Asteer 3:1-15

  • Mootichi Haamaaniif ulfina kenne (1-4)

  • Haamaan Yihudoota balleessuuf mala qopheesse (5-15)

3  Kana booda Ahaashweros Mootichi Haamaan+ ilma Hamedaataa Agaagichaaf+ iddoo guddaa ni kenne; bulchitoota warra isaa wajjin turan kaan hundumaa caalaas aangoo guddaa isaaf ni kenne.+  Mootichi isa ilaalchisee ajaja kennee waan tureef, tajaajiltoonni mootichaa warri karra mootichaa bira jiran hundi Haamaaniif gombifamanii sagadu turan. Mordekaay garuu isa duratti gombifamuus taʼe isaaf sagaduu dide.  Kanaafuu, tajaajiltoonni mootichaa warri karra mootichaa bira turan Mordekaayiin, “Ati ajaja mootichaa kan tuffattu maaliifi?” jedhanii gaafatan.  Isaan guyyuma guyyaadhaan akkanuma jechaa isa gaafatu turan; inni garuu isaan hin dhagaʼu ture. Inni Yihudii+ taʼuu isaa isaanitti himee waan tureef, gochi Mordekaay akka laayyootti kan ilaalamu taʼuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf+ jecha dhimma kana Haamaanitti himan.  Haamaanis Mordekaay gombifamee isaaf sagaduu akka dide yommuu argu baayʼee aare.+  Haa taʼu malee, isaan waaʼee saba Mordekaayis isatti himanii waan turaniif, Mordekaayiin qofa ajjeesuuf* yaaduun wanta gatii hin qabne akka taʼe godhee ilaale. Kanaafuu, Haamaan Yihudoota guutummaa bulchiinsa Ahaashweros keessa jiran hundumaa, jechuunis saba Mordekaay hundumaa balleessuu barbaade.  Ahaashweros Mootichi mootii taʼee waggaa 12ffaa isaatti,+ waggicha keessaa jiʼa tokkoffaatti, jechuunis jiʼa Niisaanitti* guyyaa isaa fi jiʼa isaa murteessuuf Haamaan duratti Puur+ (jechuunis Carraa) ni buusan; carraan sunis jiʼa 12ffaa, jechuunis jiʼa Adaar*+ irra buʼe.  Achiis Haamaan Ahaashweros Mootichaan akkana jedhe: “Sabni namoota koonyaawwan bulchiinsa kee+ hundumaa keessa jiran gidduu faffacaʼee fi tatamsaʼee jiraatu tokko jira;+ seerri isaanii seera saboota kaanii hundumaa irraa adda dha; isaan seera mootichaatiif hin ajajaman; namoota kana callisanii ilaaluun faayidaa mootichaa miidha.  Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, labsiin akka isaan balleeffaman ajaju haa barreeffamu. Anis mana qabeenyaa mootichaatti akka galchaniif abbootii taayitaatiif meetii taalaantii* 10,000 nan kaffala.”* 10  Yeroo kanatti mootichi qubeellaa chaappaa isaa harka isaa irraa baasee,+ Haamaan+ ilma Hamedaataa Agaagicha+ isa diina Yihudootaa taʼetti kenne. 11  Mootichi Haamaaniin, “Wanta gaarii taʼee sitti mulʼate akka ittiin gootuuf, meetichii fi sabichi siif kennamaniiru” jedhe. 12  Achiis jiʼa tokkoffaa keessaa guyyaa 13ffaatti barreessitoonni mootichaa+ ni waamaman. Isaanis abbootii taayitaa mootichaa warra aangoo guddaa qabaniif, bulchitoota warra koonyaawwan irratti aangoo qabaniif, akkasumas bulchitoota saba adda addaatiif ajaja Haamaan kenne hundumaa, tokkoon tokkoon koonyaatiif barreeffama* isaatiin, tokkoon tokkoon namaatiifis qooqa isaatiin ni barreessan.+ Xalayaan sunis maqaa Ahaashweros Mootichaatiin barreeffamee qubeellaa chaappaa mootichaatiin chaappaan irratti godhamee ture.+ 13  Ajajni dargaggeessaa fi maanguddoo, ijoollee fi dubartoota utuu hin jedhin guyyaa tokkotti, jiʼa 12ffaa isa jiʼa Adaar+ taʼe keessaa guyyaa 13ffaatti, Yihudoota hundumaa akka fixan, akka ajjeesanii fi akka barbadeessan, akkasumas qabeenya isaanii akka saaman xalayaawwan sun gara koonyaawwan mootichaa hundumaatti kan ergaman karaa ergamtootaa ture.+ 14  Namoonni sun guyyaa sanaaf akka qophaaʼaniif, garagalchiin xalayaawwan sanaa koonyaa hundumaa keessatti seera taʼee baʼuu fi namoota hundumaatiif labsamuu qaba ture. 15  Ergamtoonni sunis ajaja mootichaatiin saffisaan baʼanii deeman;+ seerichis dahoo* Shushaan*+ keessatti ni labsame. Achiis mootichii fi Haamaan dhugaatii dhuguudhaaf ni taaʼan; magaalaan Shushaan* garuu jeequmsa keessa turte.

Miiljaleewwan

Kal., “harka irra kaaʼuuf.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn tarii, “Ani namoota hojii kana hojjetaniif taalaantii 10,000 mana kuusaa mootichaatti nan kaffala.”
Ykn., “akkaataa barreeffamaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “Susaa.”
Ykn., “Susaa.”