Asteer 2:1-23
2 Wantoota kana booda, Ahaashweros+ Mootichi yommuu aariin isaa qabbanaaʼu wanta Waashtiin raawwattee+ fi wanta ishii irratti murteeffame ni yaadate.+
2 Yeroo kanatti tajaajiltoonni mootichaa akkana jedhan: “Shamarran babbareedoon durba taʼan mootichaaf haa barbaadaman.
3 Mootichis shamarran babbareedoo durboota taʼan hundumaa gara mana dubartootaa isa dahoo* Shushaan* keessatti argamuutti akka walitti qabaniif koonyaawwan bulchiinsa isaa keessatti argaman hundumaa keessatti bakka buutota haa muudu.+ Isaanis itti gaafatamummaa Hegaay+ isa xuʼaashii mootichaa fi eegduu dubartootaa taʼe jala haa taʼan; akkasumas kunuunsi miidhaginaa isaaniif haa godhamu.*
4 Shamarreen mootichi hundumaa caalaa itti gammadus Waashtii bakka buutee mootuu haa taatu.”+ Yaanni dhihaate kun mooticha ni gammachiise; innis akkanuma ni godhe.
5 Gosa Biiniyaam+ keessaa ilma Yaaʼir, ilma Shimeʼii, ilma Qiish kan taʼe namni Yihudii maqaan isaa Mordekaay+ jedhamu tokko dahoo* Shushaan*+ keessa jira ture;
6 inni namoota Yikooniyaa*+ mootii Yihudaa isa Nebukadnezaar mootiin Baabilon boojuudhaan fudhatee wajjin Yerusaalem keessaa boojuudhaan fudhataman keessaa tokko ture.
7 Inni guddiftuu* Haadaasaa, jechuunis guddiftuu Asteer ishii intala obboleessa abbaa isaa taate sanaa ture;+ ishiin abbaas taʼe haadha hin qabdu turte. Shamarreen tun dhaabbata kan toltuu fi bareedduu kan turte yeroo taʼu, Mordekaay yommuu abbaan ishii fi haati ishii duʼanitti akka intala isaatti ofitti ishii fudhate.
8 Yommuu dubbiin mootichaa fi seerri isaa labsamutti, akkasumas yommuu shamarran hedduun itti gaafatamummaa Hegaay jalatti gara dahoo* Shushaanitti* walitti qabamanitti, Asteeris itti gaafatamummaa Hegaay+ isa eegduu dubartootaa taʼe jalatti gara mana mootichaatti geeffamte.
9 Shamarreen tun baayʼee waan isa gammachiisteef, akkasumas isa duratti fudhatama* waan argatteef, inni yeruma sana wanta kunuunsa miidhaginaa*+ fi soorata ishiitiif barbaachisuuf qophii ni godhe; mana mootichaa keessaas shamarran filataman torba ishiidhaaf ramade. Kana malees, ishii fi shamarran tajaajiltoota ishii taʼan gara mana dubartootaa isa hundumaa caalaa gaarii taʼetti geesse.
10 Mordekaay+ eenyutti iyyuu akka hin dubbanne+ ishii ajajee waan tureef, Asteer waaʼee saba ishii+ yookiin waaʼee firoottan ishii waan tokko illee hin dubbanne.
11 Mordekaay waaʼee nageenya Asteerii fi haala akkamii keessa akka jirtu beekuuf guyyaa guyyaadhaan mooraa mana dubartootaa fuuldura asii fi achi deddeebiʼa ture.
12 Kunuunsi miidhaginaa* jiʼa 12f dubartootaaf akka godhamu ajajame erga raawwatamee booda, shamarran hundi tokkoon tokkoon isaanii dabaree dabaree isaaniitiin gara Ahaashweros Mootichaatti seenu turan; kunis kan taʼe jiʼa jaʼaaf zayitii qumbiitiin,+ jiʼa jaʼaaf immoo zayitii baalsaamii*+ fi dibata miidhaginaa adda addaatiin kunuunsa miidhaginaa* isaaniif godhamu raawwachuu kan qaban akkaataa kanaan waan tureefi.
