Anbaaqom 1:1-17

  • Raajichi gargaarsa argachuuf iyyate (1-4)

    • ‘Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti?’ (2)

    • ‘Cunqursaa maaliif callistee ilaalta?’ (3)

  • Kaladoota warra Waaqni murtii kennuuf itti fayyadame (5-11)

  • Raajichi Yihowaa kadhate (12-17)

    • “Yaa Waaqa koo, yaa Qulqulluu koo, ati hin duutu” (12)

    • “Ijji kee baayʼee qulqulluu waan taʼeef wanta hamaa hin ilaalu” (13)

1  Ergaa murtii Anbaaqom* raajichatti mulʼataan himame:   Yaa Yihowaa, iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisu kan hin dhageenye hamma yoomiitti?+ Hammina irraa akka na oolchitu kanan si waammadhu hamma yoomiitti?+   Balleessaan yommuu raawwatamu akkan argu maaliif goota? Cunqursaa hoo maaliif callistee ilaalta? Badiisnii fi jeequmsi na dura jira. Lollii fi walitti buʼiinsis baayʼateera.   Kanaan kan kaʼes seerri laafeera,Haqnis matumaa raawwatamee hin beeku. Sababiin isaas, inni hamaan isa qajeelaatti marseera;Haqni kan jalʼates kanaafi.+   “Saboota ilaalaa, xiyyeeffannaas isaaniif kennaa! Dinqisiifannaadhaan ilaalaa, ajaaʼibsiifadhaas;Sababiin isaas, wanti utuma isinitti himamee illee isin hin amanne tokko Bara keessanitti ni raawwatama.+   Kunoo, ani Kaladoota,+Saba gara jabeessaa fi miiraan oofamu nan kaasa. Isaan mana kan isaanii hin taane fudhachuuf,Lafa balʼaa keessa ni fiigu.+   Isaan sodaachisoo fi kan nama naasisani dha. Haqa ofii isaanii fi aangoo* ofii isaanii hundeessu.+   Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu,Yeeyyii halkan deemu caalaas ni hammaatu.+ Fardeen waraanaa isaanii gulufaa dhufu,Fardeen isaanii iddoo fagoo irraa dhufu. Isaan akkuma risaa wanta nyaatu irratti lafa dhaʼutti saffisaan gad buʼu.+   Hundi isaanii hammina raawwachuuf fedhii guddaa qabu.+ Fuulli isaanii yeroo walitti qabamu akkuma bubbee bahaa ti,+Isaan boojiʼamtoota akkuma cirrachaatti hammaaru. 10  Moototatti ni qoosu,Abbootii taayitaa ol aanoottis ni kolfu.+ Iddoo dallaa dhagaa qabu hundumaatti ni kolfu;+Biyyoo tuulaniis isa ni qabatu. 11  Achiis isaan akkuma bubbee fuulduratti ni fiigu, keessas ni darbu,Haa taʼu malee, humna kan isaaniif kenne waaqa isaanii akka taʼetti waan yaadaniif,*+Yakkaan itti gaafatamu.”+ 12  Yaa Yihowaa, ati bara baraa kaasee jirta mitii?+ Yaa Waaqa koo, yaa Qulqulluu koo, ati hin duutu.*+ Yaa Yihowaa, ati murtii raawwachiisuuf isaan muuddeetta;Yaa Qarsaa koo,+ ati adaba kennuuf isaan filateetta.+ 13  Ijji kee baayʼee qulqulluu waan taʼeef wanta hamaa hin ilaalu,Ati hammina callistee hin ilaaltu.+ Maarree, gantoota maaliif callistee ilaalta?+ Yeroo namni hamaan nama isa irra wayyu liqimsu maaliif callista?+ 14  Namni akka qurxummii galaanaa,Akka uumamawwan munyuuqan warra bulchaa hin qabnee akka taʼu maaliif goota? 15  Inni* hunda isaanii iyyuu hookkoo qurxummiitiin qabee ol ni baasa. Saaphana isaatiin isaan ni qaba,Saaphana qurxummii ittiin qabuttis walitti isaan ni qaba. Inni baayʼee kan gammadu kanaafi.+ 16  Saaphana isaatiif aarsaa kan dhiheessu,Saaphana ittiin qurxummii qabuufis aarsaa* kan dhiheessu kanaafi;Sababiin isaas, gaʼeen isaa isaaniin kan kaʼe baayʼateera,*Nyaanni isaas filatamaa dha. 17  Maarree inni saaphana isaa keessaa garagalchuu isaa* itti fufaa? Gara jabinaan saboota gorraʼuu isaa hoo itti fufaa?+

Miiljaleewwan

“Cimsanii Hammachuu” taʼuu dandaʼa.
Ykn., “kabaja.”
Ykn tarii, “humni isaanii waaqa isaanii waan taʼeef.”
Ykn tarii, “nuti hin duunu.”
Jechuunis, Kaladicha isa diina taʼe.
Ykn., “aarsaa aarfamu.”
Kal., “zayitiidhaan jiidheera.”
Ykn tarii, “goraadee isaa luqqifachuu isaa.”