Asteer 6:1-14

  • Mootichi Mordekaayiif ulfina kenne (1-14)

6  Halkan sana mootichi hirribni* isa fudhachuu dide. Kanaafuu, kitaaba seenaa bara sanaa akka isaaf fidan ajaje;+ kitaabichis mootichaaf ni dubbifame.  Achi irrattis mala abbootiin taayitaa mana mootummaa lamaan Bigtaanii fi Tereesh warri karra eegdota taʼan Ahaashweros Mooticha ajjeesuuf* qopheessan ilaalchisee wanti Mordekaay dubbate barreeffamee argame.+  Mootichis, “Mordekaay kana gochuu isaatiif ulfinaa fi beekamtii akkamiitu isaaf kenname?” jedhee gaafate. Yeroo kanatti tajaajiltoonni mootichaa, “Homtuu isaaf hin godhamne” isaan jedhan.  Boodas mootichi, “Mooraa keessa kan jiru eenyu?” jedhee gaafate. Yeroo kanatti Haamaan Mordekaay jirma inni isaaf qopheesse irratti akka fannifamu+ mootichatti dubbachuuf gara mooraa mana mootichaa isa alaatti+ dhufee ture.  Tajaajiltoonni mootichaas, “Mooraa keessa dhaabbatee kan jiru Haamaani”+ jedhanii isatti himan. Kanaafuu mootichi, “Ol seensisaa” isaaniin jedhe.  Haamaan yommuu ol seenu mootichi, “Nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf maaltu godhamuu qaba?” isaan jedhe. Haamaanis garaa isaatti, “Mootichi ana caalaa eenyuuf ulfina kennuu barbaada?”+ jedhee yaade.  Kanaafuu, Haamaan mootichaan akkana jedhe: “Nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf,  uffata mootii+ isa mootichi uffatuu fi farda mootichi irra taaʼu isa mataa isaa irra gonfoon kaaʼame haa fidan.  Achiis uffatichii fi fardichi bulchitoota mootichaa warra guguddoota taʼan keessaa isa tokkotti itti gaafatamummaadhaan haa kennaman; isaanis nama mootichi ulfina kennuufii barbaadu sanatti uwwisanii fardicha irra isa kaaʼuudhaan addabaabayii magaalattii keessa haa naannessan. Achiis, ‘Nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf kanatu godhama!’+ jedhanii isa duratti haa labsan.” 10  Mootichis yeruma sana Haamaaniin, “Dafi! Uffatichaa fi fardicha fudhadhuutii wanta amma dubbatte kana Mordekaay Yihudicha isa karra mootichaa bira taaʼuuf godhi. Wanta dubbatte keessaa waan tokko illee hin hambisin” jedhe. 11  Kanaafuu, Haamaan uffatichaa fi fardicha ni fudhate; achiis Mordekaayitti+ uwwisee fardicha irra isa kaaʼee addabaabayii magaalattii keessa isa naannessee, “Nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf kanatu godhama!” jedhee isa duratti labse. 12  Sana booda Mordekaay gara karra mootichaatti ni deebiʼe; Haamaan garuu mataa isaa haguuggatee gaddaa hatattamaan gara mana isaatti deebiʼe. 13  Haamaan wanta isa irra gaʼe hundumaa haadha manaa isaa Zeereeshii+ fi michoota isaa hundumaatti yommuu himu, namoonni isaa warri ogeeyyii taʼanii fi haati manaa isaa Zeereesh, “Mordekaay inni ati isa duratti kufuu jalqabde kun sanyiin isaa Yihudii yoo taʼe, ati isa moʼuu hin dandeessu; shakkii tokko malee isa duratti ni kufta” isaan jedhan. 14  Isaan utuma isaa wajjin dubbachaa jiranii, abbootiin taayitaa mootichaa dhufanii hatattamaan Haamaaniin gara affeerraa Asteer qopheessitetti fuudhanii deeman.+

Miiljaleewwan

Kal., “hirribni mootichaa ni bade.”
Kal., “irra harka kaaʼuuf.”