13 Sana booda, shamarreen sun gara mootichaatti seenuuf ni qophoofti; achiis yeroo mana dubartootaa keessaa gara mana mootichaatti deemtu wanti ishiin gaafattu kam iyyuu ishiidhaaf ni kennama.
14 Yommuu dhihu gara mootichaatti seenti; ganama immoo itti gaafatamummaa Shaaʼaashgaaz xuʼaashii mootichaa+ isa eegduu saajjatootaa* taʼe jalatti gara mana dubartootaa isa lammaffaatti deebiti. Mootichi baayʼee yoo ishiitti gammadee fi maqaa ishii dhaʼee yoo ishii waamsise malee lammata gara mootichaa hin dhaqxu turte.+
15 Asteer intalli Abihaayil ishiin durbii Mordekaay taatee fi inni akka intala isaatti ofitti fudhate,+ gara mootichaatti seenuuf yommuu dabareen ishii gaʼu, wanta Hegaay xuʼaashiin mootichaa inni eegduu dubartootaa taʼe akka ishiin gaafattu itti himeen alatti waan tokko illee hin gaafanne. (Yeroo kana hundumaatti Asteer nama ishii ilaalu hundumaa duratti jaallatamtuu turte.)
16 Asteer bara bulchiinsa isaa waggaa torbaffaatti,+ waggicha keessaas jiʼa kurnaffaatti, jechuunis jiʼa Teebeetitti* gara Ahaashweros Mootichaatti, gara mana mootummaa isaatti geeffamte.
17 Mootichi dubartoota kaan hundumaa caalaa Asteeriin ni jaallate; ishiin durboota kaan hundumaa caalaa isa biratti fudhatama* argatte. Kanaafuu, inni gonfoo* mootuu mataa ishii irra kaaʼe; bakka Waashtiis+ mootuu ishii godhe.+
18 Akkasumas mootichi ulfina Asteeriif jecha bulchitootaa isaa fi tajaajiltoota isaa hundumaatiif affeerraa guddaa qopheesse. Achiis koonyaawwaniif dhiifamni akka godhamu ni labse; akka qabeenya mootichaattis kennaa ni hihire.
19 Yommuu durboonni*+ yeroo lammataatiif walitti qabamanitti, Mordekaay karra mootichaa bira taaʼa ture.
20 Asteer akkuma Mordekaay ishii ajajee turetti, waaʼee firoottan ishii fi waaʼee saba ishii+ waan tokko illee hin dubbanne; Asteer akkuma yeroo isa jala turteetti+ wanta Mordekaay ishiidhaan jedhu raawwachuu ishii itti fufte.
21 Bara sanatti yeroo Mordekaay karra mootichaa bira taaʼaa turetti, abbootiin taayitaa mana mootummaa lamaan, jechuunis Bigtaanii fi Tereesh warri karra eegdota taʼan, aaranii Ahaashweros Mooticha ajjeesuuf* mala qopheessan.
22 Haa taʼu malee, Mordekaay waaʼee kanaa ni beeke; yeruma sanas Asteer Mootittiitti ni hime. Achiis Asteer maqaa Mordekaayiin* mootichatti ni dubbatte.
23 Kanaafuu, dhimmichi qoratamee dhuma irratti dhugaa taʼuun isaa ni mirkaneeffame; namoonni sun lamaanis muka irratti fannifaman; wanti kun hundis kitaaba seenaa waaʼee yeroo sanaa ibsu irratti mooticha duratti ni galmeeffame.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “mana mootummaa.”
^ Ykn., “Susaa.”
^ Ykn., “haa sukkuumaman.”
^ Ykn., “mana mootummaa.”
^ Ykn., “Susaa.”
^ Ykn., “kunuunsituu.”
^ Ykn., “mana mootummaa.”
^ Ykn., “Susaatti.”
^ Ykn., “jaalala isaa isa amanamaa.”
^ Ykn., “sukkuummaa ishiitii.”
^ Ykn., “Sukkuummaan.”
^ Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
^ Ykn., “sukkuummaa.”
^ Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.
^ Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
^ Ykn., “jaalala isaa isa amanamaa.”
^ Ykn., “marata.”
^ Ykn., “shamarran.”
^ Kal., “harka irra kaaʼuuf.”
^ Ykn., “bakka Mordekaay buutee.”