo aarsaa gararraa dhaabbatee nan arge,+ innis akkana jedhe: “Mataa utubichaa rukuti, manichis ni sochoʼa. Mataa isaanii irraa kuti; anis isaan keessaa isa dhumaa goraadeedhaan nan ajjeesa. Kan baqatu jalaa ooluu hin dandaʼu; miliquuf kan yaalu kam iyyuus isaaf hin milkaaʼu.+   Awwaala* keessa qotanii yoo seenan,Harki koo achi keessaa isaan ni baasa;Gara samiiwwaniitti yoo ol baʼanis,Ani achi irraa gad isaan nan buusa.   Fiixee Qarmeelos irra yoo dhokatan,Achi keessaa barbaadee isaan nan qaba.+ Galaana jala lixanii ija koo duraa yoo dhokatan,Achitti bofti akka isaan hiddu nan ajaja.   Diinota isaaniitiin boojuudhaan yoo fudhataman,Achitti goraadee nan ajaja, innis isaan ajjeesa;+Ani gaariidhaaf utuu hin taʼin hamaadhaaf jedhee ija koo isaan irra nan kaaʼa.+   Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan raayyaa biyyattii* ni tuqa,Kanaan kan kaʼes ishiin ni baqxi,+ jiraattonni ishii hundis ni gaddu;+Guutummaan biyyattii akka Abbayyaatti ol ni kaati;Akkuma Abbayyaa Gibxiitti gad ni lixxi.+   ‘Inni samiiwwan keessatti kortoo isaa dhaabu,Baaxii isaas lafa gararraatti hundeessu,Inni lafa irratti isaan dhangalaasuufBishaanota galaanaa waamu,+Maqaan isaa Yihowaa dha.’+   Yihowaan akkana jedha: ‘Yaa saba Israaʼel, isin anaaf akkuma ilmaan Kuush mitii? Ani Israaʼeliin biyya Gibxii keessaa,+Filisxeemota Qarxees keessaa,+ warra Sooriyaa immoo Qiir keessaa hin baasnee?’+   ‘Kunoo, ijji Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa mootummaa cubbamaa sana irra jira,Inni lafa irraa haxaaʼee isa ni balleessa.+ Mana Yaaqoob garuu guutummaatti haxaaʼee hin balleessu’+ jedha Yihowaan.   ‘Kunoo, ani ajaja nan kenna,Akkuma namni tokko yeroo gingilchaadhaan gingilchuCirrachi tokko illee lafa hin buune,Anis mana Israaʼel saboota hundumaa gidduutti nan gingilcha.+ 10  Cubbamoonni saba koo gidduu jiran,Warri, “Badiisni nutti hin dhihaatu yookiin nu bira hin gaʼu” jedhan hundi goraadeedhaan ni ajjeefamu.’ 11  ‘Guyyaa sanatti ani daasii* Daawit isa jige ol nan kaasa,+Baqaqaa isaa* nan supha,Diiggaa isaas nan haaressa;Akkuma isa bara duriitti deebisee nan ijaara,+ 12  Kunis, isaan isa Edoom irraa hafee+ fiSaboota maqaan koo itti waamame hundumaa akka dhaalaniifi’ jedha Yihowaan inni wanta kana raawwatu. 13  Yihowaan akkana jedha:‘Kunoo, guyyaan namni qotu isa midhaan sassaabu bira itti gaʼu,Namni wayinii dhidhiitus isa sanyii facaasu bira itti gaʼu ni dhufa;+Gaaronni daadhii wayinii miʼaawaa ni coccophsu,+Tabbawwan hundumaa irras daadhiin wayinii ni lolaʼa.*+ 14  Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+ 15  ‘Ani biyya isaanii irratti isaan nan dhaaba,Isaan matumaa biyya ani isaaniif kenne irraaLammata hin buqqaʼan’+ jedha Yihowaan Waaqni kee.”

Miiljaleewwan

Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lafa.”
Ykn., “dunkaana; godoo.”
Ykn., “isaanii.”
Kal., “Tabbawwan hundis ni baqu.”