Anbaaqom 3:1-19

  • Raajichi Yihowaan tarkaanfii akka fudhatu kadhate (1-19)

    • Waaqni saba isaa isa dibame ni fayyisa (13)

    • Rakkinni jiraatus Yihowaatti gammaduu (17, 18)

3  Kadhannaa Anbaaqom raajichi faaruu gaddaatiin dhiheesse:   Yaa Yihowaa, ani waaʼee kee oduu dhagaʼeera. Yaa Yihowaa, ani gocha keetiin kan kaʼe sodaadheera. Waggoota gidduutti* isa raawwadhu! Waggoota gidduutti* isa beeksisi! Yeroo jeequmsaatti gara laafina argisiisuu hin dagatin.+   Waaqayyo Temaan irraa,Inni Qulqulluun Gaara Phaaraan irraa dhufeera.+ (Seelaa)* Ulfinni isaa samiiwwan uwwiseera;+Laftis jajannaa isaatiin guutamteetti.   Ifni isaa akkuma ifa aduu ti.+ Harka isaa keessaa,Bakka ciminni isaa dhokatee jiru keessaa carallaan lama ni baʼe.   Golfaan isa dura ni baʼe,+Dhagna gubaa cimaanis faana isaa duukaa ni buʼe.   Inni dhaabbatee lafa ni sochoose.+ Yeruma tokko ilaaluudhaan saboonni akka utaalan ni godhe.+ Gaaronni bara baraa ni caccaban,Tabbawwan bara duriis ni gombifaman.+ Daandiiwwan bara durii kan isaa ti.   Ani dunkaana Kuushaan keessatti rakkina nan arge. Huccuuwwan dunkaanaa biyya Miidiyaan ni hollatan.+   Yaa Yihowaa, aariin kee kan bobaʼe lageen irrattii? Ati lageenitti aartee? Moo galaanatti aarte?+ Ati fardeen kee gulufteetta;+Gaariiwwan fardaa kees injifannoo* argataniiru.+   Ati iddaa kee baafattee qophoofteetta. Akka kakaa sanaatti uleewwan* hojii isaaniitiif qophaaʼaniiru. (Seelaa) Ati lafa lageeniin gargar ni hirta. 10  Gaaronni yommuu si argan dhiphinaan ni raafaman.+ Bokkaa yandoon haree sokke. Bishaanonni gad fagoon ni huursan.+ Isaan harka isaanii ol ni kaasan. 11  Aduu fi addeessi iddoo jireenyaa isaanii isa ol kaʼaa irra dhaabbataniiru.+ Xiyyawwan kee akkuma ifaatti baʼaniiru.+ Balaqqeessi eeboo keetii ni calaqqise. 12  Ati dheekkamsaan lafa irra ni deemte. Aariidhaan saboota ni dhidhiitte.* 13  Ati saba kee fayyisuuf jettee, isa dibde sana fayyisuuf jettee ni baate. Geggeessaa* mana nama hamaa sanaa ni caccabsite. Manichi buʼuura isaatii jalqabee hamma fiixee* isaatti ni saaxilame. (Seelaa) 14  Yommuu isaan na bittinneessuuf natti yaaʼanitti,Ati mataa loltoota isaa meeshaawwan waraanaa* ofii isaatiin ni waraante. Isaan isa rakkataa dhoksaatti ajjeesuun baayʼee isaan gammachiise. 15  Ati fardeen keetiin galaanota keessa,Bishaanota gad fagoo keessas ni ejjette. 16  Ani nan dhagaʼe, keessi* koos ni raafame;Sagalichaan kan kaʼe hidhiin koo ni hollate. Lafeen koo ni bosose;+Miilli koos na jalatti ni hollate. Ani garuu callisee guyyaa dhiphinaa sana nan eeggadha,+Sababiin isaas, inni namoota warra nu haleelan irratti ni dhufa. 17  Mukti harbuu yoo daraaruu baate,Mukti wayinii yoo firii kennuu dhiise,Mukti ejersaa* yoo firii godhachuu baate,Maasiin* midhaan yoo baasuu dide,Bushaayeen goorannoo keessaa yoo badan,Horiinis dallaa keessa yoo jiraachuu baatan illee, 18  Ani garuu, Yihowaatti nan gammada;Waaqa fayyinaa kootiin kan kaʼes nan ililcha.+ 19  Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan jabina koo ti;+Inni miila koo akkuma luka gadamsaa ni godha,Iddoowwan ol kaʼoo irra akkan deemus ni godha.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “Bara keenyatti.”
Ykn tarii, “Bara keenyatti.”
Ykn., “fayyina.”
Ykn tarii, “xiyyawwan.”
Kal., “siribsiiste.”
Kal., “Mataa.”
Kal., “morma.”
Kal., “uleewwan.”
Kal., “garaan.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “Daagaan.”