Anbaaqom 2:1-20

  • ‘Wanta inni dubbatu beekuuf dammaqinaan nan hordofa’ (1)

  • Deebii Yihowaan raajichaaf kenne (2-​20)

    • ‘Mulʼaticha eeggachuu kee itti fufi’ (3)

    • Qajeelonni amanamummaadhaan jiraatu (4)

    • Wayyoo Kaladoota irra gaʼu shan (6-20)

      • Lafti beekumsa Yihowaatiin ni guutamti (14)

2  Ani iddoo eegumsaa koo irra dhaabbachuu koo ittan fufa,+Dallaa ittisaa irras nan ijaajja. Wanta inni karaa koo dubbatu beekuuf,Akkasumas yommuun adabamu deebii akkamii akkan kennu hubachuuf dammaqinaan nan hordofa.   Achiis Yihowaan akkana jedhee naaf deebise: “Namni sagalee isaa ol kaasee dubbisu salphaatti* dubbisuu akka dandaʼuuf,+Mulʼaticha barreessi, gabatee irrattis akka gaariitti boci.+   Sababiin isaas, mulʼatichi yeroo isaaf murteeffame qaba,Inni gara xumura* isaatti ni ariifata, hin sobus. Utuma turee illee* eeggachuu kee itti fufi!*+ Sababiin isaas, inni shakkii tokko malee ni raawwatama. Hin turus!   Isa of tuulu sana ilaali;*Inni keessa isaatti qajeelaa miti. Inni qajeelaan garuu amanamummaa* isaatiin jiraata.+   Daadhiin wayinii namni tokko gocha gowwummaa akka raawwatu godha,Kanaafuu, namni of tuulu milkaaʼina hin argatu. Fedhiin nyaataa* isaa akkuma Awwaalaa* guddaa dha;Inni akkuma duʼaa ti, hin quufus. Inni saboota hundumaa walitti qabachuu fiNamoota hundumaa sassaabbachuu isaa ittuma fufa.+   Hundi isaanii fakkeenya, cigoo fi mammaaksa isa irratti dubbatuu mitii?+ Isaan akkana jedhu: ‘Isa wanta kan isaa hin taane walitti qabatuuf,Isa liqii isaa baayʼisuuf wayyoo! Kun hamma yoomiitti itti fufa?   Warri siif liqeessan akkuma tasaa hin kaʼanii? Isaan dammaqanii akka malee si hurgufu,Isaan si saamu.+   Ati saboota hedduu waan saamteef,Dhiiga namootaa waan dhangalaasteef,Akkasumas lafa, magaalotaa fi warra isaan keessa jiraatan irratti Hammina waan raawwatteef,+Namoonni kaan hundi si saamu.+   Isa badiisa jalaa baʼuuf jedhee,Manʼee isaa ol kaasee ijaarrachuuf,Maatii isaatiif faayidaa sirrii hin taane walitti qabatuuf wayyoo! 10  Ati mana kee irratti qaanii qopheesiteetta. Namoota hedduu fixuudhaan cubbuu of* irratti hojjetteetta.+ 11  Dallaa gidduudhaa dhagaan tokko ni iyya,Mukeetii baaxii gidduudhaa immoo baattuun baaxii tokko deebii isaaf ni kenna. 12  Isa dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf,Jalʼinaanis ishii hundeessuuf wayyoo! 13  Kunoo, namoonni wanta ibiddaan gubamuuf jabaatanii akka hojjetan,Saboonnis akkasumaan akka of dadhabsan kan godhe Yihowaa Gooftaa Raayyaa mitii?+ 14  Akkuma bishaan galaana uwwisu,Laftis beekumsa ulfina Yihowaatiin ni guutamti.+ 15  Nama qullaa isaanii ilaaluuf jedhee,Akka isaan machaaʼan gochuuf,Dheekkamsaa fi aarii itti dabalee michoota isaatiif wanta dhugamu kennuuf wayyoo! 16  Ati ulfinaan utuu hin taʼin salphinaan ni guutamta. Atis dhugi, qullaa kee isa dhaqna hin qabamnes saaxili.* Xoofoon harka mirgaa Yihowaa keessa jiru sitti marsa,+Ulfina kees salphinni ni uwwisa; 17  Hamminni Libaanon irratti hojjettame si uwwisa,Badiisni bineensota naasises sitti dhufa,Sababiin isaas, ati dhiiga namootaa dhangalaasteetta,Lafa, magaalotaa fi warra isaan keessa jiraatan irrattisHammina raawwatteetta.+ 18  Fakkiin bocame inni namaan tolfame,Faayidaa maalii qaba? Waaqolii gatii hin qabne warra dubbachuu hin dandeenye tolchuudhaan,Inni isa tolche yoo isatti amaname illee,Siidaan sibiilaa* fi barsiisaan sobaa faayidaa maalii qabu?+ 19  Isa mukaan, “Dammaqi!” Yookiin dhagaa dubbachuu hin dandeenyeen, “Kaʼi! Nu barsiisi!” jedhuuf wayyoo! Kunoo, inni warqii fi meetiidhaan uwwifameera,+Hafuurri garuu matumaa isa keessa hin jiru.+ 20  Yihowaan garuu mana qulqullummaa isaa keessa jira.+ Yaa guutummaa lafaa, isa duratti calluma jedhaa!’”+

Miiljaleewwan

Ykn., “akka gaariitti.”
Ykn., “raawwii.”
Ykn., “Waan ture yoo fakkaate illee.”
Ykn., “hawwiidhaan eeggadhu.”
Ykn., “Ilaa, lubbuun isaa bokokeera.”
Ykn tarii, “amantii.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu kee.”
Ykn tarii, “gatantari.”
Ykn., “Siidaan baqfamee tolfamee.”