Asteer 10:1-3

  • Mordekaay ulfina guddaa argate (1-3)

10  Ahaashweros Mootichi namoonni biyyattii fi odolawwan galaanichaa keessatti argaman hojii dirqamaa akka hojjetan dirqisiise.  Hojiiwwan isaa kanneen jajjaboo fi dinqisiisoo taʼan hundi, akkasumas seenaa balʼaan mootichi akkamitti Mordekaayiif+ ulfina guddaa akka kenne+ ibsu, kitaaba seenaa waaʼee bara+ mootota Meedonii fi Faarsi+ dubbatu keessatti barreeffamaniiru mitii?  Mordekaay Yihudichi Ahaashweros Mootichatti aansee nama sadarkaa lammaffaa qabu ture. Inni nama Yihudoota gidduutti iddoo guddaa qabuu fi obboloota isaa hedduu biratti kabajamaa taʼe ture. Kana malees, inni faayidaa saba isaatiif hojjechaa fi nageenya sanyiiwwan isaanii hundumaatiif falmaa* ture.

Miiljaleewwan

Kal., “sanyiiwwan isaanii hundumaatiif nagaa dubbachaa.”