Asteer 4:1-17
4 Mordekaay+ wanta raawwatame hundumaa yeroo beeketti+ uffata isaa tarsaasee uffata gaddaa uffate; mataa isaa irrattis daaraa firfirse. Achiis sagalee isaa ol kaasee iyyaa, mararamees booʼaa walakkaa magaalattii keessa darbe.
2 Namni kam iyyuu uffata gaddaa uffatee karra mootichaatti seenuu waan hin dandeenyeef, inni hamma karra mootichaatti qofa deeme.
3 Koonyaa+ dubbiin mootichaa fi labsiin isaa gaʼe hundumaatti, Yihudoota gidduu gadda guddaatu ture; isaan soomaa,+ booʼaa fi gadoodaa turan. Baayʼeen isaanii uffata gaddaa fi daaraa irra ciisu turan.+
4 Tajaajiltoonni Asteer warri dubartoota taʼanii fi xuʼaashonni ishii gara ishiitti seenanii wanta kana yommuu ishiitti himan, mootittiin baayʼee dhiphatte. Achiis inni uffata gaddaa of irraa baasee akka isa uffatuuf Mordekaayiif uffata ergite; inni garuu uffachuu ni dide.
5 Yeroo kanatti Asteer Hataak isa xuʼaashota mootichaa keessaa tokko taʼee fi akka ishii tajaajiluuf mootichi muude sana waamtee wanta taʼee fi wanta raawwatame Mordekaay irraa akka qulqulleeffatu isa ajajje.
6 Kanaafuu, Hataak gara Mordekaay isa addabaabayii magaalattii karra mootichaa fuuldura jiru sanaa ni dhaqe.
7 Mordekaayis wanta isa irra gaʼe hundumaa fi Haamaan Yihudoonni akka balleeffamaniif+ jecha mana qabeenyaa mootichaatiif maallaqa+ hammamii kaffaluuf waadaa akka gale isatti hime.
8 Kana malees, garagalchii labsii barreeffamaan qophaaʼe isa Shushaan*+ keessatti baʼee fi akka isaan balleeffaman ajaju sana isatti kenne. Barreeffama sanas Asteeritti akka argisiisuu fi dhimmicha akka ishiidhaaf ibsu, akkasumas gara mootichaatti seentee isa biratti fudhatama argachuuf akka kadhattuu fi saba ishiitiif cimsitee kallattiidhaan akka isa kadhattu akka ishiitti himu+ isa erge.
9 Hataakis deebiʼee dhufee wanta Mordekaay jedhe Asteeritti hime.
10 Asteeris akkana jedhee Mordekaayitti+ akka himu Hataakiin ajajje:
11 “Tajaajiltoonni mootichaa fi namoonni koonyaawwan mootichaa keessa jiran hundi seerri dhiiras taʼe dubartii utuu hin waamamin mooraa mootichaa+ isa keessaatti seenu kam irratti iyyuu raawwatamu tokko qofa akka taʼe beeku; namni sun ni ajjeefama; lubbuudhaan ooluu kan dandaʼu mootichi ulee mootii isa warqii irraa tolfame yoo isatti hiixate qofa dha.+ Anis gara mootichaatti akkan seenu guyyaa 30f hin waamamne.”
12 Mordekaay wanti Asteer jette yommuu isatti himamu
13 akkana jedhee Asteeriif deebise: “Ati mana mootichaa keessa waan jirtuuf qofa Yihudoota hundumaa gidduudhaa ooluu akka dandeessu gootee hin yaadin.
14 Ati yeroo kanatti yoo calliste, boqonnaanii fi fayyinni bakka kan biraatii Yihudootaaf ni dhufa;+ atii fi manni abbaa keetii garuu ni baddu. Ati mootuu kan taate yeroo akkanaatiif yoo taʼe maaltu beeka?”+
15 Achiis Asteer akkana jettee Mordekaayiif deebiste:
16 “Dhaqiitii Yihudoota Shushaan* keessatti argaman hundumaa walitti qabi; waaʼee kootiifis soomaa.+ Guyyaa sadiif+ halkanis taʼe guyyaa hin nyaatinaa, hin dhuginaas. Anis tajaajiltoota koo warra dubartii wajjin nan sooma. Seericha cabses gara mootichaatti nan seena; yoon bades nan bada.”
17 Kanaafuu, Mordekaay karaa isaa ni deeme; wanta Asteer akka inni godhu isatti himte hundumaas ni raawwate.